Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kombaayinarri mootummaa adda durummaa irraa hiyyummaatti nu oofe'
Mootummaan naannoo Oromiyaa qonnaan bultoota adda duree ta’anii fi kanneen gara investimantiitti cehan jedheef Kombaayinaroota(maashina omisha sassaabu) 80 kennee ture.
Kombaaayinarootni kunneen karaa dhaabbata ‘keenyaa’ Kan maaashinoota qonnaa dhiheessuu fi Shaashamanneetti argamuun gara biyyaatti galuun qonnaan bultootaaf rabsamee kan ture.
Qonnaan bultootni adda dureen godinoota Oromiyaa adda addaa irraa filatamanii kombaayinaroota kunneen fudhatan rakkoo keessa seenan BBC’tti himaniiru.
Obbo Guutaa Tsaggaayee qonnaan bulaa adda duree aanaa Leemuu fi Bilbiloo irraa kombaayinara kana fudhatanii turan keessaayi.
“Gara Investimantiitti ceetaniirtu piropozaala qopheefadhaa nuun jedhan. Nutis piropozaala qopheefannee galchine. Kombaayinarri nuti gaafannee fi kan mootummaan nuuf dhiheesse tokko miti," jedhan.
Kombaayinara fudhate kanaaf kaffaltii duraa dhibbeentaa 30 birrii miliyoona tokkoo fi kuma 400 itti kanfaleera kan jedhu Obbo Guutaan maashinichi garuu akkuman fudheen tajaajilaan ala ta’e jechuun dubbata.
“Kombaayinarichi osuma haaraa fudhatanii galanii warra karaatti jalaa silkatetu jira. Qaamni isaa homaa jabina hin qabu akkanumatti irraa harca’ee kukkufa. Maasaa keessatti midhaan gadi naqa. Galabaas ni qisaasessa. Maasaa seennan isuma goroggoraa oolama. Qaamnisaa guutuun dhukkubsataadha” jedhan.
Yeroo ammaa kana kombaayinarootni qonnaan bultootni adda duree naannoo isaanii jiran fudhatan hundi tajaajila kennaa akka hin jirres himan.
Kaffaltii duraa dhibbeentaa 30 qabeenya keenya qabsiisnee kanfallee sababa maashinichi rakkoo qabuuf jecha kisaaraa keessaa galleerras jedhan.
“Kombaayinarri nuti kan beeknu sirritti hojjetee gatiisaa deebisa. Isa abdanneeti baankiirraa liqeeffannee kan kaffalle. kaan waan qabu dhadhahee kaffale."
Qonnaan bulaa adda duree aanaa Shaashamannee kan tahan Obbo Kormee Abdallaa gamasaaniin, qonnaan bultoonni maashinicha fudhatan hundi yeroo ammaa iyyannoodhaaf Biiroolee mootummaatti deddeebi’aa jirra jedhan.
“Mootummaan nufayyaduuf yaadeeti kan maashinicha nuuf kenne. Warri meeshicha galche garuu waan qulqullina hin qabne nuu fide. Amma qonnaan Bulaa adda duree irraa rakkoo keessaa hin baanetti nugalcheera. Bakka maashinichi hin hojjennetti dhalaa baankiitti kanfalaa jirra ” jedhan.
Kombaayinarootni karaa mootummaatiin qonnaan Bultootaaf dhihaate kunneen hunduu sababa silkataniif tajaajila kan kennaa jiru hin jiru jedhu qonnaan bultoonni.
Hogganaa Itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa fi miseensa boordii dhaabbata dhiheessii meeshaalee qonnaa ‘Keenyaa’ kan tahan Obbo Geetuu Gammachuu, rakkoon qonnaan bultootni himatan waan qabatamaadha jedhan.
Mootummaan karaa dhaabbata keenyaatiin qonnaan bultootaaf kombaayinaroota 80 dhiheessuu himan.
Haa ta’uutii kombaayinarootni kunneen harka qonnaan bultootaa yeroo gahaniitti rakkoo qulqullinaa akka qaban mirkaneeffanneerra jedhan.
“Diizaayiniin maashinichaa, qulqullinni meeshaa maashinichi ittiin hojjetamee rakkoo akka qabu ogeessota dhaabbata maashinicha omisheetiinis mirkanaa’ee jira. Mootummaanis gabaasa kanarraa ka’uun dhaabbatichi saffisaan furmaata akka kennu gaafateera” jedhan.
Bu’uura qorannoo ogeessotaa Kanaan dhaabbatichi rakkoo maashinichi qabu kana suphaadhaan sirreessuuf yeroo ammaa kana ogeessota erguun dhaabbata ‘Keenyaa’ keessatti hojiin suphaa kombaayinaroota shanii eegalameera jedhan.
Qonnaan bultootni garuu tajaajila suphaa mootummaan amma jedhu kanarraa amantaa akka hin qabne himu.
“Maashinni haaraadhaan dhufee hojii hojjechuu dadhabe suphamee nufayyada jennee amantaa irraa hin qabnu” jedhu.
Obbo Geetuun yaaddoo qonnaan bultootaa kanarratti yaada yoo kennan, qonnaan bultoonni maashinicha suphisiisuu hin barbaanne akkaataaa waliigaltee baankii waliin raawwataniitiin maashinicha karaa baankiitiin ofirraa deebisuu danda’u jedhan.