UN xiyyaarri deeggarsa fe'e Maqalee qubachuu danqamuu hordofee garasitti balali'uu dhaabe

Xiyyaara Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleetti imale(Suura ji'oota dura kaafame)

Madda suuraa, The Ministry of foriegn Affairs of Ethiopia

Haleellaan xiyyaaraa torban kana keessa qofa guyyaa afraffaaf har'aa magaalaa Maqalee keessatti raawwatuu mootummaafi finciltoonni Tigraay himan.

Mootummaan akka ibsetti xiyyeeffannaan haleellaa raawwatame kanaa bakka leenjii TPLFdha jedheera.

Haleellaan humni qilleensaa Itoophiyaa guyyaa afraffaaf magaalaa Maqalee keessatti raawwate qubannaa xiyyaara gargaarsa UN gara Maqalee geesse danquunis gabaasameera.

Sagantaan Nayaataa Addunyaa xiyyaarri isaa deeggarsa fe'e sababa haleellaa qilleensaa tureen magaala Maqaleetti qubachuurraa danqamuun gara Finfinneetti deebi'uu beeksiseera.

Dubbii himaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa ''xiyyaarri deeggarsa namoomaa keenya ganama kana buufata xiyyaaraa Maqalee irraa deebi'uuf dirqameera'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Ta'ii kanaan walqabatee UN balalii tajaajila deeggarsa namoomaa Finfinneetii gara Maqaalee godhu akka dhaabu dubbii himaan UN Stephane Dujarric himaniiru.

Xiyyaarri UN kun Finfinneerraa hayyama argatee gara Maqaleetti balali'us ''to'attoota buufata xiyyaaraa Maqaleerraa'' akka hin qubanne ajaja fudhachuu ibsaniiru.

Ejensiiwwan UN ta'ii kana qorachaa jirus jedhaniiru Stephane. Xiyyaara san keessa hojjettootni 11 akka turan dhaabbatichi gabaseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Dr. Laggasaa Tulluu haleellaan qilleensaa yoo raawwatu xiyyaarri deeggarsaa UN naannoo Maqalee jiraachuu hubachuu AFP'f mirkaneessuu maddii oduu kun gabaaseera.

Ta'us garuu xiyyaarronni lameen ''kallattiifi yeroo garaagaraa irra turan'' jechuun ibsan.

Xiyyeeffannoon haleellaa kanaa maali?

Mootummaan Itoophiyaa bakki haleellaa Jimaataan xiyyeefatame'' seeraan ala bakka TPLF namoota itti qacaru ta'uun dura bakka leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa ture,'' jedheera.

Dabalataan bakkichi ''garee shororkessaaf wiirtuu neetworkii'' ta'un tajaajila jechuun ibse.

Magaalaa Maqalee

Madda suuraa, Getty Images

Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa haleellaan raawwatu malee odeeffannoo bal'aa akka hin qabne Rooytarsiif himaniiru.

Haleellaan xiyyaaraa Jimaataa har'aa raawwatame torban kana keessa qofa yeroo afraffaafidha.

Haleellaa gaafa Wiixataa raawwaten daa'imman sadii du'uu UN himeera. Haleellaa Kamisa kaleessaa dura gaafa Roobii raawwateen immoo namoonni saddeet miidhamuu BBC'n maddeen hospitaalarraa odeeffatee ture.

Mootummaan Itoophiyaa ergamni haleellaa raawwataa jiru bakka kuusaa meeshaa, leenjii akkasumas meeshaa waraanaa TPLF itti suphu jedhe akka ta'e himeera.

Haleellaa yoo raawwatus lammiilee nagaa akka hin miinef of eeggannoon ni raawwata jechuun hime.

Hogganoonni TPLF immoo xiyyeeffannoon haleellichaa lammiilee nagaati jechuun himatu.

Lolli Kaaba Itoophiyaatti eegale waggaa guutuuf guyyoota muraasa qofatu hafe.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii haleellaa torban kana raawwate booda dhimmichi ''yaddessaadha'' jechuun ibseera.

Dabalataan Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa qaamoleen lola keessa jiran lola dhaabanii mariitti akka deebi'an gaafataniiru.

Mootummaan Raashiyaan ammoo ibsa fuula tiwiitara ministeera dhimma alaa biyyattiirratti Jimaata baaseen walitti bu'insa loltoota mootummaafi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay gidduutti ta'aa jiruun walqabatee waan Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru hordofaa jirra jechuun, "Haala jiru tasgabbeessuudhaaf qaamoleen walitti bu'insa kana keessa jiran haal-duree tokko malee dhukaasa akka dhaaban gaafanna," jedheera

Torban darbe lolli akka haaraatti eegaleen jiraattonni qe'eerraa buqqa'aa akka jiran BBC'n odeeffateera.

Haleellaa TPLF Affaariifi Amaaraatti raawwate jedheen lammiileen nagaa 30 ajjeefamuu mootummaan himeera. Himannaa kana irratti gama TPLF wanti jedhame hin jiru.

Sababa lola waggaa guutuuf deemu kanaan Lammiileen nagaa hedduufi miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni gurguddoo lolli dhaabatee nagaan akka hiikamu carraaqqii taasisaniis ammatti waan milkaa'e miti.

Sababa lola kanaan walqabatee Naannoo Tigraay keessatti qofa ummanni 400,000 ta'u fiixee beelaarra jira jechuun UN kana dura dubbatee ture.