Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
SpaceX: Foon hawaa keessatti omishamuu danda’aa?
Dureeyyonni addunyaa kanaa lamaan Jeef Bezoosi fi Iloon Mask hawaa koloneeffatanii qabachuu barbaadu.
Dhaabbanni Qorannoo Hawaa Ameerikaa NASA’n ammoo dhala namaa Maarsiirra – dirra pilaanetii dhukkeen guutamteerra qubsiisuu tattaafachuu itti fufeera.
Garuu otoo dhalli namaa ji’arra ykn Maarsiirra heddummatee, hawaasa ta’ee kan jiraatu ta’ee maal nyaatu laata?
Biqiltuun hawaa keessatti marguu akka danda’u adda baasuuf yaaliin hedduu kanaan dura gaggeeffameera.
Torban darbe kana keessa ammoo seeliin foonii hawaa keessatti guddachuu akka danda’u adda baasuuf yaaliin haaraan eegalameera.
Madda qabiyyee soorataa kana sadarkaa xiqqaan kan yaalamu yoo ta’u, saffisaan bal'isuun kan danda’amuudha. Yaaliin kun yoo xiqqate fuulduratti imala gara hawaatti taasifamuuf abdii ta’a jedhamee eegama.
Yaaliin kun akka gaggeeffamu kan barbaadu dhaabbata biyya Israa’el foon seeliirraa guddisee omishuun gurra horate ‘Aleph Farms’ jedhamudha.
Yaaliin kun gartuu qorattoota hawaa buufata hawaa idil-addunyaa daawwataniin gaggeffame.
Qeeqxonni garuu tooftaan kun qorattoonni hawaa kan irratti of gatan miti jedhu. Akka isaan jedhanitti, hawaa keessatti foon omishuun ykn guddisuun dacheerraa gara hawaatti fidachuu gadi hin ta’u, jajjabaadha jechuudha.
Akkamitti foon guddisuun danda’ama?
Foon seeliirraa sadarkaa guddaa akkanatti guddisuun hawaa keessatti mitii lafarrattuu salphaa miti.
Kaampaniin ‘Aleph Farms’ jedhamu garuu kaampanoota hedduu foon omishuuf yaalan keessa tokkodha, garuu kaampaniin kun hawaa keessatti omishuu yaaluun kun yeroo jalqabaafidha.
Kaampanichi garuu jecha "foon laabiratoorii keessatti omishame" jedhutti gargaaramuu hin barbaadu. Taatullee akkaata omishaa duraan beeknurraa adda.
Seeliin sa’a ykn beeylada kamirraayyu ni fudhatama. Seelonni kunneen hanga tishuuwwan qaamaa uumamanitti ni baayifamu, adeemsa keessa foon namni sooratu ta’u.
Adeemsi kun’ afaan Ingiliziitiin"cultivation" ykn guddisuu ykn horsiisuu akka jechuuti.
Foon kun taankarii dhugaatii biiraa waanta fakkaatu keessatti guddata. Adeemsi beeyladni tokko dhalachuu, lubbuu horatee boodarra qalamu guutummaatti ni hambisa.
Namoonni foon haala kanaan omishutti gammadan adeemsichi mitenii qilleensa faalu waan hir’suuf naannoof bu’aa gaarii qaba jedhanii amanu.
Maaliif foon hawaa keessatti guddisuun barbaachise?
Zikaa Tamarii, hogganaan sagantaa qorannoo hawaa ‘Aleph Farms’ jedhamu kanaati. Zikaan akka jedhutti, saaayintistoonni iddoo harkisni dachee hin jirre ykn zeeroo ta’etti seelicha baayyisuun akka danda’amu ykn hin danda’amne hin beekan.
"Qorannoo saayinsaawaa kanaan dura gaggeesse akka agarsiisutti, fiziyoolojiifi baayolojiin naannoo harkisni dachee xiqqaatutti amala garaa gara ta’e qabu, kanaafuu, kan adeemsi foon guddisu kun hawaa keessatti akka danda’amu kana dura hin beeknu," jedhaniiru.
Kanaaf, Elba 8, 2022 namoonni afur rookkeettii dhaabbata SpaceX'n ol furguggifaman sanduuqaa hanga kophee geessu keessatti seeliin beeyladaa fudhatanii ol bahaniiru.
Waantii seelii kana guddisuuf isaan barbaachisu hundii guutameefi jira.
SpaceX buufata qorannoo dhuunfaa yeroo jalqabaatiif ergama qorannoof gara buufata hawaa idil-addunyaatti rokkeettii furguuggisedha.
Laarii Konoor, Eytaan Istibbe, Maark Peezii fi astirooneeti duraanii kan ture Miyaakil Loopez-Aljeeriyaa, namoota giddugaleessa qo’annoo hawaa Keneedii jedhamu fi Filooredaatti argamurraa gara buufata qorannoo hawaatti ol bahaniidha.
Namoonni kunneen Elba 22, 2022 seeliin qabatanii ol ba’an erga sirnaan xiinxalamee booda deebi’uuf jiru.
Maal fayyada?
Yoo yaaliin sun milkaa’e, foon buufata hawaa keessatti guddisuun danda’amellee akkanatti guddisuun yaada gaariidha jechuu miti.
Giddugaleeyyiin gabaa foon seeliirra guddifamee oomishamaniin sababni hin guutamneef ni jira.
Maallaqni doolara Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’amu indastrii oomisha foonii kanarratti dhagalafamullee, guddisaanii oomishuun ammaaf rakkisaadha.
Aliif Faarm, kaampaniin jedhamu restoorantiiwwanii dhiyeessuun dura eeyyama qaamolee to’attoorraa Israa’el irraa argachuuf eeggachuurratti argama.
Nyaannii dacheerratti oomshni isaa sirriitti hin mirkanoofne mee hawaa keessatti qofayyu haa ta’uti.
Foon hawaa keessatti guddisuuf rakkoolleen qabamatamaan mul’atan ni jiru. Rakkoo jalqabaa seelonni walhoruu dadhabuu ykn maseenuu isaatiin walqabata.
‘’Seelonnii bineensotaa suuta guddata,’’jedhaan, injinarri kemikalaa Berkileey Deevid Haamibard.
‘’Yoo baakteriyaa ykn immoo fangasii ta’e seelota bineensotaa caala dafanii guddatu, silaa isaan waanta bakka bu’uuf lammaata seelii bineesota guddisuun isiniirra hin eegamu ture,’’ jedhu.
‘’Baakteriyaa tolchite, gatuu qabda,’’ jedhani dubbatu Aab Hamibard.
Aliif Faarm garuu akka jedhutti yoo ta’e, rakkoon seelonni wal horuu wajjin walqabatu to’achuun ni danda’ama.
Hawaa keessatti foon hanga xiqqaa qofatu barbaadama jedhan.
Taatullee yoo haala kanaan oomishuun danda’ameeyyuu faalamni foonii hawaasa Maarsiirra jiraatuuf balaa guddaa ta’uu mala.
Kana qofayyuu miti, Aliif Faarm akka jedhutti nyaata gara hawaatti geessuun maallaqa baayyee qaalii waan ta’eef gatii guddaa nama baasisa.
NASA’ bara 2008 tilmaanni baase akka agarsiisutti soorata Paawundii tokkicha fe’aniii gara oorbitii dacheetti ol geessuun $10,000 nama baasisa. Gara Maarsiitti sooratan geessuun immoo maallaqa kana dacha hedduun caalu nama baasisa.
Tamariin,"Maarsiin kiloomeetira miliyoona hedduu nurraa fagaatti."
Kanaaf, soorata achuma Maarsiirratti tolfachuun bu’aa guddaa qaba," jedhan.
Haambard garuu bu’aa isaan jedhan kanatti waliif hin galan.
‘’Seelonni sun kanneen ofuma isaanitiif waantota sooratamanirratti guddatan sukkaara, amiinoo asiidii fi bishaan ta’u, qabiyyeen kaaloorii seelota ati hojjachuu dandeessuu gadi,’’ jedhanii qeeqan.