Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Godinaalee Oromiyaa garagaraatti wal waraansi ija addunyaa jalaa dhokfamee gaggeeffamaa jira' - KFO
Ajjeechaan jumlaa lammiilee nagaa irratti raawwatamaniifi raawwatamaa jiran qaama idil addunyaa bilisa ta’een akka qorataman Partiin Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n gaafateera.
Kongirasiin Federaalawaa Oromoo rakkoolee nageenyaafi diinagdee dabalatee haala waqtaawaa naannoo Oromiyaa fi biyyattii ilaalchisee waajjirasaa mummee magaala Finfinneetti argamutti Kamisa Caamsaa 12, 2022 ibsa kenneen kan kan gaafate.
Dhaabichi “sa’aatii amma itti haasa’aa jirru kanatti iddoowwan Oromiyaa garagaraatti wal waraansi ija addunyaarraa dhokatee adeemsifamaa jira” jechuun haala nageenyaa godinaalee Oromiyaa garagaraa jiru ibseera kan ibsan.
Ji’oota muraasa darbanitti Oromiyaa keessatti qofa lammiileen nagaa 297 ol humnootii mootummaan ajjeefamaniiru kan jedhu KFOn, namoonni kuma 500 ol immoo sababa waraanaatiin buqqa’uu himeera.
UN'tti dhaabbati Dhimma Gargaarsaa qindeessu (UNOCHA) ibsa xumura torban darbe baasen, Naannoo Benishaangul, Godina Kaamashii dabalatee jiraattonni 500,000'tti tilmaamaman buqqa'uu dhiheenya ibsuun ni yaadatama.
Akkasumas qondaalli Mootumaa Naannoo Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadiir rakkoo nageenyaan Oromiyaa keessatti lammiileen kuma dhibba jahatti siqan buqqa'uu BBC'tti himanii turan.
“Namoonni ajaja mana murtiin ala hidhamu, hiraarsis irratti gaggeeffama; gama kaaniin ammoo murtii malee ajjeefamu, ukkaamfamanii dhabamsiifamu” jechuun ibse KFOn.
Kana malee sirni haqaa biyyattii laafuufi ajajni manneen murtii qaamolee bulchiinsaatiin kabajamaa akka hin jirres kaaseera paartichi ibsa isaa kanaan.
Gama biraatin biyyattiin sababa waraanaatiin kufaatii diinagdee keessa seenuu kan hime KFOn “wal waraansi yoo furmaata hin argatiin gaaga’amni siyaasaafi kufaatiin diinagdee biyyattii daran hammaataa fi walxaxaa deemun isaa hin hafu” jechuun yaaddoo qabus himeera.
Kanaafis wal waraansi dhaabbachuun rakkooleen jiran marii siyaasaan furamuu akka qabaniif waamicha taasise.
Itti dabalunis, qaamoleen naannoo Oromiyaa fi naannolee biyyattii biroo keessatti lammiilee nagaa irratti ajjeechaa jumlaa raawwatan hundi seeratti akka dhiyaatanis gaafateera.
Faannoo fi humnootii naannoo Amaaraa biroo…
Humnootiin Faannoo fi milishootni akksumas humni addaa naannoo Amaaraa naannichaan deeggaramuun naannolee Amaaraa, Oromiyaafii Benishaangul Gumuz keessatti lammiilee nagaa ajjeessaa jiraachuu KFOn ibsa isaa kanaan hime.
Humnoonni kun saamicha midhaanii fi loonii akkasumas manneen gubaa jiraachus eeree jira.
Kana malees humnootiin naannicha keessatti karaa seeraan alaatin gurmaa’un hidhatan nageenya naannichaa, naannolee ollaafii guutuu biyyattiif sodaa ta’uu himeera.
Kanaan duras jiraattoonni BBCn godinaalee Oromiyaa garaa garaa irraa dubbise hidhattootta naannoo Amaaraa Faannoo jedhamaniifi hidhattoota motummaan ABO-Shane jedhuun Oromiyaa keessa socha'an akkasumas humnootii motummaatiin kallattii sadiin miidhaan irra gahaa akka jiru himachaa akka jiran gabaasuun keenya ni yaadatama.
Dhimma marii biyyaalessaa
KFOn sochii mootummaan marii biyyaalessaa jechuun taasisaa jirus qeeqera.
“Yeroo ammaa kana sochiin maqaa marii biyyaalessaatin geggeefamaa jiru adeemsa qoosaa ta’uu biraa darbee rakkoolee jiran kan daran hammeessu adeemsa balaa qabudha” jedheera.
Komishiniin marii biyyaalessaa ijaarames ta’e adeemsichi walaba fi hirmaachisaa akka hintaanes himeera.
Haala amma biyyattii keessa jirun Komishiniin marii biyyaalessaa jijjiirama fiduu akka hin dandeenye dura taa’aan dhaabichaa Profeesar Mararaa Guddinaa sodaa qaban himan.
Marichi kunneen hidhannoon bosona jiran dabalatee qaamolee hunda kan hirmaachiseefi haala qaamni walabaa jirutti adeemsifamuu akka qabus himeera.
Kanaafis mootummaan “adeemsas ta’e bu’aa marii biyyoolessaa kophaatti to’achuuf godhu dhaabee ardaa siyaasaa akka banu gaafanna,” jedheera.