'Waliigaltee biyyaalessaa uumuufi qaala'insa jireenyaa furuun hojii ijoodha'- Pire. Saahilewarq Zawudee

Pire. Saahilewarq Zawudee

Madda suuraa, AMN

Pirezedaantiin Rippaabliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Saahileworqi Zawudee Yaa'ii waliinii Manneen Marii Bakka Bu'oota Ummataafi Mana Marii Federeeshiniirratti argamuun kallattii hojii mootummaa gara fuulduraa dhiheessaniiru

Ergaa dabarsan keessattis waggootni muraasni darban biyyattiin kan itti qoramteefi aarsaa guddaa kan itti kafaltedha jedhan.

Filannoon ji'a Waxabajjii keessa adeemsifame rakkoowwan hedduudhaan marfamee kan adeemsifame yoo ta'elleen, filannoowwan biyyattiin ammaan diura adeemsifte faana yoo ilaalamu madaallii hedduudhaan fooyya'aadha jedhan.

Manneen marii kunneen bakka miirri ummataa itti mul'atu bakka itti miirri ummataa itti callaqisiifamu ta'uu qabas jedhan.

Tarkaanfiiwwan dinagdee biyyattii kufaa jiru baraaruudhaaf fudhataman bu'aa argamsiiseera kan jedhan Pirezidantiin kun, ta'us garuu hoji-dhabdummaan qormaata ijoo ta'ee itti waan fufeef roga xiyyeeffannaa mootummaa barbaadudha jedhan.

Qaala'insa jireenyaa dabalaa dhufeef ka'umsa kan ta'an fedhiin jiruufi dhiyeessi wal madaaluu dhabuu, sirna qonnaa rooba irratti hundaa'e, sirna daldalaa wal hin qixxoofne sirreessuun hojii irratti xiyyaafatamuu qabudha.

Hoji dhabdummaafi qaala'insi jireenyaa qorumsawwan ijoo ammallee furmaata barbaadanidha jedhan,

"Gara fuula duraattiu carraa hojii bal'aa uumuun, qaala'iinsa jireenyaa uummata miidhaa jiru furuun guddina waliigalaa fiduuf mootummaan haalan hojjeta.

Qaala'iinsa jireenyaatiif fedhiifi dhiheessiin walmadaaluu dhabuun, qonni rooba irratti hundaa'eefi kaan sababoota ijoo turan," jedhan.

Humnaafi meeshaa waraanaatiin aangoon argamu kana booda akka hin jirre himuun, aangoon biyya kana keessatti kan argamu fedhiifi sagalee ummataatiin dirree dorgomii nagaa irratti seera hordofee ta'uu qabas jedhan.

"Humni Biyyaafi Uummataa ol ta'e jiraachuu hin qabu.Ummanni nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheesaa bahuu qaba," jedhan.

"Seenaa dhiigaan barraa'e qalaamaan jijjiiruun hin danda'amu. Walabummaafi kabaja biyya keenyaa waan tuquiratti eenyu wajjinuu walii hin gallu," jedhan.

Waliigalteen biyyoolessaa gara-ballina, waliigaltee, walkabaja, mariifi falmii nagaa adeemsisuu gaafata.

Kanaan alatti ammooo warra miidhaman bayyanachiisuus barbaachisa.

Waliigalteen biyyoolessaa biyya kana keessatti akka jiraatuuf hawaasni hundi gahee laayyoo hin taane bahuu qaba jedhan.

Dipiloomaasii biyyoota olla wajjinis hariiroo fayyadamummaa waliiniifi obbolummaa qabuun kan hojjetamu ta'uu himan.

Kanaan alattis dhimmoota fayyaa, hawaasummaa, fayyadamummaa dargaggootaafi dubartootaa, dhimma Hidha Laga Abbayyyaafi dhimmoota biyyattii biroo irrattis kallattii hojii gara fuuladuraa biyyattii ibsaniiru Pirezdaant Saahileworq.