Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaanfa Afrikaatti lammilee miliyoonaan lakkaa'aman beela'an baraaruuf waadaan galame
Dhaabbileen gargaarsaa lammileen Gaanfa Afrikaa balaa beelaatiif saaxilaman baraaruudhaaf gargaarsa taasisuuf waadaa galan.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n biyyoonni Lixaafi dhaabbileen gargaarsaa namoota balaa beelaa irraa baraaruudhaaf carraaqqii taasifamuuf dolaara biliyoona 1.39 kennuudhaaf waadaa galuu isaanii beeksiseera.
Mootummaan Ameerikaa warra hongeen miidhameef gargaaruuf kan oolu dolaara miliyoona 200 deeggarsa akka kennu kan hime yoo ta'u, mootummaan Kanaadaaammoo dolaara miliyoona 73 kennuudhaaf waadaa seeneera.
Gargaarsi biyyoota Lixaa kun kan taasifame Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaatti namoota miliyoonaan lakkaa'aman beelarraa baraaruuf gargaarsi atattamaa akka taasifamuuf waamicha erga taasifameen boodadha.
Dhaabbileen miti-mootummaa 40 ol ta'an kunneen osoo balaan hamaa hin uumamiin dura biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti namoota miliyootaan lakka'aman beelarraa baraaruudhaaf tumsi akka taasifamuuf Ebla 25, 2022 ibsa waloo baasaniinii himaniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa kunneen yeroo ammaa kanatti Itoophiyaatti, Somaaliyaafi Keeniyaatti ummanni miliyoona 14 ta'u balaa beelaatiif saaxilamuufi gargaarsi barbaachisaa taasifamuu baannaan lakkoofsi namoota miidhamuu danda'anii gara miliyoona 20tti ol guddachuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.
Dhaabbileen miti-mootummaa kunneen akeekkachiisa kana kan baasan Gamtaan Awurooppaafi waajirri OCHAn waa'ee hongee Gaanfa Afrikaatti dhalatee Ebla 26, 2022 marii gaggeessuu isaaniitiin guyyaa tokko durseeti.
Marii Ebla 26, 2022 Jenevaatti gaggeeffamerratti bakka buutonni mootummoonni Somaaliyaa, Keeniyaafi Itoophiyaa argamaniiru jedhame.
Dhaabbileen gargaarsaa biyyoonni Lixaa maallaqqa kennuudhaaf waadaa galan namoota miidhamaniif hojii nyaata gargaarsaafi dhiyeessii qorichaa akka hojjetan, nyaataafi qoricha loonii akka kennanis OCHAn beeksiseera.
Sagantaan Nyaata Addunyaa dhuma bara 2020tti lakkoofsi namoota balaa beelaatiif saaxilamanii miliyoona 14 irraa gara miliyoona 20tti akka guddachuu danda'u akeekkachiisee ture.
Dhaabbileen gargraasaa Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa keessa socho'an hojii lubbuu baraaruu hojjechuudhaaf dolaara biliyoona 4.4 gaafataniiru.
Lammileen Gaanfa Afrikaa miliyoonaan lakkaa'aman sababa hongeetiin hanqina nyaataafi saaxilaman, weerara COVID-19, walitti bu'insaafi weera awaannisaan, akkasumas waraana Raashiyaa-Yukireen hordofee gatiin shaqaxxawwanii qaala'uu isaatiin rakkoo wal xaxaa ta'e keessa galaniiru.