Gaazixeessaa Tasfaalam Waldayes poolisiin to'atamuun ibsame

Madda suuraa, Photo by Melody Sundberg
Gulaalan olaanaan marsariitii ‘Ethiopia Insider’, gaazixeessaa Tasfaalam Waldayes poolisiin to’atamuu BBC’n Poolisii Federaalaarraa odeeffateera.
Gaazixeessaa Tasfaalam Waldayas ALI Fulbaana 22, 2014 irraa kaasee iddoo inni jiru akka hin beekne waahillan wajjin hojjataniifi hiriyoonni isaa BBCtti himaniiru.
Ittigaafatama ittaanaan Biiroo Qo’annoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Obbo Mul’isaa Abdiisaa gaazixessaa Tasfaalam to’annoo poolisii jala akka jiru BBC himan.
Obbo Mul’isaan akka himanitti, Tasfaalam biiroo qo’annoo yakkaa poolisii federaalaa Meeksikootti argamu jira.
‘’Waanti uumamu homtuu hin jiru kan inni jedhe qulqulleessaa jirra, Waanti yaaddeessaa ta’e homtuu hin jiru’’jechuun Obbo Mul’isaan BBCtti himan.
Ittigaafatama ittaanaan Biiroo Qo’annoo Yakkaa Obbo Mul’isaan, Gaazixeessaan kun yakka maalin akka shakkamee to’atame odeeffaannoo bal’aa kennuurra ofqusatan.
Gaazixeessaa Tasfaalam Sambata darbe Irreechaa magaalaa Finfinfinneerratti sagalee mormii dhaga’amaa turan fuula feesbuukii ‘Ethiopia Insider’ irratti qoodee ture.
Tasfaalam Waldayohaannis marsariitii oduufi xinxalli irratti dhiyaaatu ‘Ethiopia Insider’ hundeessuun, oduu wayitawaa siyaasaa biyyattii wajjin hidhata qaban dhiyeessuun madditti miidiyaa hawaasarraatti hordoftoota hedduu horachurratti argama.
BBC’n maddeen amanamoorraa akka hubatetti, gaazixeessaa Tasfaalam humnoota tika mootummaatiin erga to’atamee booda manni jireenya isaas sakatta’ameera.
Waahilli hojii Tasfaalam ‘Ethiopia Insider’ waliin hojjatu Amiis Awwal BBCtti akka himetti, Tasfaalam Irreecha Finfinneefi Bishooftuu hora Arsadeetti irreeffatame gabaasuuf karoorfachuun gargar deeman.
Tasfaalam Sambata sirna irreechaa kabajamerratti viidiyoofi suuraalee mormii mul'isan dabalatee, hanga ganama sa’aatii lamaatti erga qoode booda bilbilaan argachuu akka dadhabe Hamiis BBC'tti himeera.












