Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mucaa waggaa 13 osoo reebicha nama hojjachiisuu baqattuu gamoo 4ffaarraa kufte
Daa'ima reefu ganna 13'ti. Erga hojjettuu manaa taatee qacaramtee dhihoo ta'uu kanneen itti dhiheenyaan ishee beekan ni dubbatu.
Birtukaan [nageenya isheef jecha maqaa ishee kan geedarame] ofiifuu daa'ima taatus daa'ima warra itti qacaramtee kunuunsiti.
Namoonni dhimmichatti dhiheenya qaban BBC'tti akka himanitti Birtukaan hin barattu. Warri isheen bira hojjattuu ishee arrabsu, ishee dhamaasu. Kanarra darbees akka irra deddeebiin reebamtu poolisiinis BBC'f mirkanesseera.
A.L.I Ebla 21, bara 2014 garuu miidhaa hamaatuu irra qaqabe.
Akka poolisiin Magaalaa Finfinnee, ollaan ishee, namoonni dhihootti ishee beekaniifi waajjirri dhimmoota daa'immaniifi dubartootaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa waan guyyaa sana ta'e BBC'tti himan.
Taateen kun kondominiyeemii Samiit keessatti raawwate. Gara guyyaa keessa namni isheen bira hojjattu ''meeshaan mana keessaa badeera, eessa jira?'' jechuun gaafate. Isheenis homaa akka hin beekne itti himte.
Namni ishee hojjechiisu garuu reebicha eegale. Reebichi itti cimees of wallaalte. Eegasii namni ishee hojjechiisu bishaan yeroo itti naqu of barte.
Reebichi akka hin dhaabbannee kan shakkite Birtukaan, lubbuushee oolchuuf mana keessaa fiigdee gamoo afraffaarraa of darbatte.
Baaxii suuqii tokkorra buutee lafa geesse. Jiraattonni kondominiyeemichaa fuudhanii buufata fayyaa geessan. Nama ishee hojjechiisu immoo poolisiif dabarsanii kennan.
Yeroo gabaasi kun bahetti Birtukaan balaa isheerra gaherraa hanga tokko bayyanatteetti.
Dubbii Himaa Poolisii Magaalaa Finfinnee BBC'n A.L.I Caamsaa 05, 2014 dubbise Komaandar Maarqos Taaddasaa, namichi ammallee to'annoo poolisii jala jiraachuu himan.
Kutaa Bulchiinsa Lammii Kuraatti Itti-gaafatamtuun Dhimma Daa'immaniifi Dubartootaa Aanaa 5, Aadde Lalisee Bilaattaa Dabalaa garuu namichi wabiin akka gadhiifame odeeffachuu BBC'tti himte.
Jiraattonni kondominiyeemii Samiit lama namni daa'ima kana reebuun shakkames hidhaa guyyootaan booda gadhiifamee dallaa keessatti mul'achu BBC'tti himaniiru.
''Yeroo itti cimu of darbatte''
Zaman (maqaan kan jijjiirame) Birtukaaniin dhihootti beekti. Nageenya isheef waan sodaatteef akkamiin akka ishee beektu dubbachuu hin feene.
''Namichi laaptoppiitu na jalaa bade jedhe natti fakkaata 'Laapptoppicha fidi' jedhee mana ciisichaa galchee yeroo reebu of wallaalte.
''Yeroo bishaan itti naqu of barte. Yeroo ishee reebu 'dhiisi nan ajjeesin' jechaa kadhataan turte. Yeroo isheef gamu miliqxeea gamoorraa of darbatte,'' jechuun ibsiti.
Akka isheen jettutti, reebichi ganama sa'aatii afuritti kan eegale yoo ta'u yeroo dheeraaf reebaa ture. Yoo xiqqaate sa'aatii lamaaf tureera jetti.
Yeroo Birtukaan gamoorraa of darbattu nami ishee hojjechiisu ''rifatee ture'' jechuun himti.
Guyyaa badiin irra gahe durayyuu reebamaa akka turte himti. Birtukaan gaafas erga reebichi irra gahee booda dugda ishee akka dhukkube obboleettiin ishee Finfinnee jirtu itti himuu dubbatti.
''Osoo baaxii suuqiikoorra bu'uu baattee lubbuun waan haftu hin se'u''
Namichi akka to'atamu kanneen gumaacha olaanaa taasisan keessaa tokko Tsahaay (maqaan jijjiirame) dha.
Gaafas iyya dhageessee manaa yeroo baatu shamarreen kuni gamoorraa kuftee, dhoqqee keessa seentee, of wallaaltee lafarra ciifteetti.
Jiraattonni kondominiyeemichaa konkolaataa dhihoo jiru kadhatanii Birtukaan mana yaalaa geessan.
''Waliin eenyutu mana yaalaa deema yeroo jedhamu namni tokko konkolaataa keessa seene. 'Isatu sa'aatii afur eegalee reebaanii ture' yeroo jedhamu nan dhagahe.
''Achii yoo waliin deeme karaatti irraa bu'uu danda'a jedhee poolisii nan waame. Buufata fayyaa dhufanii to'atani,'' jechuun himti.
Birtukaan wal'aansa dabalataaf hospitaala Yakkaatit 12 jedhamutti ergamtee yaala argatteetti. Guyyoota muraasa boodas hospitaala keessaa baateetti.
''Mana sana keessa erga hojii eegaltee yoo xiqqaate waggaa sadii ishee darbeera. Sababa kanaaf kan isheen dhufte waggaa 10 isheetiini jechuun danda'ama.
''Daa'imas baatti, hojjettuu manaatis. Gaafas osoo baaxii suuqichaarraa bu'uu baattee lubbuun waan haftu natti hin fakkaatu,'' jechuun himti.
Tsahaay akka jettutti Birtukaaniifi namichi ishee reebe ''firadha'' yeroo jedhan dhagesseetti. Dhimmichi poolisiin qabamuus dhiibbaan godhamee Birtukaan haqa argachuu dhabdi jechuun yaaddoo qabdi.
'Nama gaddisiisa'
Alam (maqaan geeddarame) kondominiyeemii badiin raawwate keessa jiraatti. Kanneen poolisiif ragaa ta'an keessaa tokkodha. Birtukaan erga kuftee booda iyya dhageessee manaa baate.
''Cinaacha isheen kufte. Of wallaaltee turte. Namichi rifatee fiigaa dhufee buufata fayyaa geeffamte,'' jechuun haala ture yaadatti.
Gaafas poolisoonni dallicha deemanii odeeffannoo walitti qabuufi waajjirri daa'immaniifi dubartootaa kutaa magaalaa Lammi Kuraa ragaa baatota akka dubbisan ibsiti.
''Shamarrittiin buufata poolisiitti ragaa yeroo kennitu rifattee callistee turte. Osoo agarte si mararti. Isa dura dallaa keessa ishee argee beeka. Gammachuun fuula isheerraa hin mul'atu.
''Osoo kan keetti fudhattee yaaddee nama gaddisiisa,'' jechuun himti.
''Hiraarsa bira hin darbiinaa''
Kutaa Bulchiinsa Lammi Kuraatti Itti-gaafatamtuun dhimma daa'immaniifi dubartootaa Aadde Lalisee Bilaattaa Dabalaa Birtukaan itti fooyya'eera, garuu dugda ishee dhukkuba jetti.
Waan ragaa baatotarraa dhageesse BBC'tti kan himte yoo ta'u wanti dhageesse kanneen BBC'tti himaniin wal sima.
Isa durallee shamarreen ganna 12 achuma naannawa amma badiin dhaqqabetti ''reebichaafi dhamaatiin itti hammaannaan foddaan yeroo utaaluuf jettu qabannee poolisiif kenninee beenna,'' jechuun himti.
Haleellaa akkanaa arganii akka hin agarre dhiisanii darbuurraa osoo eeruu kennanii haleellaa daa'immanirratti gahu hambisuun akka danda'amu himti.
''Jiraattonni kondominiyeemii hedduu firaafi ijoollee ollaa baadiyyaarraa fidanii balbala itti cufanii humna isaanii itti fayyadamun isaan hiraarsu.
''Shamarran barumsa dhowwaa kanneen dhaloota fuulduraa biyya nurraa dhaalan hambisaa jiran hedduudha,'' jechuun himti.
Hawaasi mana ofii akka sakatta'u, darbees miidhaa akkanaa akka saaxilu dhaamti.
Poolisiin maal jedhe?
Dubbii Himaan Poolisii Finfinnee Komaandar Maarqos Taaddasaa, namichi ishee reebe karaa haadha isheetiin shamarree kanaaf firadha jechuun himan.
Magaalaa naannoorraa akka fidan baruu BBC'tti himaniiru. Yeroo adda addaatti akka ishee rebus shamarreen kun poolisiitti himuu dubbatan.
Yeroo ammaa Birtukaan hospitaala Yakkaatit 12 keessaa bahuun adaadoo ishee bira akka jirtu ibsanii fayyaan ishee haala gaariirra akka jiru odeeffannoon isaan dhaqqabuu himan.
Dhamaatiin hojjettoota manaarra gahu bal'aadha kan jedhan Komaandar Maarqos wanta mudatu akkanaan eeru.
Reebicha, miidhaa saalaa, arrabsoo, miindaa dhowwachuu, bilbila harkaa butuu, yeroo hirriba gahaa dhoowwachuu, nyaata dhoowwachuufi kaan akka irra gahu dubbatan.