Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa nyaata isaanii irraa hir'isuun buqqaatota deeggaran
Barattootnii fi hojjettootni Yuunivarsiitii Wallaggaa uummata sababa rakkoo nageenyaan godinaalee Wallaggaa keessaa qe'ee isaanii irraa buqqa'aniif deeggarsa taasisaa jiru.
Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti haleellaa uummata nagaa irratti dhaqqabaa tureen lubbuun namoota hedduu darbuun kumaatamaan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
Mootummaan haleellaa uummata nagaa irratti dhaqqabuuf hidhattoota WBO himataa ture. Gama biraan aanaalee akka Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaa, Abee Dongoroo keessatti finxaaleyyiin Amaaraa uummata nagaa irratti haleellaa banuun lubbuu namoota hedduu galaafachuun qabeenya isaanii mancaasuu namootni BBC'n yeroo adda addaatti dubbisaa ture himaniiru.
Irra caalaan uummata qe'ee irraa buqqa'ee faffaca'ee akka jiru kan himan namootni dubbisne, bifa qindaa'aa taheenis deeggarsa mootummaa irraa argachaa akka hin jirre eeran.
Yuunivarsiitiin Wallaggaas rakkoo kana hubachuun koree deeggarsa walitti qabu hundeessuun uummata kana cina dhaabbachuuf hojjechaa turuu walitti qabduun koree deeggarsaa, Dr Aliimaa Jibriil BBCtti himaniiru.
Barsiisonni yuunvarsiitichaa miindaa isaanii ji'a tokkoo uummata qe'ee isaa irraa buqqa'eef yoo gumaachan, barattootni ammoo nyaata yunvarsiitichi isaaniif dhiyeessu irraa baajatni hir'achuun akka buqqaatotaaf oolu gochuu isaanii Dr Aliimaa himan.
''Barattoota keenyaaf torbanitti guyyaan sadii nyaatni foon qabu dhiyaataaf. Garuu isa guyyaa sadii ture gara guyyaa lamaatti gadi xiqqeessuun baajata hafuun lammiileen buqqa'an akka deeggarsa godhaniif murteessan.''
Dr Aliimaan barsiisonni Yuunivarsiitii Wallaggaa miindaa isaanii ji'a tokkoo arjoomuu himuun, sababa qaala'insa jireenyaanis al takkaatti waan kaffaluu hin dandeenyeef ji'a ji'aan irraa citaa waggaa tokkotti kaffalamee akka xumuramu waliigalleerra jedhan.
Haa tahu malee deeggarsichaaf amma maallaqni waan barbaachisuuf, yuunivarsiitiin baajata waggaa irraa nuu liqeessuun yeroo miindaa barsisotaa irraa citu akka bakka buufatu waliigalamuu himan.
Yuunvarsiitii Wallaggaa keessa barsiisonni lammii biyya alaa tahan jiru. Dr Aliimaan akka jedhanitti barsiisonni lammii alaa tahan miindaa isanii irraa Birrii 600,000 ol akka gumaachan himan.
Dhaabbilee akka Baankii magaalaa Naqamtee fi naannoshee jiran keessaas hojjettootni hamma dandeettii isaanii gumaachuun maallaqnii fi uffatni hedduunis walitti qabamuu himan.
Godina Wallaga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Horroo Guduruu Wallagaa keessaa aanoleen deeggarsa barbaadan sagal adda bahuu kan himan Dr Aliimaan, aduu torban tokkoo keessatti midhaanii fi uffata qophaa'e akka dhaqqabsiisan himan.
Yuunvarsiitiin damee tajaajila hawwaasumaan buqqaatota irratti xiyyeeffachuun akka hojjetaniif barsiisota waliin dubbachuuf himaniiru Dr Aliimaan.
Namoota manni jalaa gubateef mana ijaaruuf godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti ammallee namootni ajjeefamaafi manni gubataa waan jiruuf ammatti hin danda'amu jedhan.
Garuu tarii yoo gara qe'ee isaaniitti deebi'anii fi haalli tasgabbaa'e arfaasaan waan gahaa jiruuf haalatti sanyii facaafatan argatan irratti deeggarsa gochuun ni danda'ama jedhan.
'Deeggarsi argameefi uummanni buqqa'e wal hin argu'
Godinaalee Wallaggaa arfan rakkoo nageenyaaf erga saaxilamanii amma yoo xiqqate waggootni sadii darbaniiru.
Uummatni tasgabbii argachuun oomishee jiraachuuf rakkoo hamaa keessa galeera. Uummatni midhaan nyaataa fi midhaan gabaaf oolu oomishuun gabaa biyyattii irratti dhiyeessuun beekamu amma qabeenya isaa dhabuun deeggarsa barbaada.
Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ''ABO Shanee'' jechuun paarlaamaan biyyattii shororkeessummaan farraje Lixa Oromiyaa keessa ni socho'u.
Mootummaan haleellaa uummata nagaa irra gahuuf hidhattoota kanneen yoo himatu, gama biraan finxaaleyyiin Amaaraas naannicha keessatti irra dedebiin haleellaa gaggeessuun lubbuun namoota hedduu darbuu namootni BBC'n dubbisee fi mootummanis himaa ture.
Qabeenyi isaanii kaan gubachuun kaan ammoo akka saamaman himan namotni BBC'n dubbise.
Kanarraa ka'uun uummatni naannichaa kumaatamaan qe'ee isaa irraa buqqa'eera. Deeggarsi qindaa'aan garuu buqqaatota kanaaf dhiyaachaa akka hin jirre himama.
Dr Aliimaan waayee deeggarsa kanaa yoo dubbatan ''deeggarsa nuyi walitti qabnee fi lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii waliyyuu hin argu. Qabeenyi isaanii fi qe'een isaanii gubatee, oomishni isaanii gubatee, horiin isaanii saamameeti kan baqatanii jiran.
Aanaa Kiiramuu yoo ilaalte, magaalaa Kiiramuu irraa, Giddaa Ayyaanaa irraas gara magaalaa Giddaatti, Amuruu irraas gara magaalaatti, Jaardagaa Jaartee fi Abee Dongoroottis buqqa'anii gara firaattidha baqatanii kan jiran.
Deeggarsi nuyi goonu kanaan yoo wal simuu baates dirqama keenya bahachuu waan qabnuuf... Uummatni keenya rakkoo keessa jira. Kanaaf namoota nuuf birmatan irraa maallaqa, uffataa fi midhaan akka boqqolloofaa argannee jirra.''
Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa kan turan Obbo Musxafaa Kadir ji'a Guraandhalaa keessa mootummaan kanneen dawoo buqqaatotaa jiran malee kanneen bakkaa bakkatti faca'anii mana namootaatti gugatanii jiraniif gargaarsa hin godhu jedhan.
Naannoo Oromiyaa godinaalee sagal keessatti namoonni kuma 591 fi 590 ta'an sababa rakkoo nageenyaan buqqa'uu himan.
Kanneen keessaa, namoota bakka rakkoon nageenyaa jiru keessa jiranirraa kan hafe, namoota kuma 468 fi 141 ta'aniif deeggarsi godhamaa jira jedhan Obbo Musxafaan.
Kunneen godinaalee Wallaggaa arfan fi Gujii lamaan ilaallatas jedhan.
Guutuu Oromiyaatti namoonni miiliyoona 4 fi kuma 163 fi 809 gargaarsa midhaan nyaataa fi kaan barbaadu jedhan qondaalli kun.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti waajjirri gargaarsa namoomaa qindeessu OCHA, Godinaalee Wallaggaa Bahaa fi Lixaatti buqqaatonni 250,000 caalan kanneen gargaarsa barbaadan ta'anis garuu gargaarsi ga'aan godhamaafii hin jiru jedhe.
Abbootiin warraa qe'eesaaniirraa buqqa'an 37,000 caalan da'oo fi meeshaalee gargaarsaa barbaadu, garuu erga Amajjii bara darbeetii gargaaramaa hin jiran jedhe dhaabbati kun.
Haleellaa Wallaggatti raawwatuuf eenyu itti gaafatama?
Ji'a Hagayyaa bara 2021 keessa haleellaa Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti uummata nagaa irratti gaggeeffameen yoo xiqqaate namootni 200 ol ajjeeffamuu dhaabbileen mirga namoomaaf falman himaniiru.
Haleellaa kanaaf mootummaan hidhattoota WBO fi finxaaleyyii Amaaraa himate. Yeroo sana jiraattotni gandoota baadiyyaa aanichaa kumaatamaan qe'ee isaanii irraa buqqa'uun gara magaalota aanolee ollaatti baqachuu himama.
Dr Aliimaan akka odeeffannoo qabnutti gandoota baadiyyaa aanaa Kiiramuu keessaa uummanni kan hin buqqaane magaalaa Kiiramuu irra qofa jedhan.
Dabalataan ALI Fulbaana 30, bara 2014 Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Harootti haleellaa banameen lammiileen nagaa yoo xiqqaate namootni 15 ol ajjeefamuun qabeenyi isaanii kaan gubatee kaan saamamuu mootummaan naannoo Oromiyaa hime. Haleellaa kanaaf kan himate finxaaleyyii Amaaraa hidhachuun socho'anidha.
Dabalataan aanaa Limmuu Galiilaa ganda Fiixee Baqqootti haleellaa wal fakkaataan finxaaleyyii Amaaraan uumata irratti raawwachuun lubbuun namootaa darbuun qe'een isaanii gubachuu namootni BBC'n dubbise himaniiru.