Muddama Mozaambiik: Masjiidota barbadeessuu hanga qunnamtii saalaaf dubartoota butanii garbroomfachuutti

People in a crowd in Pemba hold up pictures of Rwanda's President Paul Kagame at an event to greet him during his two-day visit to Cabo Delgado in September
Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Mozaambik wayita pireezidantii Rwaandaa simachuuf eegaa jiranitti

Waggoota afran darban keessatti, gandootiifi magaalootni Kaaboo Delgaadoo keessa jiran qullaa ta’aniiru – ji’a darbe keessa garuu hidhattoonni Islaamummaa leellisan, loltoota Ruwaandaa 1,000 ta’aniin achirraa dhiibamaa jiru.

Gezexeessituun BBC Ani Sooy Moozaambik keessatti naannicha daawwachuun gabaasa armaan gadii qixeessiteetti.

Gamooleen jijjiganii, baaxiin manneenii kufanii, dhukaasni jiraachuu isa ragaaleen agarsiisan ammallee jiru. Keenyaan jijjiganii, manneen yeroo tokko dhalli namaa jiraachaa ture keessa amma aramaatu guuteera.

Gartuu gaazexessitoota muraasa, bakka gartuun hidhattoota Islaamummaa leellisanii barbadeessan argan keessaa ani tokkodha.

Jiraattonni naannichaa hidhattoota kana jecha Afaan Arabaa dargaggoota bakka bu'u al-Shabaab jedhanii waamu.

Ta’us garuu hidhattoonni kun gartuu al-Shabaab warra Somaaliyaa keessa jiran waliin hidhata hin qabani. Hidhatni isaanii gartuu IS waliin akka ta’e himama.

“Hidhatni isaanii ilaalcha wal fakkaataa qabaachuuni,” jechuun dubbii himaan waraana Ruwaandaa Koloneel Roonald Riwivaangaa BBCtti himeera.

Loltoonni Ruwaandaa daandii torbanoota hedduuf fayyadamaa turan fayyadamuun naannicha nu daawwachiisaniiru.

Map of Cabo Delgado

Gartuun tokko gara kaaba biyyatti Paalmaatti imalanii, bakka haleellaa hoteela tokko irratti gaggeeffameen namootni hedduu du’anii, boodarra akka barametti namootni tokko tokko harki isaanii duubbatti hidhamee morma isaanii muruun ajjeefamanidha.

Heleellaa kanaan warshaa boba’aa Fireench guddichi Total achi ture akka cufamuuf dirqiisiiseera.

Gartuun lammataa ammoo gara kibba-lixaatti imaluun Hagayya 8 irratti magaalaa qarqara galaanaa jirtu Mosiimbowaa da Paaris qabatani.

Duula waraanaa kanaan, hidhattoonni 100 ta’an fi loltoonni Ruwaandaa afur du’aniiru, jechuun dubbihimaan kun ibsaniiru.

‘Masjiidoti barbadaa’aniiru’

Bakka Quitunda jedhamutti maanguddoon ganna 80’n keessa ta’an “finciltoonni kun maal akka barbaadan hin beeknu,” jechuun dubbataniiru. “Masjiidota keenya barbadeessaniiru, manneen amantaa Kiristaanaa irrattis haleellaa gaggeessaniiru.”

Hidhattoonni gadhiisaniiru oduu jedhu yemmuu dhaga’an gara asitti akka dhufan himu.

Mana jireenyaa isaanii duraa Mosiimbowaa da Paaristti deebi’uu barbaadu garuu, magaalichi barbadaa’eera.

Hidhamtoonni waraanaas achitti hidhamanii turani - kiyyeessaa qurxummii kan ture dargaggoon ganna 18 hidhattoota kanaan qabamee akka isaaniif loluuf dirqisiisamee akka ture himeera.

Weapons captured from militants, Mocímboa da Praia, Mozambique - 22 September 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni tokko tokko meeshaa irratti maqaasaanii barreessaniiru

Qunnamtii saalaaf garbummaan kanneen qabaman

Dubartoota garbummaan qabaman keessaa tokko tokko wanta irra ga’e himaniiru. Bakka hedduun isaanii itti baqatan Peembaa keessatti wal aggarre.

Haatii ijoollee ja’aa tokko akka natti himtetti, lafa qonnaa ishee irraa ijoollee ishee quxisuu sadii waliin akka fudhatamte himti.

Yeroo muraasaaf qofa boqonnaa fudhachaa, gara torban tokkoof akka lukaan adeemaniif dirqisiifamani.

“Ijoolleen dadhabnee jedhani yoo boo’an isaan reebu,” jetti.

Hidhattonni kun akka garba wal-qunnamtii saalaatti waggaa tokkoo oliif ishee tursani.

Amma daa’ima yeroo garbummaan qabamtee turteetti ulfooftee deesse, harma hoosisaa jirti.

A woman in Pemba who was kidnapped by al-Shabab and her children - Pemba, Mozambique, September 2021

“Nyaatni ga’aas ta’e wanti barbaachisaa ga’aa ta’e hin jiru,” jetti.

Torban muraasa dura yeroo helikooptarri naannoo isaanii dhufee, hidhattoonni kun baqachuuf dirqamanitti, ishee fi dubartoonni biroo miliqanii baqachuu danda’aniiru.

Kan garbummaan qabamtee turte shamarreen ganna 24 biraan ammoo, dubartoonni lama yeroo miliquuf yaalanitti hidhattonni kun yeroo isaan ajjeessan akka agarte himti.

Dubartoota butan kana gara gandootaatti geessanii akka isaan miidhaan guuran godhu turani. Ta’us garuu hidhattoota kanaafi booji’amtoota isaaniif hin ga’u ture.

“Adaraa warra ammayyuu garbummaan jiran bilisa baasaa,” jechuun kadhatti.

Abbaa warraa ishee fi ijoolleesheetti deebi’uu barbaaddi, garuu akkamiin akka ishee simatan hin beektu. Jireenyishee deebi’ee akka durii hin ta’u.

Amma humnootni waraanaa Moozaambik nannoolee hidhattoottaan to’atamanii turan keessa qubatanii jiru.