Waraana Tigraay: Laga Itoophiyaafi Sudaan daangessu keessatti reeffi namoota du'anii argame

Madda suuraa, AFP
Reeffi namoota du'anii bishaaniin dhiibamee laga naannoo daangaa Itoophiyaafi Sudaan daangessuutti argamuu jiraattonni gama Sudaanii dubbachuun isaanii gabaafame.
Kanneen reeffi isaanii bishaan keessa mul'ate keessaa kan rasaasaan rukutaman kan jiran yoo ta'u kaanimmoo harki hidhameera.
Mootummaan Itoophiyaa ifatti waa'ee reeffa namootaa sababa lolaan bishaan keessa argaman jedhaman irratti waan dubbate hin qabu.
Haa ta'u malee, wiirtuun odeeffannoo yeroo lolli Tigraay eegale hundaa'e gama Tiwiitaraa akka ibsetti wanti adeemaa jiru ''ololadha.''
Mootummaan Itoophiyaa kana dura 'karoorri Humaraatti dhumaatiin raawwateera jedhu' gama TPLF'n 'gadhiifamuuf yaadameera' jedhee himatee ture.

Lagni Saxiix Itoophiyaatti Takazee jedhamuun waamamu Naannoo Tigraay waraanni Itoophiyaafi kanneen isaan tumsan humnoota TPLF wallolaa turan keessa yaa'a.
Ogeessi fayyaa lammii Itoophiyaa yeroo lolli ka'e Humaraarraa gara Sudaan baqate torban darbe reeffa 10 owwaalchisuu Royitarsiif himan.
Dabalataan, kan gaafa Wiixataa 7 argame dabalatee walumaagala reeffi namoota 28 argamuu dubbatu.
Gama kaaniin Asoosheetid Pirees (AP) qondaala Sudaan waabeffachuun akka gabaasetti bulchiinsi Kasalaa reeffa namoota du'anii 50 argachuu gabaase. Kunneen osoo lola baqataniiti jedhame.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
wiirtuun odeeffannoo yeroo lolli Tigraay eegale hundaa'e namoonni TPLF olola gageessan jedhe wanti isaan 'dhumaatii Humaraa' jechuun ''suuraawwan sobaafi sukaneessoo ta'an'' mul'ataniiru jechuun ibse.
''Odeeffannoowwan sobaan tolfaman fi dogongorsaa ta'an akka hin tamsaafamne hundu akka ittisu,'' jechuun waamicha dhiheesse.
Lolli Kaaba Itoophiyaatti baatii saddeetii ol dura eegale rakkoo namoomaa olaanaa dhaqqabsiseera.
Qaamoleen garaagaraa mootummaafi finciltoonni rakkinicha karaa nagaan akka furan waamicha dhiheessanis wanti jiru kanatti waan geessu hin fakkaatu.
Humnoonni TPLF dhukaasa dhaabuuf haal duree kan kaa'an yoo ta'u kanaan achi lola akka itti fufan hogganni isaanii himanni mana murtiitti itti baname, Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'e BBC'tti dubbataniiru.
Haal duree humnoonni TPLF lafa kaa'an immoo mootummaan akka hin fudhanne qondaalli olaanaa mootummaa Itoophiyaa BBC'f himaniiru.
Paarlaamaan Itoophiyaa dhaaba TPLF waggoota dheeraaf siyaasa Itoophiyaa olaantummaan to'ateefi erga MM Abiy Ahimad bara 2018 aangootti dhufan booda Maqaleetti gale galmee shororkeessatti dabaleera.

Baatii Sadaasa 2020 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa Maqalee jiru irratti erga haleellaa raawwatan booda lolli motummaa federaalaafii humnootii TPLF jidduutti kan ka'e.
Lola kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, miiliyoona tokko ol kan ta'an immoo qe'eefi qabeenyarraa buqqa'aniiru.
Lolichi Tigraay irra darbee Afaariifi Amaaraatti ce'uun lammiileen dabalataa kuma hedduun lakkaa'aman akka buqqa'an taasiseera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhaabbanni gargaarsa daa'immanii UNICEF ibsa torban darbe baasen daa'imman Tigraayitti deeggarsa barbaadan dabaluu himeera.
Sababa rakkoo nageenyaa gama Afaariin uumameen konkolaattonni deeggarsa namoomaa gara Tigraay geessan danqamanii turanimmoo Afaar gahuun isaanii ibsameera.
Dabalataan, dubbii himtuun UNICEF akka ibsanitti lolli naannoo Afaar fi Amaaraatti eegaluun haala Kaaba Itoophiyaa jiru hammeesseera.
Akka isaan ibsanitti durumaa Afaariifi Amaaraatti ummanni miiliyoona 1.5 ta'u balaa hanqina nyaataaf haala saaxilamu malu keessa jira.
Kuufamni nyaataa saamamuu kan hime dhaabbatichi nyaata gara Afaariifi Amaaraa ergaa akka jiru ibseera.














