UN waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatuuf irra deebiin gaafate

Madda suuraa, UN Geneva
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) waraanni kaaba Itoophiyaatti itti fufee gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatuuf irra deebiyee gaafate.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin alattis biyyoonni gurguddoon gama lixaafi dhaabbileen gargaarsaa irra deddeebiin waraanni Itoophiyaa kun mariin akka fala argatuufi gargaarsi namoomaa bakka barbaachisu akka qaqqabuuf dhimmanii gaafachaa turaniiru.
"Miidhaawwan dabalataafi gidiraan namoota nagaarratti Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti qaqqabu hambisuudhaaf qaamoleen walitti bu'insa kana keessatti hirmaachaa jiran walitti bu'insa kanarraa akka of qusatan waamicha keenya irra deebinee dhageessifna," jedhan dubbi himaan itti-aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Farahaan Haqii.
"Qaamoleen walitti bu'insa kana keessatti hirmaatan hundumtuu seera namoomaa idil-addunyaa kabajuudhaan lammileen nagaafi misoomaaleen bu'uuraaf eegumsa taasisuu qabu," jedhaniiru.
Dubbi himaan kun kana kan jedhan, waraanni kaaba Itoophiyaa keessatti deemaa jiru yeroo cimee itti fufee jiruufi humni Federaalaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti irra deeebiin haleellaa xiyyaaraa yeroo gaggeessaa jiruttidha.
Itti-aanaan dubbi himaan kun, waraanni kun naannoo Tigraay keessatti jalqabamee erga gara naannolee Amaarafi Affaaritti babal'ateen booda naannolee kanneen keessatti lakkoofsi namoota gargaarsa namoomaa barbaadanii dabalaa jira jedhaniiru.
Mootummaan Federaalaa to'atee kan ture naannoo Tigraay kessaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun Tigraay keessaa bahuu isaa hordofee, finciltoonni TPLF deebisanii haleellaa raawwachuun naannoo Tigraay keessa bakkawwan hedduu deebisee to'achuurra darbee naannolee ollaatti babal'achuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma kanaaan humnoonni Tigraay Walloo Kaabaafi Kibbaa keessa bakkawwan gara garaa qabatanii jiru.
Aanga'oota humnoota Tigraay gaggeessan keessaa tokko kan ta'an Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaay, naannolee Amaaraafi Affaaritti mootummaa Federaalaarratti haleellaa kan bananiif mootummaa Federaalaarratti dhibbaa gochuuf akka ta'e BBCtti himanii ture.
Kaayyoowwan oppereeshinii waraanaa isaanii keessaa tokko mootummaan Federaalaa haal-dureewwan dhukaasa dhaabuu humnoonni Tigraay kaawwatan fudhatee gara marii siyaasaatti akka deebiyuuf dirqisiisuuf akka ta'e gaaffiifi deebii BBC News Hour waliin taasisaniin dubbatanii ture Janaraal Tsaadiqaan.
Haleellaa finciltootaa kana hordofee namoonni baay'een Walloo Kaabaafi Kibbaa, Waaghimiraafi Affaar keessaa buqqa'aniiru.
Mootummoonni Gamtoomanii namoonni naannolee Amaaraafi Affaar keessaa buqqa'an miliyoona 1.7 ta'an gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa jedhee ture.l
Itti-aanaan dubbi himaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Farahaan Haqii ibsa kaleessa gaazexeessitootaaf kennaniin akka dubbatanitti, walitti bu'insichi babal'achuu horofee lakkoofsi namoota naannolee Amaaraafi Affaar keessatti gargaarsi namoomaa isaan barbaachisu dabalaa dhufuu isaa yaadataniiru.















