Bidiruun Jeef Beezos akka ce’uuf jecha riqichi seena-qabeessi diigamuuf

Riqicha seena qabeessa ta'e magaalaan Rooterdaam keessatti argamu

Madda suuraa, AFP

Bidiruun dureessicha addunyaa Jeef Beezoos akka ce’uu danda’uuf jecha, magaalaan Rooterdaam riqicha seena qabeessa ta’e diiguuf murteessite.

Bidiruun bashananaa hundeessaa Amazoon kun kan ijaarame dhaabbata Dachii, Oshiyaankoo jedhamuunidha

Bidiruun kun meetira 127 kan dheeratu yoo ta’u, hojjaan isaa waan dheeraa ta’eef Riqicha Koningshaven jala darbuu hin danda’u.

Dubbi himaan bulchaa magaalicha akka mirkaneessetti, baasii riqicha kana diiguuf barbaachisu karaa Oshiyaankoon, Obbo Beezos ni kaffalu.

Miidiyaa Datchiin Kibxatarra jalqaba dhimma kana gabaase akka eeretti, Riqichi hojjaa meetira 40 ta’u kun akka ce’uuf jecha riqichi maqaa masoo De Hef jedhamuun beekamu akka diigamuuf murtaa’eera.

Riqichi sibilaa kun seenaa dheeraa waan qabuu fi akka qabeenya biyyaalessatti waan ilaalamuuf murteen kun falmii kaaseera.

Bara 2014 fi 2017 giduutti hojiin haroomsaa guddaan riqicha kanarratti taasisamee kan ture yoo ta’u, yeroo sanatti anga’oonni riqichichi deebi’ee akka hin diigamne himanii turan.

Miidiyaan AFP wajjiraa bulchaa magaalichaa eeruun, hojiileen ijaarsa kanaan uumamu malan murtee kana akka jabeessan himuun, riqichi kun deebi’ee akka ijaaramu waadaa seenaniiru.

“Gara galaanaatti darbuuf karaan jiru kanadha,” jechuun dubbii himaan bulchaa ibsaniiru.

Hogganaan piroojektichaa Maareel Walraveenis, hojiin kun gama diinagdeen “baayyee barbaachisaa” akka ta’eefi maqaa Rooterdaam “magaalaa sochii galaanaa addunyaa” jedhamuun qabduufis garii akka ta’e, marsariiti Rijinmonditti himaniiru.

Gaazexaa naannichaatti akka himanitti hojiin kun bona keessa kan eegaluu malu akka ta’eefi, qondaaltoonnis riqichi kun gariin diigamee ijaaramuuf torban muraasa akka fudhatu abdatu.

Dhabbatti Oshiyaanko wagga darbe hundeeffame, wa’ee maamila isaanii dubbachuu irraa kan of qusatan ta’us, gabaasi Bloomberg bara 2021’tti wa’ee Beezos irratti hojjete, abbaan qabeenya bidiruchaa isa akka ta’e mirkaneesseera.

Bidiruun Y721 jedhamuun beekamu kun, gosa bidiruu akkasaa keesaa addunyaa irratti isa guddicha akka ta’e, Boat International gabaaseera. Bidiruun kun bakka helikooptarri buufatu dabalatee, wantoota qaalii ta’an hedduu akka qabaatu himama.

Namni siyaasaa naanicha Isteefan Leewis murtee kana qeequun, Tiwiitara irratti “qabeenya biyyaalessaa keenya bareedaa ta’e kana diiguun dogoggora,” jedhaniiru.

Akka tilmaama Forbes’tti qabeessi hundeessaa Amazoon kanaa, gara doolara biiliyoona 175 ta’a.

Gabaa interneeta guddicha kanaan alatti, Jeef Beezoos abbaa qabeenya gaazexaa Washigton Post fi dhabbata qorannoo hawaa Blue Origin jedhamudha.