Gaarummaa: 'Namoota kaaniif gaarii yeroo raawwannu, sammuun keenya akka badhaafamettii lakkaa'a'

Nama sababa malee waan gaarii namaa godhu, akka gowwaa, laafaafi garraamii wayiitti yeroon itti ilaalamu baayyee jira. Tahus gaarummaan hariiroo namootaa waliin qabnuuf dhimma murteessaa dha.

Barnideet Raasil waggaa tokko guutuu namootaaf akkasumaan waan gaarii gochaa baate. Kunis akkamiin jireenyashee akka jijjiire dubbatti.

Bara 2011 kaaffee keessa taa’ee ciree koo nyaachaan ture.

Televizhinii keessa, Landanitti baasiin ummataa yeroo gubatu mul’ata. Baayyee suukaneessaa ture, waraana walii-waliinii fakkaata ture.

Hokkora achitti uumameef tarkaanfiin fudhatame immoo gaarii hin turre. Inni baayyee na mufachiisee ture, waa’ee guddina rakkoo addunyaan keessa jirtu yeroon yaadu abdii kutannaatu natti dhagahama.

Maal gochuu akkan qabu hin beekun ture.

Guyyoota muraasaan booda nama mana poostaatti tajaajila argachuuf paawundii 50 kaffalu dhabe tokkoof, qarshii barbaadu sana nan kenneef.

Namni qarshii narraa argate sun akka malee gammade. Garuu qarshiifi yeroon ani kenneef anaaf homaa hin turre.

Garuu xiqqoollee taatu nama kana akka itti tolu godheera, sunimmoo garaagarummaa guddaa uumee ture.

Sana booda yaadni wayii tokko naa dhufe, ‘’kana booda gara mana koo yeroon galu guyyaa guyyaatti waggaa tokkoof nama haaraa hin beekneef sababa malee waan gaariin godhan,’’ jedhe.

Gochaa kanaan jireenyikoo hin jijjiirame.

Qo’annoowwan garaagaraa akka agarsiisanitti gaarii ooluun ykn dalaguun sababaan kan raawwatamu miti, uumamaan malee. Gaarii namaa gochuuf sababa yoo barbaanne ykn yoo itti yaadne, gaarii ooluun keenyi hir’isaa adeema.

Daa’imman illee nama itti siqan yoo argatan amala gargaarsa kennuu agarsiisu.

Gaarii namaa ooluun sammuu keenya irrattillee dhiibbaa gaarii qaba.

Roobiin Baanarjii Yunivarsiitii Saaseeks, Wiirtuu Qorannoo Gaarummaa keessa qo’annoo taasisu.

‘’Gaarummaan kaayyoo namoota kaan fayyaduu jedhuun taasifamu nama gaarummaa sana raawwatuuf bu’aa gaarii qaba,’’ jedhu.

Yeroo kanatti kutaan sammuu keenyaa dammaqu waan jiruuf.

'Akka badhaasamnetti nutti dhagahama'

‘’Gochaan gaarummaa kuni niiwurootiraansmiitaroota sammuu keenyaa- keemikaalota miira keenya to’atan dammaqsa jechuu dha,’’ jedhu.

Qo’annoon, miirri gammachuu kana raawwachuun nutti argannu namoota kaan wajjin akka walitti dhiyaannuufi hariiroo uumnu nu godha jedha.

Roobiin akka jedhanitti gamtaadhaan waliin hojjechuuf dhimmootni nu gargaaran hariiroo hawaasummaa xixiqqoo qabnurratti kan bu’uureeffamanidha.

‘’Kanaaf jedhu qorataan kuni akkaataan namoota kaan wajjiin hariiroo uumnu dhimma bu’uuraati,’’ jechuun ibsu.

Barnideetitti yeroo deebinu, waggaa tokkoof namoota homaa hin beekneef sababa malee waan gaarii yeroo ooltu maaltu uumame?

Waggaa tokko keessatti waanin hubadhe gochaa gaarummaa kana, nama hin beekneef raawwachuun, waan suga qabuufi namatti tolu tahuudha jette.

Garuu yeroo hunda miti, takka takka waan si naasisu si mudachuu danda’a.

Yeroo kaan immoo baasii qaalii tahe si baasisaa, waan baayyee namootaaf bittee gamoo mana isaanii geessuun fa’i, qaama kee miidhuu danda’a.

Barnideet muuxannoo keemikaalaa qaamni keenya yeroo namoota kaan gargaarru akka si’oofnu taasisu keessa dabarteetti. Kunis ‘Helper’s high’ jedhamuun beekama. Miirri kuni akkamiin ibsama?

''Yeroo sanatti miira gammachuu fi ifaa keessan oola. Miirri sun kan onnee kee ho’isuu wayiifi garaa si ciibsudha,'' jetti.

Gaaffiin inni guddaan gaarii tahuun waan uumamaan nu keessa jiru yoo taheef, maaliif addunyaa gaarummaa itti baay’ate keessa jiraachaa hin jirru?

Ilmi namaa dandeettii warra kaaniif gaarii tahuu qaba, garuu carraa hammeenya guddaa namarraan gahuus qaba jedhu Roobiin.

Naannoon keessattii guddannu kanaaf dhiibbaa guddaa qaba jedhu.

Barnideet waa’een gaarummaa akkataan nutti himame rakkoo qaba jetti.

Seenaan waa’ee gaarii namaa ooluu dhageenyu baayyeensaa akka waan laafaa tahutti ilaalama.

Kanaaf immoo Roobiin waan akka fakkeenyaatti kaasan qabu.

Fakkeenyaaf nama milkaa’e yaadaa otoo jedhamne kan gara sammuu keenyaatti dhufu nama gaarii namaa ooluu otoo hin taane, nama beekamaa, sooressa ykn aangoo qabu dha jedhu.

‘’Yaada akkasii jijjiiruudhaaf jedhu Roobiin, jireenyatti milkaa’uun hariiroo namoota kaan wajjiin qabnu kan dabalate tahuu qaba jennee yaaduu qabna,’’ jedhu.

Qo’annoon gaarummaa ilaallatu dhihoo namoota 60,000 irratti adeemsifame, yeroo weerara Kooviid namoonni kan durii irra gaarii walii tahaniiru.

Yeroo weerarri Kooviid 2020tti jalqabe Niinaa Andarsan duula barattoonni maanguddootaaf xalayaa akka barreessan taasisu jalqabde.

Kana kanin jalqabe manguddootni manatti yookiin iddoo kunuunsi isaaniif kennamutti nama waliin haasa’an ijaa hin qabneef baaxii manaa ilaalaa oolu gatii taheefi.

Waan akka laayyootti jalqabnee amma jaarmiyaa dhaabnee manneen barnootaa 250 fi manneen kunuunsaa manguddootaa 250 walitti fidneerra.

Namoota kumaan lakkaa’amanis waan gaariidhaan isaan bira dhaabbachuu dandeenyeerra.

Barnideet, gaarii gochuuf waan gochuu qabnu dubbatti: ''Hundi keenyi gaarii tahuu, nama gargaaruu ni barbaanna garuu amma yaadachuu kan qabnu gaarummaa guddaa gochuuf dandeettii akka qabnu dha.''

Addunyaa kanarra gaarii taate akkamiin ijaaruu dandeenya?

Roobiin, kuni dhimma ‘’namoota akkas godhaa, har’aa qabii waan gaarii godhi jedhanii qajeelfama kennuu mitii,’’ jedhu.

‘’Namootni waan gaarii raawwachuun akka barteefi waan addaa hin taanetti akka hin ilaalleef naannoo keenya jijjiiruu qabna,’’ jedhan.

Barnideetis manneetii barnootaa, hospitaalli, jaarmiyaaleen tajaajila ummataa kennan qajeelfama gaarummaa otoo qabaatanii gaarii ta'u himu.

Wayii dalaguun dura ‘’kuni waan gaarii dha? ‘’ jennee otoo of gaafannee, sanaan gaarummaan qaama jiruufi jireenya keenyaa tahaa jechuu dha jechuun ibsu.

Jijjiirama guddaa arguuf barbaaduun garuu dalagaawwan gaarummaa xixiqqoo tahan hiika hin qaban jechuu miti jedhu Roobiin

Adeemsa isheen gochaa gaarummaa namaa ooluun wanti guddaa Barnideet hubatte maali?

Guyyaa, guyyaatti waan gaarii gochuun akka danda’amu dha, kunis nama nagaa gaafachuufi faara gaarii itti agarsiisuu fa’i tahuu mala.

Roobiinillee akkasuma, ‘’gochaa gaarii xixiqqoo tokkoon tokkoon keenyi raawwannuun hundi keenyi gaarii walii taana, naannoo warra kaaniifis mijataa tahe uumna,’’ jedhan.