Waraana Tigraay: Kuusaan nyaataa, boba'aan Tigraay keessaa qabu dhumachuu UN beeksise

Madda suuraa, Reuters
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti qaamni deeggarsa namoomaa qindeessu (OCHA) Kaaba Itoophiyaa bakka waraannii mootummaa fi humnoota TPLF itti hammaatetti, deeggarsi namoomaa dhumeera, maallaqni fi boba'aanis akkaan hanqateera ykn xumurameera jechuun akeekkachiise.
Dhaabbatichatti qindeessaan deeggarsa namoomaa damee Itoophiyaa kan yeroo Giraant Le'atiiy adeemsi deeggarsa dhiyeessuu danqamuu ibsaniiru.
Qondaalli kun akka jedhanitti deeggarsa namoomaa danquun ammaan kana mudatee jiru gaaga'ama namoomaa Kaaba biyyattiitti dhalate keessumaa kan Tigraay akkaan hammeessuu danda'aa jedhan.
Dhaabbatichi ibsa isaan naannicha keessatti namootni miiliyoona 5.2 ykn dhibbeentaa 90 ta'an gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadu jedhee, namootni 400,000 ta'an ammoo beelaaf saaxilamaa jiru jedha.
Uummata naannoo daangaa Affaar fi Amaaraa jiran dabalatee namootni miiliyoona 1.7 fiixee beelaarra jirus jedha.
UNICEF akka akeekkachiisetti Tigraay keessatti daa'imman 100,000 ta'an ji'oota dhufan 12 keessatti hanqina nyaata madaalawaa lubbuuf yaaddessuuf saaxilamanii jiraachuufi kunis kan amma dura waggaa waggaan mudatuun walbira yoo qabamu dachaa 10 ta'a.
Deeggarsa namoomaa naannichaaf dhiyeessuun naga qabeessa ta'ee jiraatus, naannoo Tigraayitti deeggarsa galchuuf ugguratu jiraa jedha OCHA'n damee Itoophiyaa.
Karaan takkittiin deeggarsi gara Tigraay itti seenu karaa Affaar ta'uus, adeemsi deeggarsa garasitti imaluuf hayyama kennuu akkaan harkifataa ta'uun fi danqaaleen hojimaataa deeggarsa fe'anii imaluu akka malee ulfaataa taasiseera jedha ibsichi.
Kuusamni deeggarsaa , maallaqaa fi boba'aa akkaan xiqqaateera ykn xumurameera kan jedhu jaarmiyaan kun, kuufamni nyaataa naannicha ture Hagayya 20 darbe xumurameera jedhe.
Torbanoota dura ibsa bahee tureen hanqina kana furuuf guyyaattii deeggarsi nyaataafi kan nyaata hin ta'iin walumatti konkolaataa fe'isaa 100 naannichaa galuu akka qabu gabaafamee ture.
'Mootummaan Itoophiyaa uggura dhiyeessii deeggarsa namoomaarra kaahe kaasuu qaba'
Waraanni Tigraay eegalee hanga ammaatti gaaga'ama namoomaa dhalateef deebii kennuuf deeggarsa konkolaataa fe'isaa 3,900 barbaachisu keessaa kan naannicha galuu danda'e konkolaataa 335 qofa jedha ibsichi.
Erga Hagayya 22 jechuunis guyyoota 13 darbaniif konkolaataan deeggarsa fe'e tokkollee naannicha hin galles jedheera.
Ammaan tana konkolaattotni 172 magaala guddoo Affaar Samaraatti danqamuufi dhiyeessiiwwan biroon Jibuutii, Adaamaa fi Kombolchaa jiran hooggantoota mootummaa federaalaafi naannoon danqamuus qeeqeera.
Mootummaan federaalaa amma dura deeggarsi namoomaa gama Affaariir gara Tigraay galaa kan hin jirreef sababa humnootni TPLF daandii cufanii haleellaa raawwachaa jiraniifi jechuun himateera.
Qaamni UN deeggarsa namoomaa qindeessu kun rakkoo gama deeggarsa namoomaan mudate kana furuuf torbanitti doolaarri Ameerikaa miiliyoona 6.5 ykn birrii miiliyoona 300 barbaachisa jedha.
Adoolessa 12 irraa eegalee birriin miiliyoona 88 ta'u deeggarsa Tigraayiif akka oolu kan hayyamame ta'uufi kunis kan barbaachisu keessaa dhibbeentaa 4.2 qofa jedha.
Hojimaata mootummaan Itoophiyaa kaaheen deeggartootni xiyyaara deeggarsa namoomaaf ramadamu marsaa tokkoon maallaqni qabatanii imaluu danda'an birri miiliyoona lama qofa.

Madda suuraa, Getty Images
Deeggartoota Tigraay keessa jjiraniif dhaabbatichi hanga dhuma bara kanaatti doolaara miiliyoona 132.5 dhiyeessuun irra jiraatee kan dhiyeessuun danda'ame doolaara kuma 200 qofa dhiyeessines jedheera.
Boba'aan naannicha keessatti barbaachisuuf kan naannicha galuu danda'e xiqqaa ta'uus jaarmiyaan kun ibseera.
Jaarmiyaan kun rakkoo namoomaa amma jiru caala hammaataa akka hin taaneef qaamoleen waraanatti jiran hunduu seera idilaaddunyaa kabajuun deeggarsa namoomaaf ulaan akka jiraatu mijeessuu qabu jedheera.
Mootummaan Itoophiyaas deeggarsa namoomaaf hayyama akka kennuufi haala mijeessu gaafateera.
Itti dabaluunis ''hojii deeggarsa namoomaaf namoota, dhiyeessiifi meeshaalee akka maallaqaafi boba'aa karaa daandii bishaaniifi xiyyaaranis ta'u akka gahu gochuu qabu'' jedheera.
Sochii deeggarsa namoomaaf mootummaan adeemsa danqaa ta'e akka hambisus gaafateera.
Tajaajiloonni akka bilbilaa, ibsaa, baankiifi kaanis akka deebi'anii hojii eegalanis qindeessaan deeggarsa namoomaa damee Itoophiyaa gaafataniiru.














