Aminastii Intarnaashinaal: Mozaambikiitti haleellaa jalaa namoonni adiifi saroonni 'dursa baraaraman'

Mozaambiikitti haleellaan yeroo garagaraa raawwatu namoota hedduu qe'eerraa buqqiseera

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mozaambiikitti haleellaan yeroo garagaraa raawwatu namoota hedduu qe'eerraa buqqiseera

Mozaambiikitti ji'a Bitootessaa keessa lubbu-baraartonni wayita haleellaa jihaadistootaa jalaa namoota adiif dursa kennuun baraaran jechuun Aminastii Intarnaashinaal gabaase.

Aminastiin kanneen baraaraman dubbisuun waan jedhe, saroonni lama baraarsa qilleensarraan wayita baafaman, namoonni kaan garuu hoteela baqatanii turanitti dhiifamuu hime.

''Himannaawwan karoorri baraarsaa kun sanyii kan gargar qoodeedha jedhan kunniin rifaasisoodha. Hojii kanas warri adii haala loogii qabuun argatan,'' jedhan Deprose Muchena, Aminastii Intarnaashinaalitti daarektarri Bahaafi Kibba Afrikaa.

Aminastiin namoota 220 hoteelicha keessa turan keessaa kanneen baraaraman 11 dubbiseera jedha. Dabalataanis namoota shan haleellaa jalaa miiliquuf yaalanis dubbiseera jedha.

''Namoota 220 taanutu hoteelicha keessa danqamnee turre - lakkoofsa gara caalu kan qabnu nuyi [namoota gurraacha naannichaa] turre. Warri adii 20 tahu turan. Hojii baraarsaa taasifame booda, namoonni 170 achitti lubbuun hafne.

Namoonni adiin garri caalu helikooptaraan baraaraman, nuti ammoo boodarra konkolaataan hoteela keessaa baane,'' jechuun namni haleellaa kana jalaa oole Aminastiitti hime.

Dhaabichi dabaluun kanneen hoteelicha keessa dhiifamaniifi boodarra konkolaattotaan miliquu yaalan, haleellaa tasaa jala bu'aniiru jedhe.

''Himanaallee rifaasisoo'' kanarrattis qorannoon akka gaggeeffamu gaafate.

''Wayita haleellaa hidhannoon godhamu keessa namoota sababa bifasaaniin adda baasuun gatanii deemuun jibba sanyummaati. Ittigaafatamummaa lammiilee nagaa eeguus kan sarbudha. Kanaaf deebii kennamuu qaba,'' jedhan Aabba Mucheenaan.

Kaampaaniin dhuunfaa Dyck Advisory Group jedhamuufi baraarsa kanarratti hirmaate AFPtti akka himetti, himannaawwan kunniin ''guutummaatti sirrii miti'' jechuun, dhimma kanarratti ibsa baasna jedhan.