Ministeerota haqaman, akka haaraatti ijaaramaniifi jijjiirraa kaabinee waggootaa darban keessa

Paarlaamaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Anadolu Agency

Filannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa marsaa jahaafaa hordofuun boru A L I Oknolooleessa 4, 2021 mootummaan haaraa ni hundeeffama.

Haaluma walfakkatuun waggoota darban keessa yeroo garaa garaatti mootummaa hundeessuun raawwatameera.

Wayita bulchinsii haaraan hundeefamuttis jijjiramni hoji-raawwachiiftuu taasifameera. Kanaanis, waajjiraaleen ministeeraa hedduun dachaafamuu, haaraanaas hundeeffamaniiru. Aanga'onnilleen eddoodhaa gara eddootti geeggeedaramaniiru.

Fakkeenyaaf, ministiroonni kaabinee MM duraanii Mallas Zenaawii 15 keessaa ALI Onkolooleessa 1994tti 10nan isaanii geedaramaniiru.

Yeroo sanatti Ministeera Misooma Bu'uuraa, Ijaara Dandeettiifi Ministeerri Misooma Baadiyaa kan duraan hin turreefi kan akka haaraatti caaseefamaniidha.

Ministitiroota yeroo sana bakka isaanii irra turan keessaa Ministira Dhimma Alaa Obbo Siyyuum Masfiniifi Ministira Barnootaa Aaddee Gannat Zawudee (kan dubartii ministiraa qofaa turan) keessatti ni argamu.

Aadde Gannat Zawudee abbaan warraasaanii Dr. Kabadda Taadassaa Ministira Fayyaa ta'uun muudamuu isaanii hordofee abbaa warraafi haadha warraa ministiroota ta'an ta'uu danda'aniiru.

Abbaa Dulaa Gammadaa Ministira Ittisa Biyyaa yoo ta'an, Obbo Addisuu Laggasaa ammoo Ittaanaa MM fi Ministira Misooma Baadiyaa ta'uun muudaman. Yeroo sanatti Barakat Simoon ammoo Ministira Beeksiisaa turan.

Haata'u malee, filannoo A L Ibara 19 97 booda ammoo Onkoloolseessa 03, 1998tti MM Mallas Zeenaawii ministiroota yeroo hedduuf tajaajilanii fi namoota isaaniitti dhiyaatan bakka buusanii ture.

Miseensoonni kaabinee duraan 17 tures gara 20tti ol guddifame.

Gannat Zawudee, abbaan warraasaanii Dr Kabbadaa Taaddasaafi Barakat Simoon aangoosaaniirraa kaafaman. Addisuu Laggasaa fi Siyyum Masfin bakkuma turan irratti itti fufan.

A L I Fulbaana 24, 2001tti jijjirraan kaabinee gaggeeffameera.

Boodarra MM kan ta'an Obbo Hayilamaariyaam Dasaalany sadarkaa ministiratti itti-waamamaa mootummaa ta'an. Siiraaj Fargeessaa ammoo ministira Ittisaa, Obbo Dammaqa Makonniin ammoo ministira Barnootaa ta'uun muudaman.

Aadde Mufaariyaat Kamiil ammoo itti-gaafatamtuu Dhimma Dubartootaa ta'an.

Yeroo kanatti ture Ministeerri Beeksiisaa kan raadiyoo fi TV Itoophiyaa dabalatee sabaa himaawwan mootummaa olaantummaa hogganu akka diigamu kan ta'e.

ADWUI filannoo A L I bara 2002n teessoo paarlaamaan qabu 547 keessaa 545 mo'achuun Fulbaana 25, 2003tti Mallas Zeenaawii MM godhachuun muude.

Yeroo sanatti kanneen waggoota 19f tajaajilan Siyyum Masfiniifi Hayilamaariyam Dasaalanyiin bakka buusanii turan. Haayilamaariyaam yeroo sanas itaanaa MM turan.

Ministirri Daldalaafi Industirii Girmaa Birruufi itti-aanaan MM Addisuu Laggasaa aangoorraa kaafaman.

Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel ammoo ministira Komunikeshiniifi Informeshiin Teknolojii ta'an.

Ministirri Albuudaafi Inarjii bakka lamaatti qoodamuun Ministeera Albuudaafi Ministeera Bishaan, Inarjiifi Jallisii akka ta'u murtaa'e.

A L I Sadaara 20, 2005

Du'a Obbo Mallaas Zeenaawii hordofee Obbo Hayilamaariyaam Dasaalany aangoo MM qabatanii baatii tokkoon booda jijjirama kaabinee taasisuun hojiin eegalame.

Kanaanis itti-aanaan MM lamaa fi dhimma alaa, akkasumas ministeerri daladalaa dabalataa hundeeffame.

Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel fi Muktaar Kadiir haaraa mudamuun Dammaqaa Mokkonniin waliin itti-aantoota MM sadii ta'an.

Obbo Muktaar Kadir sadarkaa itti-aanaa MMtiin qindeessaa kilaasatara Fooyya'insa Bulchinsa Gaarii, Dr Dabratsiyoon ammoo qindeessaa kilaastara Faayinaansiifi Dinagdeefi ministira Quunnamtiifi Odeeffanno ta'uun muudaman.

Yeroo sanas biyyattiin yeroo jalqabaaf itti-aantoota MM sadii kan argatte.

Dr Teediroos Adihaanoomis yeroodhuma kanatti ture ministira Dhimma Alaa kan ta'an.

Dr. Tediroos A L I hanga bara 1998tti Ministira Fayyaa ta'uun tajaajilanii ture.

Isaan gara Ministeera Dhimma Alaa wayita demaniitti, Dr Takastabirhaan Adimaasuu bakkasaanii Ministira Fayyaa ta'an.

Booda keessa ammoo Obbo Hayilamaariyam, Obbo Barakat Simooniin gorsaa Qorannoo Imaammataafi Qo'annoo gochuun muudan.

A L I Fulbaana 25, 2008 ammoo MM Hayilamaariyam Dasaalany Itti-aantoota MM sadii, ministiroota 26 fi kaadhimamtoota miseensoota kaabine afur paarlaamaatti dhiyeessuun raggaasisan.

Hundeessuu mootummaatiin caasaaleen waajiraalee ministeerootaa 12 irratti ballinaan gaggeeffameera. Kaan isaanii bakka lamatti akka qoodaman yoo taasifaman, kaan ammoo akka haaraatti hundeeffamanii ture.

Waajjiraalee ministeeraa jijjiramni irratti taasifameefi akka haaraatti caaseeffaman keessaa ministeera Misooma Dhimmoota Horsoossee Bulaa, Walta'insa Maallaqaafi Dinagdee, Qabeenya Qonnaafi Uumamaa, Misooma Beeyladaa fi Qabeenya Qurxummii, akkasuma ministeera Industrii ni eeramu.

Obbo Dammaqaa Makonniin sadarkaa itti-aanaa MMtiin qindeessaa Dhimma Hawaasummaa, Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel itti-aanaa MMn qindeessaa kilaastara inagdeefi Ministira Quunnamtiifi Odeeffanno, Aadde Asteer Maammoo qindeessituu kilaastara Riiformii Bulchiinsa Gaariifi Ministeera Misooma Qabeenya Humna Namaafi Pabliik Sarvisii ta'uun kanneen haaraa mudaman keessaa turan.

Waggaan booda ammoo MM Hayilamaaram Dasaalany muudama dabalataa ministirootaaf kennan. Haaluma kanaan Obbo Shifaraawu Shiguxee fi Aadde Fatilawarq Gabre-igzaaber kanneen muudaman keessatti argamu.

A L I Fulbaana 2008tti kaabineesaanii raggaasifachuun bara aangoosaanii kan eegalan Obbo Hayilamaariyam, yeroo muraasaan booda ammoo haala bulchiinsa lafaafi dhimmoota eenyummaan walqabateen rakkoon isaan mudate.

Maaster Pilaanii Finfinneefi godinaalee bulchiinsa Addaa naannawaa Finfinneetiin walqabatee mormiin magaaloota Oromiyaa adda addaa keessatti eegale. Yunivarsitoota keessatti, akkasuma mormii tureen barattoonni Oromoo hedduun yunivarsii keessaa hara'amuun kaan ajjeefaman.

Naannoo Amaaraa bulchiinsa Kaaba Gondariitti ammoo gaaffiin eenyummaa ummata Qimaant deebii dhabuun walqabatee walitti bu'iinsa uumameen lubbuun namoota hedduun badeera.

Mootummaanis giiffiilee ummataa kanneen deebiisuuf jijjirama gadi fagoon taasisa jedhe.

Kanaanis MM Hayilamaariyam A L I Onkololeessa 22, 2009tti muudama kaabinoota 30 mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyeessuun raggaasisan. Kaabinoota kanneen keessaa 21 isaanii haaraa yoo ta'an 9 kan dura turaniidha.

Yeroo sanattis mormii biyyatiitti mudate hordofuun wayita labsiin yeroo mudamaa itti labsamee turedha.

Jijjirama kaabiinee kanaanis Dr Tediroos Adihaanoomiin bakka bu'uun Dr Warqinaa Gabayyoo Ministira Dhimma Alaa ta'uun muudaman.

Dr Nagarii Leencoo ammoo Geetaachoo Raddaa bakka bu'uun Ministira Waajjira Dhimmoota Komunikeshinii Mootummaa ta'uun muudaman.

Kan akka Obbo Dammaqaa Makoonnon, Siiraaj Fargeessaa, Dr Dabratsiyoon fi Dr Yinaaggar Dasee kanneen bakkuma dura turaniitti akka itti fufan taasifaman keessati.

Ministiroota 13 haaraa dabalaman keessaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa Ministira Bishaan, Annisaa fi Jalliisii, Dr Baqqalaa Bullaadoo Ministira Daldalaa, Piro. Yifruu Birhaanee Ministira Fayyaa, Dr Hiruut Walda Maariyam Ministira Aadaafi Turiziimii, Dr Injinara Geetaahun Makuriyaa Ministira Saayinsiifi Teeknooloojii fi Dr Nagarii Leencoo Ministira Dhimmoota Komunikeshinii Mootummaa kanneen damee qorannoo biraa kaabinumaatti makaman turan.

Obbo Haylamaariyam ammoo A L I Guraandhala 8, 2010tti aangoo MM fi dura taa'aa ADWUI gadhiisuuf gaaffii galfatan.

Sababiin aangoo itti gadhiisaniifis ''qaamaa furmata rakkoo biyyaa ta'uufan'' jechuun ibsan.

Walga'ii manni maree bakka Bu'oota Bmmataa Bitooteessa 24, 2010tti gaggeeffateen Abiy Ahimad MM biyyattii ta'un mudaman.

MM Abiy ammoo Ebla 11, 2010tti kaabinoota haaraa paarlaamaatti dhiyeessuun raggaasisan.

Mudama kanaani jijjiramniiifi mudamni haaraan ministirootaa taasifamee ture. Fakkeenyaaf Abbaan alangaa waliigalaa Geetaachoo Amaabaayee fi Ministirri Dhimmoota Komunikeshinii Dr Nagarii Leenchoo kanneen hin muudamiin keessatti argamu.

Kanneen bakkaa jijjiramuun muudaman keessaa Maqaasaa Mootummaa (ministira Ittisaa), Ahimad Shidee (Sadarkaa ministiraatiin ittigaafatamaa Waajjira Dhimmoota Komunikeshinii), Dr Silashii Baqqalaa (Ministira Bishaan, Annisaafi Jallisii), Tashoomee Togaa (Ministira Dhaabbata Misooma Mootummaa), Dr Ambaayee Makonniin ( Ministira Industirii) fi Warqinaa Gabayyoo (Ministeera Haajaa Alaa) ta'uun mudaman.

Obbo Abbaadulaa Gammadaa (Gorsaa Ministira Dhimmota Nageenya Biyyaaleessaa MM), Aadde Fatalawarq Gabra-igzaaber (sadarkaa Ministiraatti Qindeessaa Mummee Jidduugala Ijaarsa Sirna Dimokraasii), Dr Baqqalaa Bullaadoo (Daarektara Mummee Korporeshiin Injinariingiifi Sibilawwanii) fi Obbo Tamasgan Xirunee (Daarektara Mummee EjjansiiTikaafi Odeeffannoo) fi muudama biraa aango'oota federaalaatiif kennaiiru.

MM garaagarummaa guyyoota muraasaatiin itti-gaafatamtoota mootummaa federaalaa 43f muudama kennan. Isaanis irra caalaa aangoo sadarkaa deetaa ministiraa kan qaban turan.

Muudama kaabinee A L I Onkololeessa 6, 2011tti gaggeeffameen ammoo MM kaabinee haaraa isaanitii 20 keessaa 10 dubartoota muudan.

Injinar Iyishaa Mohaammad Ministira Ittisa Biyyaa yoo ta'na, seenaa Itoophiyaatti dubartii jalqabaa ittisa biyya hoggante ta'utu ibsame.

Aadee Mufariyaati Kaamiil Misitira Nagaa haaraa hundeeffametti yoo mudaman, Aadde Fatilawarq Gabre-igzaaber ammoo Ministeera Daldalaafi Industirii, Adaanach Abeebee Galiiwwan, Dr Hiruuti Waldamaariyaam ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo, addee Daagmaawiit Mogas Ministira Geejibaa, Durbeen Yaalam Tsahay Asfaawu Ministe=ira Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggoo, akkasumas Dr Fitsum Asafaa Komishinii misooma fi Karoora gichuun mudan.

Waajjiraaleen ministeeraas 28 irraa gara 20tti akka gadi xiqqaatan taasifaman. Kunis haala baasii hirisuun jijjirama bu'uuraa fiduuf kan dandeessisu ta'u MM Abiy Ahimad yeroo sana himanii ture.

Obbo Binaalfi Andu'aalam (sadarkaa ministiraatiin Qindeeessaa Olaanaa Jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna dimokiraasii) fi Obboo Dasee Daalkee (Sadarkaa ministeeraatti Gorsaa Qonnaafi Jallisii MM) ta'u muudamaan.

Sadaasa 18, 2011 muudamni dabalataa kenneef.

Dr Ambaachoo Makonniin (gorsaa ministira Bu'uura misoomaa fi magaa MM), Obbo tasfaahun Gubazaay (gorsaa Deetaa ministiraa dhimmoota nageenya biyyaaleessaa MM), Birgaadar Janaraal Ahimad Haamzaa (daarektara Mummee Korporeshinii Injinariingii Sibilootaa), Obbo Motummaa Maqaasaa (Deetaa ministitatiin gorsaa Nageenya biyyaaleessaa MM) fi Onno Kabadaa caanee ( Daarekitara mummee Ejjansii dhimma Baqattootaa fi baqannaa deebii'anii) kanneen mudaman keessaayi.

Ebla 14, 2011 ammoo MM aanga'oota olaanoo afuriif dabalataa mudama kennan.

Haaluma Kanaan Dr Amaluu Simee Daarektara Mummee Ittaanaa Korporeshinii Injinariifi Sibilawwanii, Obbo Jaanxiraar Abbaay Gorsaa ministira Misooma bu'uraafi Magaalaa MM, Aaddee Xayibaa Haasaan sadarkaa Ministiraatii Gorsituu damee hawaasummaa MM ta'un mudaman.

Akkasumas A L I Guraandhala 17, 2012tti MM Obbo Yohaanis Baayaalawu pirezidaantii Akaadaamii Hoggansa Mallas Zeenaawii fi Dr Ambaachoo Addisaalam Beelamaa ammoo Daarektara Mummee Insititiyuutii qorannoo imaammataa gochun mudan.

Itti-A L I aansees Amajjii 13, 2012tti Injinar Geetaahun Makuriyaa Ministira barnootaa, Obbo Malaaku Alabal Minisitira Daldalaafi Industirii fi Dr Abrhaam Balaay Minisitira Inneeveshinii fi Teknolojii ta'un muudaman.

A L I Adooloossa 14, 2013 ammoo MM Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Ittisaa irraa kaasuun bakka isaanii Dr Qana'aa kan mudan.

Aadde Adaanach Abeebee ammoo Dr geediyoon Ximootiyoos Abbaa Alangaa Olaanaatiif kennuun Adaanachiin gara Kantiibaa Ittaantuutti fidan. Taakalaa Umaa kantibummaa irraa kaasuun ministira Albudaafi Inarjii gochuun mudaman.

Tasfaayee Dhaabaa fi Bafiqaadu Tsagaayee ittiaantoota Abbaa Alangaa Waliigalaa, Yohaannis Boyaalawu Daarektara Mummee Institiuyutii qorannoo Tarsimoo Walitti dhufeenya ala, Piro. Hiruuti Waldamaariyaam sadarkaa Ministiraatiin gorsitu damee hawaasummaa MM taasifamuum mudaman.

Ittaansees MM Onkolooleessaa 29, 2013 mudama dabalataa kennan.

Muudama sanaan guyyoota muraasaan dursee, Ministirri Muummee Abiy Ahmad TV buufata biyyaalessaa irratti dhiyaatanii finciltoonni TPLF humna ittisaa Iizii Kaabaa irratti haleellaa erga raawwateen booda humni ittisaa TPLF irratti trkanfii akka fudhatuuf ajajuu isaanii dubbatan.

Muudamichi duula loltummaa kan mootummaan "tarkaanfii seera kabachiisuudha" jedhe "yeroo gababbaa keessattiifi gahumsaan bahachuuf jecha jijjiirraa gaggeessummaa" akka ta'e ibsee ture.

Ajjeefamuu Janaraal Saa'aree Mokonnon hordofee Itaamaajor Shuumuu Humnoota Waraanaa Itoophiyaa ta'uun kan muudame Janaraal Adam Mohaammad itti-gaafatamummaa isaaniirraa ka'anii itti-aanaa isaa kan ture Janaraal Birhaanuu Juulaa Itamaajor Shuumii Humnoota Waraanaa Itoophiyaa ta'uun muudameera.

Waamichi taasifameefiif humna waraanaa Itoophiyaatti kan makaman Leetnaan Ababaawu Taaasaa ammoo Ittaamaajor Shuumii itti-aanaa ta'uun muudameera.

Obbo Tamasgeen Xuruneeh ammoo pirezedaantummaa mootummaa naannoo Amaaraa irraa ka'anii Daarektara Ol-aanaa Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa yoo ta'an, itti-gaaftamamaa waajira Paartii Badhaadhinaa naanoo Amrraa kan ture Obbo Aganyehu Tashaagar ammoo pirezedaantii naannichaa ta'an.

Muudama ture sanaanis Komishinara Poolisii Federaalaa kan ture Komishinar Inashaawu Xaasew, itti-gaafatamummaa isaaniirraa kaafamee bakka isaa Dammallaash Gabre-mikaa'el Komishinara ta'uun muuameera.

Hundeeffama mootummaa bor gaggeeffama jedhameefis yoo xiqqaate ministiroonni sadii bakka isaanii akka gadi dhiisan ifa ta;eera.

Isaan keessaa kan jalqabaa ministira Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Filsan Abdullaahii yoo taatu, fedhiisheetiin hojiishee akka gadi dhiistu Ministira Muummee Abiy Ahmadiif xalayaa barreessiteen beeksifteetti.

Warri hafan lamaan ammoo ministirummaa sadarkaa Federaalaatti irra turan irraa gara bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kan dhufanidha. Ministira Ittisaa kan ture Qana'aa Yaadataa (PhD) hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Finfinnee yoo ta'u ministira Aaaafi Turiizimii kan turte Hiruut Kaasahu (PhD) ammoo hoggantuu Biiroo Aadaa Ogummaafi Turiizimii taateetti.