Meeshaaleen dursaa garee yakkaa beekamaa Ameerikaa doolaara miiliyoona sadiin gurguraman

Teessumni fi hojiiwwan aartii meeshaalee caalbaasiin gurguraman keessaayyi

Madda suuraa, Reuters

Meeshaaleen dursaa garee yakkaa beekamaa Ameerikaa Al Capone Kaalifoorniyaatti Sanbattan darbe caal-baasiidhaan gurguramuun doolaara miiliyoona 3 argamsiisan.

Suuraawwan dhuunfaa, qawweefi faayaa dabalatee miyooti 174 tahan caal-baasiif dhiyaataniiru.

Sagantaan caal-baasii kunis kilaba dhuunfaa keessatti kan adeemsifame yoo tahu dorgomtoonni caal-baasii 1000 ol irratti argamaniiru.

Miini baayyee beekamaa taheefi Capone mararsiifatu, shugguxiin isaa doolaara 860,000 baaseera.

Meeshaalee wanbadee kanaa caalbaasiin gurguraman keessaa tokko shugguxii inni akkaan jaal'atu, Colt

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaalee wanbadee kanaa caalbaasiin gurguraman keessaa tokko shugguxii inni akkaan jaal'atu, Colt

Chikaagoo Tiriibiyuun akka gabaasetti qawween Jaarraa 20ffaa kuni gatii caal-baasii isa guddaa dha.

AI Capone wanbadee beekamaa Chikaagoo yoo tahu, bara Ameerikaatti alkoolii oomishuunis tahe raabsuun hin eeyyamamnetti, namni kuni bara 1920moota keessa yakkamaa Ameerikaan sadarkaa tokkoffaarratti barbaadaa turte ture.

Dhumarratti yakka gibira waliin dhahuun himatamee waggoota baayyeef mana hidhaa dabarse.

Bara 1947 lubbuunsaa erga dabre qabeenyisaa waggoota 75f harka maatiisaarraa ture.

Qawwee fi meeshaalee kaan

Madda suuraa, Reuters

Mucaan mucaa Al Capone, miyootasaa gurguruuf kan murteessan, isheefi obboleettiinshee dulloomaa waa jiraniifi jetti.

Kana malees ibiddi kaaba Kaalifoorniyaatti irra deddeebiin ka’u miya kana akka gurgurru nu godhe jette.