Manni Maree Nageenyaa yeroo 10ffaaf dhimma Itoophiyaarratti mari'achuuf

Mana maree Nagaa walgahiirra osoo jiranu (suuraa kusaa keessaa)

Madda suuraa, AFP

Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtomanii (UNSC) yeroo 10ffaaf har'a dhimma Itoophiyaa irrratti akka mari'atu ibsame.

Mana marichaaf ajandaa ''Peace and Security in Africa'' jedhu jalatti haala naannoo Tigraay irratti akka mari'atu ibsi mana marichaa beeksiiseera.

Mariin mana marichaa bakka bu'aan Itoophiyaa irratti ni argamu jedhamee eegamu kun kan torban darbe gaggeeffameen addatti saaqaa ta'a jedhameera.

Mariichi akka gaggeeffamuuf kan gaafatan Ameerikaa, UK, Nooriwee, Istooniyaa, Faransaayi fi Ayirilaandii yoo ta'an, barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guteereez haasaa akka taasisan eegamu.

Marii har'aatiin Gutereez hojjattoonni dhaabbatichaa torba Itoophiyaa akka bahaniif ajaja Itoophiyaan dabarsite ilaalchise akkasumas rakkina biyyattii keessa jiru irratti haasaa ni taasisu jedhamee eegama.

Erga waraanni humnootii fedraalaa fi humnootii TPLF jidduutti eegalamee kaasee manni marii nageenyaa dhimma Itoophiyaa irratti kan har'aa waliin yeroo 10ffaaf mari'ata.

Erga Itoophiyaan hojjattoota UN torba biyyaa akka bahaniif ajaja dabarsitee as ammoo manni marichaa yoo mariif taa'u kun yeroo lammaffaaf.

Hojjattoonni dhaabbatichaa Itoophiyaa hojii seeraan alaa irratti hirmaachuun argeera jechuun sa'aatii 72 keessatti akka biyyaa bahaniif ajauun walqabate, Ameerikaa, UK, Nooriwee, Isooniyaa, Faransaayiifi Ayirlaandi walgahii mana marichaatiif gaaffii dhiyaasseen ni yaadatama.

Manni maree torban darbe cufaan marii gaggeesse hordofees ibsi Ayirlaandi qopheessite deeggarsa gahaa waan argateef ifa osoo hintaa'iin hafeera.

Ibsa Ayirlaand qopheessite turteen, Itoophiyaan hojjattoota dhaabbatichaa har'iachu kan balaaleeffatu, Itoophiyaa UM waliin akka waltaatu kan gaaffatuufi deeggarsi namoommaa akka hingufannee kan gaafatu ture, akka odeeffannoo mana marichaa argame mul'isuutti.

Haata'u malee, biyyoonni A three plus one' jedhaman Keeniyaa, Niijar Tuniziyaa, Seent Viinsnat fi Za Giriiniinaadiis akkasumas Chaayinaa fi Russiyaan ibsichi faayidaa hinqabu jechuun mormutu dhagahame. Dhaabbatichi dhimma Itoophiyaatiif furmaata akka barbaadu biyyoonni kunneen akeekkachisaniiru.

Tarkaanfii Itoophiyaan hojjattoonni dhaabbatichaa biyyaa akka bahaniif fudhate akka geeddartuuf barreessaa Olaanaan UN gaafachu Dubbii Himaan Ittaanaan dhaabbatichaa Faarihaan Haqii dubbataniiru.

Biyyi tokko namoota hojii dippilomaasii keessa jiran fi mirga akka hinhimatamne qabaniif adeemsi dahoo seeraa isaanii kaasuu ittiin dandeeessuu hojiirra kan oolfamu, dippilomaatoota biyyootaan mudamaniif malee hoggantoota UNf akka hintaanee dhaabbatichi Itoophiyaatti beeksiiseera.

Tarkaanfii fudhatame hordofunis Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa MM Abiyiif xalayaa erguun himameera.

Barreesichi akka jedhaniitti, hojjattoonni torban biyyaa ari'achuun adeemsa hojii deeggarsa namoomaa ni gufachiisa.

''Wayita lubbuu baraaruu fi mirgoota namoommaa eegsiisuuf tattaafannu kanatti hojjattoota Itoophiyaadhaa akka bahaniif murteessuun danqaa biraa uuma. Deeggarsa namoommaa dhimma siyaasaa gochuun UN yaalii Itoophiyaa deeggaruuf taasisuu danqa,'' jedhan.

Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin hojjattoonni torban gochaa nageenya biyyaaleessaatiif yaaddoo ta'an irratti hirmaachuun waan argamaniifan biyyaa baasuuf murteesse jechuun deebii kenneera.

Motummaa Itoophiyaa fi UNtti bakka bu'aan Itoophiyaa AMbaasaadar Taayyee Atsiqasilaasee akka jedhaniitti, hojjattoonni kunneen deeggarsa namoommaa TPLFf dabarsanii kennuun alatti odeeffannoo dogongoraa tamsaasaniiru.

Dhaabbatichi garuu himanaawwan kanneen waakkateera. Hojjattoonni loogiin ala haluma oguummaansaanii gaafatuu kan hordofan jedheeras.

Itoophiyaa bakka hojjatoota biyyaa bahaniitti kan biraa akka buufamaniif gaafatee jirti.

Dubbii Himaan Ittaanaan Gutereezi Faarihaan Haqi, bakka hojjattoota torbanii hojjattoota biraa gara Itoophiyaatti akka ergaman gaafatamanii, ''Hojjattoonni UN erge kan hojiisaaniif dandeettii gahaa qabaniidha. Danqaa tokko malee hojiisaanii itti fufuu qabaatu,'' jechuun deebii kennan.

UNtti Ambaasaadarri Ameerikaa Jeeniivaa Saayiman Maanilii biyyoota 40 bakka bu'uun, hojjattoonni ari'ataman torban gara Itoophiyaatti deebii'uun akka hojjataniif akka hayyamamu gaafataniiru.