Itoophiyaan hidhaa Haaromsaa waggaa lammaffaa bishaan guutuu 'milkaa'inaan xumure' jette

Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha

Madda suuraa, MoFA/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha - bishaan marsaa lammaffaa guutee wayita irra yaa'u

Itoophiyaan hidha Haaromsaa guddicha marsaa lammataa bishaan guutuu milkaa'inaan xumuruu beeksifte.

Miidiyaan biyyaalessaa ETVn bakka ijaarsa hidhichaatti argamuun wayita bishaan hidhicha guutee irraan yaa'uu eegalu kallattiin tamsaasaa ture.

Ammatti hidhichi bishaan tarbaayinoota lama sochoosuu danda'u qabachuu isaa Ministirri Bishaan Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa himaniiru.

Ergaa wayita hidhichi bishaan guutee irraa yaa'uu eegalu bakka ijaarsa hidhichaa irraa dabarsaniin, uummata Itoophiyaan baga gammaddan jedhaniiru.

Tarbaayinoonni lama aannisaa maddisiisuu akka eegalan hojiin jajjabaan hojjetamaa jiraachuu kan himan Dr Injinar Silashiin sunis yeroo gabaabaa keessatti bu'aa akka argamsiisu himaniiru.

Itoophiyaan hidha haaromsaa marsaa lammataaf bishaan guutuu kan eegalte torban lama dura ture.

Hammi rooba waqtii gannaa bara kanaa olaanaa ta'uun karoorri bishaan guutuu marsaa lammaffaa milkaa'inaan akka xumuramu gargaareera jedhan Dr Injinar Silashiin.

Hidhi guddicha Haaromsaa wayita ijaarsi isaa xumurameetti afriikaatti kan jalqabaa akka ta'u himamee kunis ammatti hojii ijaarsaa waliigalaa isaaa dhibbeentaa 80n xumuramuun gabaaseera.

Itoophiyaa waggoota 10 darbaniif ijaarsa hidha guddicha kanaa baasii doolaara biiliyoona shaniitii gaggeessaa jirti.

Wayita ijaarsi hidha kanaa guutummaatti xumurameettus anniisaa meegaa waattii kuma shanii ol akka maddisiisu kan eegamu hidhi guddichi Haaromsa Itoophiyaa kun, ummata biyyattii hedduuf ibsaa argamsiisa jedhamee eegama.

Kana malees, guddina indastirii biyyattiif gumaachuun, Itoophiyaan biyyoota ollaatiifis humna ibsaa akka dhiyeessitu dandeessisa jedhamuun abdii itti kennameera..

Masrii fi Sudaan Itoophiyaan hidha Haaromsaa marsaa lammataaf bishaan guutuu eegaluu mormuun mana maree nageenyaa UNtti iyyatanii turan.

Miseensonni mana marichaa wal-dhibdeen dhimma hidhichaa irratti biyyoota sadan jidduu jiru marii jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin gaggeeffamaa jiruun furmaata akka argatu yaada Itoophiyaan dhiyeessite deeggaranii jiru.