Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: 'Tigraayitti namoonni 150 beelaan du'an' - Finciltoota Tigraay
Naannoo Tigraay baatilee sagalii oliif waraanaan goolamaa turte keessatti namoonni fi bineeldonni beelaa fi yaala fayyaa dhabuun du'aa akka jiran biiroon qonnaa naannichaa beeksiseera.
"Gandootaa fi magaalota keessa hanqina nyaataa fi qorichaa hamaatu jira. Rakkoon jiru kan nuti beeknu caalaa hammaataa ta'uu danda'a," jechuun ABUT/TPLF jalatti hogganaa biiroo qonnaa Tigraay kan ta'an Dr Atinkuut Mazgaboo BBC'tti himaniiru.
Naannicha kan bulchaa jiruu fi mootummaa federaalaan shororkeessaa jedhamee kan labsame TPLF, ibsa baaseen baatii Hagayyaa keessa qofa namoonni 150 ta'an beelaan du'aniiru jedhe.
Duuti kun jiddugaleessa Tigraay Maayi Qinetaal, Qollaa Tambeen fi Taanquwaa Millaash, Baha Tigraay Hawuzeen akkasumas Kibba Tigraay Silaawaa fi Inda Makoni bakkoota jedhamanitti kan mudatedha jedha ibsi kun.
Dabalataan kaampii buqqaatotaa keessattillee namoonni beelaan du'uu eera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii UN akka jedhutti naannicha keessatti namoonni 400,000 beelaaf saaxilamaniiru. Namoonni miliyoona 5.2 ta'an ammoo deeggarsa barbaadu.
Waraanni humnoota Tigraay fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa jidduutti Sadaasa darbe erga eegaleen booda dhimmi deeggarsa namoomaa dubbii ijoo ture.
Hanga yeroo dhiyootti dhaabbileen deeggarsa namoomaa gargaarsa barbaachisu dhaqqabsiisuu akka hin dandeenye komataa turan.
Torbee darbe kuusaan nyaataa Tigraay keessaa qabu duguugamee dhumaa jira jechuun, rakkoon jabaan uumamuu akka malu UN akeekkachiisee ture.
Mootummaan Itoophiyaa Sanbata darbe konkolaattonni gargaarsa fe'an 500 Tigraay galuu hime. Gargaarsi namoomaa ariitiin akka dhaqqabu gochuuf lakkoofsa bakka sakatta'iinsi itti godhamuu xiqqeessuus beeksise.
UN gama isaan Dilbata darbe konkolaataawwan gargaarsa fe'an 100 magaalaa guddittii Tigraay Maqalee seenuu mirkaneesseera. Dhaabbatichi fedhii jiru guutuuf konkolaatonni 100 guyya guyyaan Tigraay seenuu qabu jedha.
Tigraay keessatti namoonni beelaan du'aa jiraachuu ilaalchisee mootummaan federaalaa Itoophiyaa amma dura waan jedhe hin qabu.
Aanga'aan Qonnaa Tigraay maal jedhan?
Dr Atinkuut Mazgaboo sababa deeggarsi dhabamuutiin beellii naannicha keessatti babal'achaa akka jiru BBC Tigrinyaatti himan.
Itti dabaluunis "duraan namni waan qabu walii qoodee wal jiraachisaa ture, amma garuu waan nyaatamu homaa hin qaban,"jedhan.
Haalli naannicha keessa jiru sababa boba'aa, elektiriikii fi tajaajilawwan akka baankii hin jirreef hammaachaa jiraachuu dubbatu.
Akka isaan jedhanitti beelaa fi rakkoo uumamaa jiruun kan caalaatti miidhamaa jiran daa'immanii fi dubartootadha.
Naannicha keessa intarneetii fi bilbila dabalatee malli qunnamtii ugguramee waan jiruuf rakkoon jiru hagam hammaataa akka ta'e guutummaatti beekuun hin danda'amnes jedhu.
Ta'us "namoonni beela'anii ija keenya duratti du'aa jiru" jedhan.
Rakkoo uumamaa jiru furuuf gargaarsi nyaataa danqaa malee dhaqqabuu akka qabu kan kaasan qondaalli kun, waqtii gannaa ta'uun gaarii ta'us, omishni dhaqqabuuf baatilee sadii hanga afurii gaafata jedhu.
Dabalataan weerarri awwaannisaa iddoowwan tokko tokkotti mul'achuu eegale yaaddoo akka ta'es himu.
Bineeldonnis waan hin talaalamiiniif dhibeewwan gara garaan du'aa akka jiran Dr Attinkuut ni dubbatu.
ABUT/TPLF ibsa baaseen buufataaleen fayyaa waraana keessatti barbadeeffamuu fi manneen daldalaa dhalattooti Tigraay kutaalee biyyattii garagaraa keessa qaban cufamuun rakkinicha hammeesseera jedha.
Waraana Tigraayiin namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar keessatti dabalatee namoonni miliyoona lamaa ol qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.