Putiin gaggeessaa Yukireen Raashiyaaf amanamaa ta’e kaa’uuf shiraa jira jedhame

Pirezidaant Vilaadmiir Putiin Yukureenitti gaggeessaa Raashiyaatiif amanamaa ta'e kaa'uudhaaf shiraa akka jirtu bira ga'eera jetti Biriitish.

Pirezidant Putiin nama siyaasaa deeggaraa Raashiyaa ta'e akka mootummaa Yukireen gaggeessu taasisuuf shira xaxaa jirta jechuun Yunaayitid Kingidom himachaa jirti.

Miseensa paarlaamaa duraanii Yukireen kan ture namni siyaasaa Iviheen Mureeyyeeviin filannoo Raashiyaa akka ta'e Ministieerri Dhimma Alaa UK haala kanaan dura hin baramneen maqaa eeruun ibseera.

Raashiyaan loltoota ishee kuma 100 ta'an daangaa Ukireen irra kan qubachiifte ta'us, karoora waraana gaggeessuu garuu hin qabu jechuun irra deddeebiin ibsiteetti.

Ministiroonni Yunaayitid Kingidom mootummaan Raashiyaa Yuukireen irratti waraana kan banu taanaan, waan hamaa ta'etu isa eeggata jechuun akeekkachiisaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Liiz Tirees ibsa barreeffamaan kennaniin, "Odeeffannoon har'a dhufe sochii Raashiyaan Yukireeniin diiguudhaaf gochaa jirtu ifatti kan agarsiise yoo ta'uyaada mootummaa Raashiyaa kan calaqqisiisudha," jedhaniiru.

Raashiyaan dhimmicha akka tasgabbeessituufi duula waraanaa ishees akka dhaabdu, odeeffannoo sobaa tatamsaasuu irraas akka of qusattuufi karaa dippilomaasii akka hordoftuuf hubachiisaniiru.

"UK fi michoonni ishee irra deddeebiyanii akka dubbatanitti, waraanni Raashiyaatiin Yuukireen irratti banamu kasaaraa guddaa kan qaqqabsiisuufi tarsiimoo dogogoraati," jedhan itti dabaluun.

Bara 2014 Raashiyaan kutaa bulchiinsa Yuukireen qabachuu isheetiin dura biyyattii keessatti pirezidantii Raashiyaatiif amanamaa ta'e aangoorraa kaafamee ture.

Tajaajilawwan bsaasaa warra Lixaafi Yuukireen jalqaba bara kanaarra waraanni Raashiyaa aangaarra qubatee jiru waraana banuu danda'a jedhanii akeekkachiisaniiru.

Haleellaa kamiyyu Yuukireen irratti raawwachuudhaaf karoora hin qabu kan jettu Raashiyaan ammoo, Yuukireen walta'insa humna waraanaa NATOtti makamuu hin qabdu ejennoo jedhu qabdi.

Pirezidant Putiin meeshaan waraanaa NATOn naannawaa sanatti shaakala waraanaa gochaa jiru erguun nageenya Raashiyaatiif kallattiin yaaddoo waan qabuuf akka dhaabbatuuf gaafataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Rqaashiyaa fuula Tiwiitara isaarratti akka beeksisetti, Ministeerri Dhimma Alaa Biriitish odeeffannoo sobaa gadi dhiisaa jira kan jedhe yoo ta'u, "gochawwan akkasii dubbii hammeessan kana akka dhaabuuf" akkasumas "Oduu fudhatama hin qabne akka dhiisu" hubachiiseera.