Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilmi Gaadaafii dhimma 'lubbuu baastota' Raashiyaan wal qabatuun hidhamuufi
Abukaatonni Liibiya ilmi Gaadaafii - Sayiif al-Islaam Gadaafii hidhattoota Raashiyaa 'kafaltiin nama ajjeesan' waraana Liibiyaa keessatti hirmaachuun isaanii qorannoo BBCn saaxilameen hidhata qabaachuu mala jedhanii ajaja jidhaa irratti baasan.
Qorannoon 'BBC World Service' hojjete gareen hidhattoota Raashiyaa 'kafaltiin nama ajjeesan' lola Liibiyaa keessatti hirmaachaa turuu fi yakkoota waraanaa lammilee Liibiyaa irratti raawwachuu saaxile.
Loltoonni Raashiya jalqaba Liibiyaa keessatti kan mul'atan bara 2019 wayita humnoota jeneraal Khaliifaa Haftaaritti makamuun, mootummaa Liibiya UN deeggaru haleelan ture.
Waraanni Liibiyaa kun Onkoloolessa bara 2020 waliigaltee dhukaasa dhaabuun xumura argate.
Gareen 'lubbuu baastota' ykn 'mercenaries' Raashiyaa Waginar jedhaman erga bara 2014 as lola biyyoota akka Yuukireen, Siiriyaa, Mozaambiik, Sudaan fi Rippabliika Afrikaa Jiddugaleessaa keessatti qooda fudhataniiru.
Ajajni hidhaa Sayiif al-Islaam Gadaafii irratti bahe abbaa alangaa Mohaammad Gihaaruudaa jedhamuun qaamolee nageenyaa biyyattiif torbee tokko dura kenname. Garuu ifa kan godhame erga qorannoon BBC bahee booda.
Sayiif al-Islaam Gaadaafii eenyu?
Sayiif al-Islaam Gadaafii durumaa Raashiyaa waliin hariiroo qabaachaa akka ture himama.
Fincila uummataa bara 2011 Gaadaafii aangoorraa buuseen dura, abbaa isaa kan erga bara 1969 booda Liibiyaa bulchaa ture bakka bu'ee Liibiyaa keessatti jijjiirama ni fida jedhamee nama abdatamu ture.
Afaan Ingilizii qulqulleessee kan dubbatuu fi nama barnootaa Ikoonoomiiksii Landanitti kan barate Sayiif al-Islaam Gadaafii, namoota biyyattii keessaattii dhiibbaa uuman keessaa tokko ture, abbaa isaa bakka bu'a jedhamees eegamaa ture.
Haata'u malee mormii uummataa bara 2011 dhohe irratti tarkaanfii gara jabinaa mormitootarratti fudhatamaa tureen abbaa isaarra gore.
Maatiin isaa kaan yoo ajjeefaman inni bara 2011 finciltootaan qabamee waggoota jahaaf erga hidhamee booda, hidhattootuma isa hidhanii turaniin gadi dhiifame.
Wayita hidhamee ture manni murtii Tirippoolii ajjeechaa mormitootaa bara 2011n bakka hin jirretti adabbii du'aa itti muree ture.
Manni murtii yakkaa idil-addunyaa ICCn yakka namooma irratti raawwateen isa barbaadaa ture.
Yeroo dheeraaf badee kan ture namni kun siyaasatti deebi'uuf yaada qabaachuu New York Times'f himee ture.
Maddeen Tirippoolii jiran ammallee magaalaa Zintaan itti hidhamee ture akka jiru himu.
Raashiyaan Sayiif al-Islaam Gadaafii bulchaa Liibiyaa akka ta'u fedhi akka qabdu kan agarsiisan ragaaleen gara garaa qorannoo BBCn mul'ataniiru.