Chiiliitti kanniisa gaagura mormiif masaraa mootummaa dura kaa’ame keessaa baheen poolisoonni hiddaman

Madda suuraa, Reuters
Biyya Laatin Ameerikaa Chiliitti namoonni horsiisa kanniisaa irratti bobba'aan mootummaan indastirii isaanii akka deeggaruuf mormiif bahan keessaa afur hidhaa seenan.
Kanneen horsiisa kanniisaan jiraatan masaraa mootummaa magaalaa guddoo biyyattii Saantiyaagootti argamu fuulduratti mormii taasisan.
Gaagura kanniisaa mormiif karaa gubbaa mormitoonni kaa'an yeroo kaasan poolisoonni torba kanniisaan hiddamaniiru.
Hongeen yeroo malee dheerate hojii horsiisa kanniisaa Chilii argamuurratti dhiibbaa geessiseera.
Kunis, madda soorata kanniisaa kan ta'e abaaboofi midhaan waan hubeefi.
Rakkoo keessa jiran hubachiisuufis kanneen kanniisa horsiisan gaagura 60 masaraa mootummaa fuuldura kaa'an.
Gaagura kanneen keessa kanniisi 10,000 ta'an keessatti argamu. Gaagura achi kaa'un isaanii poolisiin akka warra mormiif bahan hin bittinsineefi.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Kanneen mormiif bahan keessaa tokko duuni kanniisaa isaaniif qofa osoo hin taane addunyaaf badaadha jechuun gaazexeessitootaaf himani.
Mormitoonni mootummaan gatii dammaa akka fooyyessu yookiin oomishtoota dammaa akka tumsu fedhu jechuun Rooyitars gabaaseera.
Qondaaltonni Ministeera Qonnaa yaaddoo namoota mormiif bahan akka hubatan himaniiru. Hawaasa 20 sababa hongeen hanqinni bishaan isaan mudate ji'aootaaf gargaaraa akka jiran himan.
Kannisi mormiif kanneen kanniisa horsiisaniin masaraa mootummaa bira kaa'ame namoota achirra darban jeeqeera.

Madda suuraa, Reuters
''Namoota alarjikii qabaniif badaadha, ajjeesullee danda'a'' jechuun namni tokko ripportarootatti dubbate.
Waggoota muraasa darban lakkoofsi kanniisaa addunyaarratti xiqqaachaa jira.
Kunis, bakkeen jiraatan waan duraa fudhatameef, faalama akkasumas itti fayyadama farra ilbisaatu qooda keessaa qaba.














