Dr Yiliqaal Kaffaaloo pirezidaantii Naannoon Amaaraa ta'un mudaman

Dr Yiliqaal Kafaaloo

Madda suuraa, Social Media

Manni Marii Naannoo Amaaraa yaa'ii hundeeffamaa isaa 6ffaa har'a gaggeessaa jiruun Dr Yiliqaal Kaffaaloo pirezidaantii naannichaa taasisuun mude.

Dr Yiliqaal Kaffaaloo duraan Itti Gaafatamaa Biiroo Barnoota naannichaa kan turan yoo ta'u amma bakka Obbo Aganyoo Tashaagar bu'uun pirezidaantii naannichaa akka ta'aniif mudamaniiru.

Dr Yiliqaal Kaffaaloo biiroo barboota naannichaa hogganuun duras Yunvarsitii Dabra Maarqoos pirezidaantummaa hogganaa akka turan himmeera.

Haaluma kanaanis Dr Yiliqaal Kaffaaloon sirna kakuu aangoo fudhachuu raawwataniiru.

Kana malee yaa'ichi Aaddee Faantuu Tasfaayee Af-yaa'ii mana maree naannichaa taasisuun mudeera.

Haaluma kanaanis af-yaa'iin mana maree naannoo Amaaraa duraanii Aaddee Warqasamu Maammoo af-yaa'ii haaraa mudaman Aaddee Fantuu Tafaayeetti aangoo dabarsaniiru.

Obbo AmaareeSaxxee ammoo itti aanaa af-yaa'ii mana maree naannichaa ta'u mudamuu gabaasni miidiyaa naannichaa mul'iseera.

Yaa'ichi olmaa isaatiin mudama pirezidaantii naannichaafii kan af-yaa kanaan alattis, hojiiwan koreewwan dhaabbataa dhaabuu, mudamni itti aanaa pirezidaantiifi miseensota kaabiinee kaanis ni gaggeeffama jedhamee eegama.

Kana malees bakka bu'oonni mana maree federeshiniifi bulchiinsa yaa'ii abbootii seeraa (daajootaa) ni hundeeffama jedhameera.