Qajeelfamoota foyya’insa waldaalee siivilii boodatti akka hin deebisne yaaddessan

Madda suuraa, Agency for Civil Society Organizations
Filannoo 1997 A.L.I booda, mootummaan seeraa fi dhiibbaa bulchiinsaa gochuun sochii waldaalee siviilii laaffisee ture, waggoota lamaan darban keessatti fooyya’insa akka agarsiise ni himama.
Jijjiirama kanaafis foyya’insi seera waldaalee siviilii eeruun danda’ama. Akkasumas mootumman waldaalee kunneen akka diinaatti ilaaluu mannaa michoomsuudhaan ejjennoosaa jijjiiruun foyya’insa dhufeef akka gumaache dubbatamaa bahe.
Jijjiiramni kuni boodatti akka hin deebineef kan yaaddesseef qajeelfamoonni haaraa waan bahaa jiraniifi, kunis hawaasa siviilii dheekkamsiisaa fi yaaddessaa jira.
Labsii waldaalee siviilii raawwachiisuuf qajeelfamoonni akka raggaasifaman eegaman 17 yoo tahan kanneen keessaa afur torbee lama dura ragga’aaniiru.
Qajeelfamoonni falmisiisoo yoo tahan, kaayyoo seera isa ijoo fi danbiiwwan ifa tahan kan faallessanii fi akkasumas adeemsa qajeelfamoota kunneen raggaasuuf fudhatamu kan hin hordofnedha jedhu dhimma kana dhiyootti kan taajjaban ogeessi seeraa Dabbabaa Haayilegabireel.
Dhiibbaa waggoota shantamaaf taasifameen booda, seerri bulchiinsaa dhiyeenya kana ragga’e adeemsa seeraa hin hordofne qaba jechuun kaasu.
‘’Akka seera bulchiinsaatti seerri kamiyyuu otoo hin raggaasifamiin dura marsariitii abbaa alangee waliigalaa irratti bahuun yaada kennamuuf ifa godhamuu qaba ture,’’ jedhu hojii labsii wixinee waldaalee siviilii irratti kan hirmaatan Obbo Dabbaban.
Labsiin waggaa lama dura foyya’ee waldaaleen siiviilii madda qabeenya isaanii harka guddaa biyyaa keessaa akka taasisan isa dirqisiifaman irratti sirreeffama gochuunsaa sochii gama kanaan jiru jajjabeessuu jalqabeera.
Labsiin haaraan waldaaleen kunneen qarshiii isaan barbaachisu madda faayinaansii seeera-qabeessa tahe kamirraayyuu akka argatan dandeessisuusaa himu Obbo Dabbaban.
Kunis humna namaa gahumsa qabu qabaachuufi dhimma mirgaa fi dimookiraasii irratti akka hojjetan isaan godheera jedhan.
Seerri kuni otoo hin bahiin dura waldaaleen siviilii hojiirra turan 1800 yoo tahan yeroo ammaa lakkoofsi kun gara 3500tti guddateera.
Labsiin kuni sadarkaa federaalaatti haa bahuyyuu malee naannoleen seerota wal-fakkaataa otoo hin baasiin hafuun isaanii foyya’insi kuni iddoo kaayyefameen akka hin geenye danqaa tahuusaa Obbo Dabbaban dubbatu.
Jijjiirama argame kana gara duubaatti deebisu qajeelfamoonni jedhaman akkuma jiraniin kan ragga’an yoo tahe yaaddoo kan fidan tahuu dubbatu ogeessichi.
‘’Jaarmiyaaleen tokko tokko yaaddoo gatii qabaniif qajeelfamoota hin raggaane irratti mariiyachuuf yaaduu isaanii dhagaheera. Seera bulchiinsaa bu’uura godhachuunis hanga himata banuutti adeemuu malu,’’ jedhan Obbo Dabbaban.
Qajeelfamoonni kunneen maal jedhu?
Qajeelfamoota sadarkaa wiixineerra jiran keessaa lama irratti jaarmiyaan idila-addunyaa ICNL jedhamu kan dhimma kanarratti hojjetu xiinxala qopheesse BBC’n hubachuu yaaleera.
To’annoo mootummaa
Waldaalee kunneen to’achuuf qajeelfama bahe keessaa qabxiin tokko, ’’hojimaatni jaarmiyaalee iftoomaa fi itti gaafatamummaa akkasumas hawaasaaf faayidaa olaanaa kan kennu tahuusaa mirkaneessuu,’’ kan jedhu dha.

Madda suuraa, Getty Images
Qajeelfama kanarrattii jechi ‘’faayidaa olaanaa’’ jedhu hiikaaf banaa tahuunsaa waldaalee siviilii fi akkasumas dhaabbata mootummaafis madaaluuf kan rakkisu tahuu sanadni kuni ni ibsa.
Akkasumas seerotni afaan ifa taheen barreeffamuu akka qaban dirqama akka addunyaatti jiru bu’uura kan godhate hin fakkatu jechuun qeeqa.
‘’Ejansiin mootummaa jaarmiyaaleen hojii isaanii seera-qabeessaan dalagaa jiraachuu isaanii mirkaneessuuf karaa kamiiniyyuu akkasumas haala idilee taheen to’annoo gochuu danda’a,’’ jedha qajeelfamni keewwata 6 jala jiru.
Keessumaa gaaleen ‘’karaa kamiiniyuu’’ jedhu ejensichi aangoo hin daangeffamnee fi hiikaaf banaa tahe akka qabaatu gochuun adeemsa seera-qabeessa hin taaneef balbala bana jedha sanadichi.
Akkasumas to’annoof jecha ejansichi ulaagaalee garagaraa bu’uura godhachuun karoora to’annoo fi hordoffii akka baasu hima.
Ejansii waldaalee siviilii 3500 ol to’atuuf hoji-maatni haaraa kuni dhiibbaa kan uumu tahuu sanadni ICNL dhaan qophaa’ee ibsa.
Qajeelfamni kuni waa’ee maddeen sanadooti irraa argaman yoo himu, ’’jaarmiyaa to’annoon irratti godhamurraa, mootummaa, dhaabota miti mootummaafi qaama sadaffaa irraa karaa garagaraa sanadootaa fi odeeffannoo argamuun tahuu hima.
Kunis ejansichi adeemsa seera-qabeessa hin taane fayyadamuun ragaa argatu akka fayyadamuuf ulaa kan banuuufi seera biyyattii akkasumas kan idila-addunyaa kan hin hordofne dha jechuun qeeqa.
‘’Qorannoon akka adeemsifamu ifatti himuun adeemsa qorannoo ni gufachiisa jedhee ejensichi yoo amane, dhimma qoratu karaa icciitii fi tasa taheen raawwachuu danda’a,’’ qajeelfamni jedhu seera-qabeessa mitis jedha.
Keesumaa labsii mirgoota namoomaa fi uummataa chaartarii Afrikaa ni faallessa jechuun sanadni kuni ni qeeqa.
Labsiin inni ijoo dhimma galmee ilaalchisee ulgaalee kaa’uusaa Obboo Dabbaban dubbatu. Qajeelfamoonni kunneen garuu dhorkaa fi haal-duree dabalataa kan kaa’an fakkaatus jedhu. Gariin isaanii labsii isa ijoo kan faalleessani dha jechuun, kunis yaaddessaa tahuu BBCtti himaniiru.
Qajeelfamni galmeedhaaf qaboon yaa’ii dhiyaachuu akka qabu himu,’’ dhimmota barbaachisoo biroo kan hammate tahuu qaba,’’ inni jedhu haal-duree sirriii hin taane tahuu Obbo Dabbaban dubbatu.
Labsii ijoo irratti haal-dureewwan hin baane haaraan qajeelfama kanarratti dabalamuu isaanii ogeessi seeraa kuni dubbatu. Qajeelfama galmee ilaallatu irratti mula’ata, kaayyoo fi galma ilaallatee qajeelfamoonni dabalaman jiraachuu himuun labsii isa ijoo irratti garuu dhimmi kana ilaallatu akka hin jirres dubbataniiru.
Ejansichi maal jedha?
Daariktarri itti-aanaa ejansichaa Obbo Faasikaawu Mollaawu ejansiichi qajeelfamooti kunneen ragga’uun dura mariif dhiyeessaa akka jiruufi yeroo dhiyoottis komii keessummeessuu akka jalqabu himan.
Hanga yoonaa qajeelfamoonni afur ragga’uu isaanii qajeelfama tokko immoo boordiin akka raggaasisuuf dhiyaachuu himaniiru.
Qajeefamoonni dhimma baasii bulchiinsaa, fandii waldaalee siviilii, waldaalee ogummaa fi herrega, qabeenyaafi bittaa ilaallatan ragga’uu isaanii himaniiru. Qajeelfama hirmaannaa uummataa ilaallatu boordiin ejansichaa akka raggaasisuufi dhiyaateera jedhan Obbo Faasikaawu.
Akkasumas qajeelfamooti shan marii irra kan jiran yoo tahu saddeet immoo qophiirra jiraachuu himaniiru.
Gamtaan waldaalee siviilii shantamaa ol tahan walitti qabamuun qajeelfamoota wixinee kunneen akka ilaalaniifi yaadas akka walitti qaban himameeras jedhan.
Yaada wal-tajjii tokko tokko irratti ka’u akka galmeessaniifi foyyessuuf akka yaalan himan.
‘’Yaadni hin fudhanne yoo jiraates ifatti ni beeksisna. Kuni hundi walitti qabamee gara abbaa alangee waliigalaa akka ergamu taasifama,’’ jechuun Obbo Faasikaawu dubbatu.
Mootummaan dhiyoo kana eeyyama waldaalee siviilii sadii dhorkeera.
Kaawunsilii Godaantotaa Norweey, Hakiimota Daangaa-maleeyyii dame Faransaayii fi waldaa Al-Maaktum jedhaman ji’oota sadiif dhorkuun qorannoo irratti taasisaa jira.
Tarkaanfin kunis dhimma waldaalee siviilii irratti jijjiiramni jiraachuu akka malu ciicachiiseera jedhu Obbo Dabbaban.
Obbo Faasikaaw garuu ammallee mootummaan waldaalee kanaaf gumaacha gochaa jiraachuu himuun hariiroon bade tokkollee hin jiru jedhan.
Qajeelfamni bahes haala hojii gaarii uumuufi jaarmiyaa seeraafi danbiidhaan hogganamu akka jiraatu gochuuf yaaduudhaanii jedhaniiru.
Qajeelfamoota kunneen keessaa waanti faallessaa tahe yoo jiraateef raggaasifamuun dura akka foyya’u BBCtti himaniiru.














