Ministirri Haajaa Alaa duranii US Kooliin Pooweel sababa Koronaan du'an boqotan

Suura Kooliin Poowel bara kana gara jalqabaa ka'an

Madda suuraa, Getty Images

Namni Afrikaa-Ameerikaa jalqabaa Ministira Haajaa Alaa US ta'uu danda'an Kooliin Pooweel ganna 84'tti sababa Koronaan lubbuun isaanii darbuu maatiin beeksisan.

Hooggana waraanaa olaanaa kan turan Kooliin Poowel lammii Ameerikaa sanyii Afrikaa qaban ta'anii seenaa US keesatti yeroo jalqabaaf bara 2001'tti bara pireezidantummaa Joorji W Buush Ministira Haajaa Alaa ta'uun muudaman.

Ibsa maatiin baasaniin ''Abbaa warraa, abbaa, akaakayyuufi lammii Ameerikaa guddaa kan jaalalaan guute dhabne'' jedhan.

''Hojjettoota fayyaa ... waldhaansa eeggannoon guuteef galateeffachuu feena'' jechuunis ibsan.

Ministirri Haajaa Alaa US duraanii Kooliin Poowel talaallii Koronaa guutummaatti talaalamanii akka turan maatiin ibsaniiru.

Poowel namoota siyaasaa gurguddoo US hedduuf gorsaa dhimma waraanaa amanamaa turan.

Miseensa waraanaa ta'anii Viyeetnaamittis duulanii kan turan Poowel waraana sanaan madoo turan.

Boodas immammata waraanaafi siyaasaa mataa ofii bocachuun nama siyaasaa milkaahuu danda'aniidha.

Kooliin Luuther Poowel bara 1937 Harleem, Niiw Yoork keessatti maatii isaanii baqattoota Jaamaayikaa ta'an irraa dhalatan.

Pireezidantiin duraanii Joorji W Buush namoota beekamoo du'a nama siyaasaa kanatti gadduu ibsan keessaa kan jalqabaati.

''Nama maatiitti amanufi hiriyyaadha'' jedhanii filannoo pireezidantootaa ta'uu isaaniirraa kan ka'e si'a lama beekamtii ''Presidential Medal of Freedom'' jedhu si'a lama badhaafamuu yaadachiisan.

Warra Rippaablikaan kan ta'an Poowel bara 2008 Baaraak Obaamaan akka filataman deeggarsa kennuu isaaniitiif dhaaba isaaniirraa adda bahaniiru.

Poowel waraanaafi siyaasa keessatti hiree qabaniin walqabatee keessumaa waraana Iraaq deeggaruufi deeggarsa walitti qabuun maqaan isaanii ka'a.

Waraana kanaan walqabatee adeemsa basaasaa sirrii hin taane fayyadamuun isaanii maqaa isaanirratti mudoo kaahuu Mana Maree Nageenyaa UN irratti amanuun dubbatanii turan.

Bara 2005'tti ammoo gaaffiifi deebii ABC News waliin taasisaniin, ''nama dhukkubsa. Amma na dhukkubsa'' jechuun gaabbuu isaanii himaniiru.