Mozaambikitti jihaadistoonni 'namoota 50 ol irraa morma kutan'

In this file photo taken on August 24, 2019 The remains of a burned and destroyed home is seen in the recently attacked village of Aldeia da Paz outside Macomia

Madda suuraa, AFP

Kaaba Mozaambikitti namootni 50 ol hidhattoota Islaamummaa fiinxaleessaniin mormi irraa kutamuu, miidiyaan biyyattii gabaase.

Hidhattoonni kunniin dirree kubbaa miilaa mandara tokko keessa jiru ''lafa ajjeechaatti'' geeddaran jedha gabaasichi.

Dirree kanarrattis, haala suukanneessaan morma kutaa, qaama mummuraa turan jedhameera.

Mandara biraattis namoonni hedduun mormi isaanii irraa kutameera, jedha gabaasni miidiyaa biyyattii kun.

Gochi suukanneessaan kun kutaa biyyaa boba'aa hedduu qabdu Cabo Delgado jedhamtutti kan qaqqabedha.

Kutaa biyyaa kanatti erga bara 2017 eegalee haleellaan akkanaa qaqqabaa tureera.

Rakkoo nageenyaan, kutaa biyyaa hawaasni garri caalu hordoftoota amantii Islaamaa itti tahan kanatti, namoonni 2,000 gahan ajjeefamuufi kanneen 43,000 tahan ammoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Hidhatoonni kunniin garee Islaamik Isteet (IS) waliin hidhata kan qaban tahuu himama.

Gareen kun hiyyummaafi hoji-dhabdummaatti fayyadamuun dargaggoota kan ofitti dabalan oggaa tahu, naannichatti seera Shariyaa hundeessuuf akka falmatan dubbatu.

Jiraattonni indastriiwwan albuuda ruubiifi boba'aa naannichaarraa bu'aa kana jedhamu akka hin arganne komii dhiyeessu.

Map of Mozambique

Gaazexeessaan BBC Jose Tembe magaalaa guddoo biyyattii Maaputoo irraa akka gabaasetti, haleellaan kun tarii haleellaa sukanneessaa hidhattoonni kun geessisanidha jedha.

Namoonni hedduun oduu kanaan hedduu rifataniiru, waldhabdeen kunis nagayaan akka furamus gaafachaa jiru jedha.

Warri qawwee hidhatan manadara Nanjaba jedhamtu keessaa "Allahu Akbar" erga jedhanii booda, dhukaasuu eegalan. Manneenis ibiddaan gubuu eegalan jechuun namni lubbuun oole miidiyaa mootummaa biyyattii Mozambique News Agency'tti himaniiru.

Mandara kanatti namoonni lama mormi isaanii yogguu irraa kutamu, dubartoonni hedduus butamaniiru.

Hidhattoonni kan biroon ammoo mandara Muatide jedhamturratti haleellaa geessisaniin, namoota 50 ol morma irraa kutaniiru jedha.

Haleellaa Jimaataa haga Dilbataa tureen, kanneen baqachuuf yaalan qabamanii gara dirree kubbaa miilaatti fudhataman. Achittis morma isaanii qalamee, qaamni isaaniis kukkutame jedha gabaasni biraa.

Mootummaan Mozaambik hidhattoota kana to'achuuf qarqaarsi na barbaachisa jechuun, hawaasa idil-addunyaa gaafateera. Loltoonni biyyattii leenjii addaa barbaadu jedha.

Gareeleen mirga namoomaa, humnoonni mootummaa Mozaambikiis sarbama mirgaa geessisu jechuun komatu. Wayita hidhattoota kanniin loluuf deeman, hidhaa sababa malee, dararaafi ajjeechaa geessisu jedhu.