Gaazexeessaa Tasfaalam Waldayyas hidhaatii gadhiifame

Madda suuraa, Photo by Melody Sundberg
Hundeessaafi qopheessaan ol-aanaa toora marsariitii Ethiopia Insider kan ta'e gaazexeessaa Tasfaalam Waldayyas hidhaatii gadhiifame.
Guyyoota sadiif hidhaarra kan ture gaazexeessaa Tasfaalem, har'a waaree Kibxata har'aa waaree dura hidhaatii ba'uu isaa BBCn abokaatoo isaafi Tasfaalam mataa isaarraa mirkaneeffateera.
"Waan fedhe ta'us hiikameera, amma kunoo ergan mana hidhaatii bahee daqiiqaa sadii ta'eera," jechuun yeroo bahu BBCtti dubbateera Tasfaalem.
Yeroo kana dubbatetti mana hidhaa keessaa bahee konkolaataa seenaa ture.
Sambata darbe poolisiin kan to’atame Tasfaalam buufata poolisii Meeksikootti argamutti yaada isaa kennuu abuukaatoon isaa BBCtti himaniiru.
Gaazixeessaan kun hidhamuu hordofee jaarmiyaaleen mirga gaazixeessitootaaf falman CPJ fi ‘Reporters without the borders’ atattamaan akka hidhaa gadhiifamu kaleessa gaafatanii turan.
Tasfaalam kabaja Irreechaa magaalaa Finfinneerratti Sambata darbe sagalee mormii dhaga’amaa turan viidiyoon waraabee ‘Ethiopia Insider’ irratti maxxansuu hordofee hidhamuu isaa CPJ’n beeksisera.
Itti-gaafatamaa itti-aanaan Biiroo Qo’annoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Obbo Mul’isaa Abdiisaa gaazixessaa Tasfaalam to’annoo poolisii jala turuu BBC’f mirkaneessanii turan.
Qondaalli kun Tasfaalam biiroo qo’annoo yakkaa Poolisii Federaalaa Meeksikootti argamu jira jechuun himanii turan.
‘’Waanti uumamu homtuu hin jiru kan inni jedhe qulqulleessaa jirra. Waanti yaaddeessaa ta’e homtuu hin jiru,’’ jechuun Obbo Mul’isaan BBCtti himanii ture.
Itti-gaafatama itti-aanaan Biiroo Qo’annoo Yakkaa Obbo Mul’isaan, Gaazixeessaan kun yakka maalin akka shakkamee to’atame odeeffaannoo bal’aa kennuurra ofqusatanis ture.
CPJ’n gochi akkasii mootummaan pireesii ukkamsuuf ‘’tarkaanfii itti fufinsaan fudhatamu kan ifa baasudha’’ jechuun toora tiwitaraa gubbaatti barreeesse.
Jaarmiyaan CPJ gaazixeessaa Tasfaalam atattamaan akka hiikamuufis gaafatee ture.
Tasfaalam kanaan duras waggaa tokkoof yakka shororkeessummaatiin himatamee hidhamee akka ture jaarmiyaan kun ibsuudhaan,‘’Mootummaan Ministirri Muummee Abiyi Ahimad tooftaa miidiyaa ukkamsuu kanaan dura turetti deebi’uun gaddisiisaadha’’jedhe.
‘Reporter without the borders’ gama isaatiin, Tasfaalam mormii mudate otoo waraabuu poolisiin kan to’atame Tasfaalam, qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa akka saffisaan hiikan gaafatee ture.
‘’Biyyattii keessatti mormii farra mootummaa waraabuun dhorkaadhaa? Hojiisaatiin alatti waan dalage hin qabu.
Gaazixeessummaan yakka miti," jechuun dhaame.
Tasfaalam Waldayas marsariitii oduufi xinxalli irratti dhiyaaatu ‘Ethiopia Insider’ hundeessuun, oduu wayitawaa siyaasaa biyyattii wajjin hidhata qaban dhiyeessuun madditti miidiyaa hawaasarraatti hordoftoota hedduu horachurratti argama.
BBC’n maddeen amanamoorraa akka hubatetti, gaazixeessaa Tasfaalam humnoota tika mootummaatiin erga to’atamee booda manni jireenya isaa sakatta’ameera.















