Waraana Tigraay: Tokkummaan Itoophiyaa babal'achuu waraana Tigraayiin yaaddoo keessa gale baraaramuu danda'aa?

Loltoonni Humna Ittisaa Tigraay duula kan biraaf bobba'uuf wayita qophii taasisan, Giddu-gala Yaadannoo Wareegamtootaa Magaalaa Maqaleetti argamutti, Waxabajjii 30, 2021

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Humni Ittisaa Tigraay Waxabajjii darbe magaalaa guddoo Tigraay, Maqalee deebisanii qabatan
    • Barreessaa, Vivienne Nunis
    • Gahee, BBC News, Afriikaa

Waraanni Tigraay ittumaa hammaachaa akkuma deemaa jiru, tokkummaa Itoophiyaarratti yaaddoon jiru dabalaa jira.

Ji'oota sagal dura finciltoota Tigraay fi waraana mootummaa Itoophiyaa gidduutti kan eegale waraanni Tigraay, naannochuma keessatti daangeffamee gaggeeffamaa ture.

Waraanichi garuu yeroo ammaa naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'atee jira.

Waraanni kun naannoo Tigraayiin ala ba'ee babal'achuu kan eegale, erga loltoonni mootummaa Itoophiyaa naannocha dhiisanii ba'anii fi mootummaan ofumaan labsii dhukaasa dhaabuu labseeti.

Taatee kanaan booda hidhattoonni Tigraay magaalaa Maqalee qabachuun, lafa isaanii deebifachuu akka egalan himaa turan. Kunimmoo waraanni Tigraay daranuu hammaachaa akka deemaa jiru agarsiisa.

Kana jechuun ammoo Itoophiyaa keessa waraanni jiru kana qofa jechuu miti.

Biyyoota Afriikaa keessaa Itoophiyaan biyya muddama keessa jirtu ishee lammaffaadha.

Heerri biyyattii bara 1994 labsame sababa biyyattii keessa mootummaan giddu-galeessaa qofti tureef rakkoon uumamaa ture furamee, saboonni biyyattii naannoosaaniitti of-danda'anii akka of-bulchan kan daandii saaqedha.

Hanga bara 2018'tti paartiin biyya bulchaa ture, Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayiin dhuunfatamee kan ture oggaa ta'u, innis mormii gosa kamiiyyuu humnaan cabsuudhaan komatamaa ture.

Abiy Ahmad bara 2018 Ministira Muummee erga ta'anii as hacuuccaan mootummaan lammiileerratti raawwatu akka dhaabbatuu fi lammiileen bilsummaasaanii akka argatan hojjetaniiru.

Haata'u malee bilisummaan lammiilee gaaffiin sabummaa hedduun akka ka'u godheera, gareewwan adda addaa gaaffii aangoo fi lafaa bal'inaan dhiyeessuu eegalan.

"Walwaraansa saboota gidduu hedduutu jira,'' jedha xiinxalaan nageenya Gaanafa Afriikaa kan Naayiroobii jiraatu Rashid Abdi.

Iddoowwan walitti bu'iinsaa keessaa tokko naannoo Beenishaangul ta'uu kan himu Rashid Abdi, bakka kanaan,''fulaa waraana yeroo dheeraa,'' jechuun ibse.

Ji'a Muddee darbe keessa nananoo Beenishaangulitti haleellaa raawwateen guyyaa tokkotti namoonni 200 ta'an ajjeefamaniiru.

Aanga'oonni mootummaa naannoo kanaa torban darbe keessa akka ibsanitti, loltoonni mootummaa hidhattoota haleellaa qaqqabsiisaa turan ittiin jedhu100 caalan ajjeesuu ibsanii turan.

Daangaa Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti kan argamtu dachee oomishaaf mijattuu taate al-Fashaagaa irratti walitti bu'iinsi uumames rakkoo tasgabbii biyyattii daran hammeesseera.

Biyyoonni lameenuu dacheen kun keenya jedhu.

Waldhibdeen daangaa kun tibba waraanni Tigraay hammaatetti, walitti bu'iinsi xixiqqoon darbee darbee daangaarratti akka uumamu gochaa ture.

"Walitti bu'iinsi kun kana caalaa carraa hammaachu qaba, garuu ammallee sadarkaa hamaarra hin geenye,'' jedha Abdiin.

Torbee darbe keessa guyyaa tokkotti lammiileen Itoophiyaa saba Qimaant ta'an 1,100 waraana dheessuun naannoo Amaaraa irraa gara Sudaan baqachuu miidiyaan Sudaan gabaasee ture.

Mootummaan naannoo Amaaraa naannoon Tigraay dhibdeen saboota gidduutti akka uumamuu fi olaantummaasaa saboota Amaaraa irratti humnaan fe'a jechuun waggoota kurna darbaniif qeeqaa ture, naannoon Tigraay kana ni haala.

Shamarree umrii waggaa 13 Qisaannat Gabramikaa'el (bitaa), haadhashee umrii waggaa 40 Gannat Asmallaash waliin hospitaala riifaraalaa Aydar, Maqalee, Waxabajjii 21, 2121.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Saba waraana Tigraayiin kanneen kumaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru, yookiin madaa'aniiru

Dabalataan waldhibdeen naannolee Somaalee fi Affaar gidduu bubbule akkasumas hidhattoonni naannoo Oromiyaa keessa socho'uun waraana Itoophiyaa haleelan yaaddoo hammeessaniiru.

Kanneen dhimma Itoophiyaaf dhiphatanis kanarraa ka'aniiti.

Dhaabbata World Peace Foundation kan US keessa maadheffatetti hoogganaa olaanaa kan ta'e Aleksi Di Waal, ''Itoophiyaan biyya jabduu ta'uuf gulantaawwan seenaa hedduu keessa dabarte, duuba ammoo sodaa diigamuutti ceete. Yeroon kun yeroo yaaddoo diigumsaa hamtuun biyyattii mudateedha,'' jedha.

Xiinxaltoonni Itoophiyaa tokko tokko yeroo ammaa carraan diigamuu Itoophiyaa mudachuu danda'a jechuun dubbatu.

"Yeroo ammaa Itoophiyaan akka biyyaatti jiraachuuf yaaddoo keessa galtee jiraachuun hin haalamu,'' jedhan Aab Abdiin.

"Goolama naannoo Tigraay fi walitti bu'iinsa bakkeewwan garaagaratti raawwatu faana bu'anii hordofuun ni ulfaata, garuu haala yaaddessaarra ga'eera. Balaan kufaatii fi diigamuu Itoophiyaa mudata,'' jedha namni kun.

Yuuniversitii Gondaritti barsiisaa kan ta'e Miniyichil Masarat, Itoophiyaan diigamuuf fiixeerra geesseetti yaada jedhutti hin amanu jedha.

"Jalqabuma dhimma kana kaasanii irratti mari'achuunuu sirrii hin turre. Mootummaa biyya bulchu qabna, Tigraay irraa kan hafe,'' jedhe.

Goolamni Tigraay inumaa tokkummaa biyyaalessaa naannolee fi saboota gidduutti jabeesse, hundi isaaniiyyuu mootummaa fi waraana faana hiriiranii jiru jedhe Aab Meniyichil dabaluun.

Humnoonni Tigraay hanga haaldureen isaan dhiyeessan Aab Abiyyiin hojiirra oolutti waraana akka hin dhaabne dhaadatu.

Haaldureewwan kunneen keessaa isaan ijoon, mootummaan federaalaa Tigraayitti ulaa akka hin cufnee fi hidhattoota hunda-waraana Itoophiyaa, hidhattoota naannolee Itoophiyaa fi loltoota Eertiraa-akka baasu kan jedhuudha.

Mootummaan Itoophiyaa erga Waxabajjii darbe Maqalee gadi dhiisee ba'ee tajaajila ibsaa, baankii fi telekoomii Tigraay irraa kuteera, humnoonni Tigraay kun akka sirratu gaafatu.

Tarkaanfiin mootummaa kun jaarmiyaaleen gargaarsaa idiladdunyaallee akka namoota rakkatan hin gargaarre gufuu ta'eera.

Jeneraal Tsaadqaan Gabratinsaa'ee Dilbata BBC, Sagantaa Newshour jedhamutti akka himanitti, hanga haaldureewwan dhiyaatan fudhatama argatanitti loltoonni isaanii naannolee Amaaraa fi Affaar dabalatee kutaalee biyyattii keessatti waraana akka itti fufan ibsaniiru.

"Sochiin waraanaa keenya yeroo ammaa galmoota gooroo lamaan hoogganama. Tokko uggurrii fi daandiin Tigraayitti cufame akka banamu. Kan lammataa mootummaa haaldureewwan dhukaasa dhabuuf dhiyaatan fudhatee gara marii siyaasaatti seenuudha,'' jedhan.

Warri Tigraay akka kanaan duraa Itoophiyaa siyaasaan dhuunfachuuf hin deeman kan jedhan Jeneraal Tsaadqaan, garuu uummanni Tigraay mootummaa isa bulchu filatee akka ofiin of-bulchu barbaadna jedhan.

Meeshaa waraanaa guddaa daandii gara magaalaa Abiy Addi geessu irratti gubate, Adoolessa 10, 2021. Bakka kanatti waraana hamaatu humnoota Tigraay fi loltoota mootummaa gidduutti raawwata

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Tigraay waan hedduu barbadeesse

Sadarkaa mootummaa federaalaa Itoophiyaatti Itti gaafatamaan dhimmoota dimokiraasii Zaadig Abrahaa, finciltoonni Tigraay aangoo sobaan of gowwoomsaa jiraachuu fi mootummaan wayita obsa fixatu kutaalee Tigraay kunda keessaa hari'ee baasa jedhan.

Aab Zaadig mootummaan deggersa lammiilee rakkataniin ga'uuf dirqama qaba jechuun, isa humnoonni Tigraay daandiin nutti cufameera jechuun himatan haalan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, jaarmiyaan dhimma daa'immanii Unicef Jimaata darbe akka ibsetti, sababa waraana Tigraay daa'imman 100,000 caalan beela lubbuuf sodaachisuuf saaxilamuuf deemu jechuun sodaa qabu ibse.

Ogeeyyiin dhimma nyaataa ammmoo namoonni 400,000 ta'an Tigraay keessatti 'beela hamaaf' saaxilamanii jiraachuu ibsan.

Tigraayitti ulaan gargaarsaa hundi cufameera, daandiin tokkittiin karaa Affaar qofa kan ture oggaa ta'u naannoo kana keessattis dhiyeenya kana konkolaattonni midhaan nyaataa fe'anii gara Tigraay imalaa turan humnoota mootummaa Itoophiyaa deggeraniin haleelamanii turan.

Humnoonni Tigraay loltoota Itoophiyaa fi hidhattoota Amaaraa haleelanii hari'uun ulaa gargaarsaa karaa Sudaan banachuuf hojjetaa akka jiran himu.

Mootummaan deggersa hiraa jira, jaarmiyaaleen idiladdunyaa garuu Tigraay keessa seenuuf rakkataniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan deggersa hiraa jira, jaarmiyaaleen idiladdunyaa garuu Tigraay keessa seenuuf rakkataniiru

Akka UN jedhutti uummata Tigraay keessaa miiliyoona 5.2 kan ta'an gargaarsa namoomaa barbaadu.

Waraanni tibbana naannoo Affaaritti babal'ates kumaatamoota buqqisee, rakkoo midhaan nyaataaf saaxileera.

Akka Aab di Waal jedhutti torbeewwan darban keessa dhimma goolama siyaasaa Itoophiyaarratti marii dippiloomaasii gaggeessuuf tattaaffiin hedduun taasifamaniiru.

Mariin dhoksaan gaggeeffamaa akka tures himeera.

Dhaabbata Qorannoo 'think tank Sahan Research' irraa kan ta'an Matt Bryden haala amma jiruun furmaanni siyaasa ni argama yaada jedhutti hin amanan.

Keessattuu qaamolee walqoollifatan kunneen gidduutti.

"Humnoonni Tigraay gara mariitti kan seenan yoo ta'e waan duula waraanaan argatan hunda dhabuuf deemu. Gama kaaniin ammoo mootummaan Ministira Muummee Abiy Ahmad mariif qophii waan ta'e natti hin fakkaatu,'' jedhan.

"Waraanni kun goolabamuu kan danda'u Tigraay walabummaashee labsachuu yoo dandeesse yookiin ammoo qaamoleen lameenuu erga akkaan miidhamanii booda natti fakkaata.''