Koronaavaayirasii: Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii inni olaanaan galmaa'e

Madda suuraa, PA Media
Itoophiyaatti qorannoo koronaavaayirasii sa'aatii 24 keessatti taasifameen lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii inni olaanaan galmaa'uu Ministeerri Fayyaa ibse.
Qorannoo Kibxata kaleessaa taasifameen namoota 2,323 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasee ibsaniiru.
Lakkoofsi kun kan kanaan duraatti guyyaatti galmaa'aa tureen yoo walbira qabamu isa guddaadha.
Qorannoon guyyuu taasifamu akka agarsiisutti kanaan dura guyyaa guyyaan namoonni qabaman 500 hanga 1000 caalaa hin turre.
Gabaasa Kibxata kaleessaan namoota qorannoon taasifameef 10,016 keessaa namoonni 2,323 vaayirasicha qabaachuun barame.
Itoophiyaatti erga weerarri dhibee kanaa eegalee namoonni 379,379 kan qabaman yoo ta'u, lakkoofsa olaanaa guyyaa kaleessaa galmaa'eef sababiin addaa maal akka ta'e ministteerri fayyaa odeeffannoon kenne hin jiru.
Namoota vaayirasichi irratti argame keessaa hanga ammaatti namoonni 351,168 kan dandamatan yoo ta'u namoonni 6,877 ammoo vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.
Itoophiyaan hanga yoonaa namoota 9,225,960 ta'aniif talaallii kennuu Ministirri Fayyaa biyyattii Dr Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.
Koronaavaayirasii ittisuuf akka addunyaatti talaalliin kennamaa jiraatus, akaakuun haaraan Omicron facaatii vaayirasichaa daran hammeessaa jiraachuu Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) ibseera.
Akaakuun vaayirasii jalqaba Afrikaa Kibbaatti argame kun yeroo ammaa biyyoota hedduu keessatti namoota hedduu qabeera, biyyoonnis dhibee kana ittisuuf tarkaanfii jajjaboo fudhachuu eegalaniiru.
Akaakuun koronaavaayirasii haarofti-Omicron- Itoophiyaatti argamuu fi dhiisuu hanga yoonaa ministeerri fayyaa waan jedhe hin qabu.
















