'Onkoloolessa 24 loltoota osoo hin taane Itoophiyaanuu ajjeefamteetti' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, @PMAbiyAhmedAli
Ministirri Muummee Abiy Ahimad A L I gaafa Onkoloolessa 24, 2014 kan dabaan ajjeefaman loltoota biyyattii osoo hin taane Itoophiyaanis ajjeeffamteetti jedhan.
MM Abiy kana kan dubbatan sagantaa guyyaa yaadannoo wagga tokkoffaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Izziin Kaabaa itti haleelamerrattidha.
Sirna kanarratti, "Itoophiyaan aarsaa keenyan kan itti fuftu ta'uushee guyyaa itti mirkaneessinudha,'' jedhan MM Abiy.
"Gaafa guyyichaa ummattoonni Itoophiyaa ajjeefamaniiru. Nuti har'a kan lubbuutiin jirru,... ijoollee Itoophiyaa 'anis loltuudha' jennu.... humnoota biyya keenya diiguudhaaf ka'an tole kan hin jenne ta'uu keenya guyyaa irra deebinee waadaa itti galludha," jedhan.
Sirna mooraa Waajira muummee Ministeera Ittisaa keessatti gaggeeffame kanarratti, Itaamaajoor Shuumii Humnoota Waraanaa Janaraal Birhaanuu Juulaa, Ittaamaajor Shuumii Itti-aanaa Ababaaw Taaddasaa, Giifti-duree Zinnaash Taayyaachoofi hooggantoota olaanoo raayyaa ittisaa argamniiru.

Madda suuraa, @PMAbiyAhmed
Sirna kanarratti miseensota raayyaa ittisaa haleellaa humnoota Tigraayiin irratti raawwatameen lubbuu isaanii dhaban yaadachuun sagantaan kadhannaafi shaamaa ibsuu gaggeeffameera.
MM Abiy guyyicha ilaalchisuun fuulu miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreeffama qoodaniin, "bara darbe A L I Onkoloolessa 24 gootota keenya dabni irratti raawwatame seenaan gonkumaa kan isaan dagatu miti.
Har'a kan dhaabbanne lafee goototaa warra nuuf jedhanii xoofoo dabaa dhuganiirra. Ijoolleen Itoophiyaa jaallatamoo kunneen, 'ani si duran dua'a' jechuun dhiiga isaanii biyyeef, foon isaanii ammoo allaattiif osoo kennuu baatanii guyyaan har'aa kun har'a hin fakkaatu ture," jedhan.
Bara darbe A L I Onkoloolessa 24 waraanni jalqabe hanga ammaatti osoo xumura hin argatiin kan jiru yoo ta'u, waraanni kun naanoo Tigraay irra darbee naannolee Amaaraafi Affaar keessatti gaggeeffamaa jira.

















