Addunyaan osoo guddattootaan hogganamte caalaa gaarii taatii laata?

Madda suuraa, Good Energy
Addunyaan teenya tun osoo shamarraniifi dargaggoo umurii dardaraa (teenagers)n hogganamtee maal fakkaatti laata?
Dhabbanni tokkoos dhimma kanaaf deebii argachuuf murteesse.
UK’tti dhaabbanni annisaa haroomsamu dhiyeessu, Good Energy jedhamu, Bitooteessa darbe keessa ijoollee umuriin ganna 12 - 17 gidduu ta'an jaha miseensoota boordii gorsituutaa akka ta’aniif muudeera, gaheessoonni akka hin seenne dhorkuun.
Boordiin Good Future kunis walga’ii idilee gaggeessu irratti miseensonni boordichaa yaada qaban hogganaa olaanaa fi gaggeessitoota biraatiif dhiyeessuuf carraa kan itti argataniidha. Akkasumas murteewwan daldalaa irrattis gaaffii ni dhiyeessu.
Miseensota boordii kanneen keessaa tokko intala ganna 14, Shaayinaa Shaah, yoo taatu Landan keessa jiraatti.
Shaayinaan dhimma kunuunsa naannoo ni jaallatti akkasumas dhaloota eegereefis addunyaa kununsuu barbaaddi.
“Ga’eessonni yeroo baayyee dursa dhimma maallaqaa yaadu jedheen yaada. Kanaafuu, filmaatawwan itti fufiinsa qabu yeroo hunda hin filatan,'' jetti.

Madda suuraa, Shaina Shah
Haata'u malee “dargaggoonni garuu addunyaa miidhaan jijjiirama qilleensa ifatti mul’atu keessatti guddatan.”
Ishee fi miseensonni boordichaa shanan hafan wayita ga’eessonni dogoggoraniiru jedhanii yaadaniitti itti himuuf akka hin sodannee Shaayinaan ni himti.
Ijoolleen jahan kunneenis kan filataman, erga guutuu Ingilaand irraa barattoonni 1,000 ol ta’an dorgommii dhabbata gargaarsaa dhimma naannoo irratti hojjatuufi Eco-schools jedhamuun qopha’ee irratti hirmaachuun mo'ataniin booda.
Dorgomtoonnis gaaffiilee sadiif deebii dhunfaa isaanii jechoota 500 akka barressan gaafataman.
Gaaffileen dorgontoonni ijoollee kunneen gaafatamanis: Dachii keenyaaf kunuunsa akka gootuu maaltu si kakaase? Ogummaa ykn mudannoo attamiin fiddee dhufta? fi DHaabbanni anniisaa haaromfamu dhiyeessu attamiin caalaa hojjachuun akka dachii tana itti eegurratti yaada tokko qabdaa? kan jedhan deebiisu qabu ture.
Ijoolleen injifatan kunneen jahanis akka “kan fedhii olaanaa qaban, beekoo fi ajaa'ibsiisotaatti'' ibsaman.
Jaak Soolii mucaan ganna 13 fi miseensota bordichaa yoo ta'u, umurii ganna 12tti miseensa ta’un tajaajiluu eegale.
Innis carraa kanatti fayyadamuun “eddoowwan bosonaa tokko tokko kunuunsuu,” akka hawwu hima.

Madda suuraa, Jack Solly
“Pilaanetiin keenya kun qaaliidha. Yoo hin kunuunsinu ta’e immoo bakka jiraannu kan biraa hin qabnu,” jedha Jaak.
Dabaluunis xiyyeeffannoon ijjoollee ykn dargaggootaa kan ga’eessotaa irra calaa waa’ee egereedha jedha.
“Ga’eessoonni caalatti waa’ee ammaa irratti xiyyeeffatu, waa’ee hojii isaanii hojjachuu -hogganaankoo gammadee? Hojiitti guddina argadhee? kan jedhu malee wa’ee dhibbaa gochi isaanii gara fulduraatti uumu irratti hin xiyyeeffatan,” jedha.
“Ijoolleen dhibbaa fi waan isaan dhiphisu hedduu hin qaban. Kanaafu wa’ee egeree irratti xiyyeeffachuuf bilisadha,” caalaa jedha.
Miseensonni boordii kun hojii isaanii kanaaf miindaa agatan hin qaban, ta’us garuu walga’ii Good Energy wagga waggaatti qopha’uu irratti yoo hirmaatan baasiin isaanii hundi ni kaffalamaaf.
Torban lama dura ammoo yeroo Ya'ii Jijjiirama Qilleensaa Daraggootaa UN, Gilaasgoootti qophaa’ee irratti hirmaatan dhabbatichi baasii isaanii kaffaleera.
Green Energy akka jedhutti, hanga ammaatti, boordiin gorsitootaa kun tarsiimoo daneessaafi hunda hammataa gulaaluu irratti isaan gargaaraniiru, ''jjennoo dhabbata kenyaa fi akkamiin akka of dhiyeessinu irratti yaadni isaan kennan marsaritii haraa dhiyeenya gadhisuuf jirru irratti ga’ee guddaa qaba.”
Hogganaan olaanaa dhaabbatichaa Naayjel Pookligitan, “Dhimma jijjiirama qilleensa dhaloota durii calaa kan isaan miidhuu irratti gartuu ijoollee adda addaaf sagalee kennuu barbaadne. Ilaalchaa fi yaadaa haaraa nuti hoggantoota olaanoo muxannoo qaban irraa hin arganne nuuf kennu,” jedha.
Shaaniyaa fi Jaak dhaloota Gen Z jedhamuun beekaman – kan dargaggootaa fi ijoollee bara 1990’n fi 2010’n jiddutti dhalatan of keessatti qabatu kessa jiru.
Dhaalootni kun lakkoofsa uummataa adduunyaa keessaa %32 ykn namoota biiliyoona 2.5 haguuga.
Kunuunsi naannoo yaaddoo dhaloota Gen Ztiif dhimma isa guddaa akka ta'e qorannoon gartuu Doloitte jedhamuun gaggeeffame ni ibsa.

Madda suuraa, Good Energy
Faandiin Bineensota Bosonaa Addunyaa akka jedhutti, addunyaa irratti nyaata nyaatamu danda’u keessa harki tokko sadii ni gatama yeroo jedhamutti, dhimmi nyaata hedduu qisaaseessuus yaaddoo miseensota dhaloota Gen Z hedduudha, tarii garuu kan dhaloota hundumaa ta’u qaba.
Miseensi boordichaa isheen biroon, Mahnoor Kaamraan, shamarreen ganna 17, boordiin kun “immaammata daldalaa, immaammata kunuunsa naannoo fi namuusaa,” dhaabbatichaa irratti falmii akka gaggeessan himti.
“Nuuf dhimmichi wa’ee bu’aa fi galii yeroo gabaabaa miti,” jetti.
“Mariichi nu dargaggootaaf, waa’ee eegeree keenyaati. Eenyuttu lubbuun jiraata, eenyuttu rakkata kan jedhudha. Bu’aa kamiyyuu dura haala kam keessatti iyyuu nuti pilaaneeta keenyaa dursa kennina jedheen yaada.”












