Qulqulleesituu mana barumsaa wayyaa ishee moofaa gurguruun bu'aa argatte

Madda suuraa, Stormee James
Qulqulleesituun mana barumsaa Istoormii Jeems wayyaa kana dura uffatame deebistee gurguruun birrii 66,371 buufatteetti.
Wayyaa erga dhaqna dhiqatanii uffatanirraa kaasee gosti wayyaa isheen hin gurgurre hin jiru.
‘’Yeroon jalqabu baay'ee na nuffisisa ture,’’ jetti shamarreen ganna 31 Ameerikaa, Ohaayoo jiraattu. ’’Qarshii waanin barbaaduuf ittan fufe, kanaan otoo hojii hin dhabiin ture,’’ jetti.
Jalqaba Istoormiin uffata lammata gurgurtu gabaa Pooshmaark jedhamutti baaste.
Gabaa kanatti bittuufi gurgurtuun kallattiin kan wal-argan yoo tahu gabaa kanatti baasanii yoo gurguran qarshii irraa shallagama. Gabaan kun arfaasaa kana gurgurtaan harka 50n dabaleera jedha.
Istoormiin miya gurgurattu jalqabaa baatii Caamsaa keessa ture kan gabaatti baaste. Sana booda galii argatte irraa obboleettiifi jaalalleeshee wayyaa uffatame akka gurgurattuuf kennaniifitti deebiste. Doolaara 500 immoo gabaama kanaarraa ofiin daara baaste.
‘’Kennaa ayyaana Qilleef ta’us achumaan bitadhe,’’jetti.
‘’Wayyaan takkaa uffatamee gatamuu mannaa yeroo dheeraa akka uffatamu gochuu nan jaaladha, dabalataan gatii salphaan bitatta,’’ jetti.
Koronaa fi wayyaa moofaa gurguruu
Manatti ugguramanii turuun fedhii wayyaafi faaya bitachuu harka 25nin hir’iseera.
Haa ta’u malee marsariitiiwwan uffata kana dura faayidaarra oolan gurguran waan addaa argaa jirra jedhu.
Hundeessituun Faashinfaayil Saaraa Deeviiz weerarri kun daldala ishee miidha jettee yaaddoftee turte.
Dhaabbata kana korojoo dubartootaa dhiyeessuun qofa bara 1997 marsariitii eBay jedhamurratti gurguruun jalqabde. Amma gatii waliigalaa doolaara miiliyoona 200 baasuun of danda’ee harka 50 guddachaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Akka yaadamu yaaddoon fayyaa fi diinagdee maamila gabaa deemtu hin baqachiisne.
‘’Akka addaatti gurguraa turre,’’ jetti. ‘’Waanuma girgijjii irra jiru hunda gurguraa jirra, garuu miini as galu badaa miti,’’ jetti.
Gurgurtaa dagaagaa jiru
Aadde Deeviis dhiyeessiin hir’atus galiinshee bara kanaa harka 20n akka dabalu eegdi, faashiniin ni geeddarama jetti.
Otuma weerarri kun hin jalqabiin illee, gurgurtaa miiya kana dura tajaajilarra ooleetu jaalatamaa dhufe. Wayyaa, korojoo meeshaalee biro kan durii tahan gurgurti.
Yeroo weerara kanaa namoonni onlaayinii waan turaniif faashinoonni durii bu’aa argachaa jiru jedhu ogeettiin dhimma kana xiinxaltu Aleeksiis Diisilvaa Kaaleera.
Dhaabbanni isheen keessaa hojjettu Miinteel qorannoo taasiseen maamilootni harka 70 tahan meeshaa lammata faayidaarra oolu bituuf eeyyamamoo dha. Namoonni meeshaa faayidaarra oole bituu didan qulqullina komatu.
Haa tahu malee fedhiin miya akkasii bitachuu yeroo weeraraa dabaleera.
Ameerikaatti namoonni harka 20 tahan yeroo weerarraa meeshaa irra deebiin faayidaarra oolu bituuf fedhii agarsiisaniiru.
Aadde Aleeksiis namoonni vaayirasichi saanduuqa meeshaa keessa keewwataniifi huccuurraa nutti darba sodaa jedhu dhiisaa dhufan, hanguma waa’ee vaayirasichaa beekaa dhufan jechuu dha jetti
Faashinii wayyaa takka itti fayyadamanii gatan guddachaa dhufuun wayyaa faayidaarra oole bitachuu dabale. Kufaatii diinagdee bara 2007-2008 as immoo iddoowwan gatii cabsaa qaban kanneen akka Giilt Giruupii dabalaa dhufan.
‘’Dhiibbaa diinagdeen nurraan gahu waan hubannuuf,maamilootnis qarshii qusachuu barbaadan karaa kana faa fayyadamuu fedhu.













