Rakkoo appiiwwan intarneetii gubbaa jaalala ittiin soqatan qaban

Akka gabaasaalee tokko tokkotti, dhiirota caalaa dubartoonni ergaan arrabsoo itti ergama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka gabaasaalee tokko tokkotti, dhiirota caalaa dubartoonni ergaan arrabsoo itti ergama

Intarneeta irratti hariiroo michuu jaalalaa eegaluun bu’aa ni qabaata – ta’us garuu miidhaa yaaddeessa namoota irratti geessisees qaba.

Aappiiwwan hariiroo jaalalaa weerara covid durayyuu beekkamti qabu ture, ta’us sochiin dhorkamuun itti fayyadama isaa caalaatti ol guddiseera.

Appiin hariiroo jaalala addunyaa irratti bayyee namoonni itti fayyadaman, Tinder, jedhama. Bitootessa 2020 keessa guyyaa tokkotti qofa si’a biiliyoona sadii qubaan namoonni bitaafi mirgatti dabarsanii ilaalaniiru.

Erga sanaati rikoordii isaa kana si’a 100 ol deebi'ee cabseera.

Aappiin akkanaa namoota hedduu jaalala barbaadan walitti fiduun kan gargaare ta’us, namoota kaan garuu hubeera.

Keessumaa dubartoota irratti dhiibbaa uumeera, dhiirota aappii kana fayyadamaniin haleellaa fi qoccollaan guddaa irra ga’a.

“Anaaf wanti cimaa ture akka nama daldala walqunnamtii saalaa bilisaan of kennetti ilaalamuukoodha,” jetti Shanii Silvar. “Miiraa gaarii miti. Nama miidha.”

Magaalaa Niw Yoorkitti bareessituu fi dhiyeessitu poodkaastii jaalalaa 'A Single Serving’ jedhamuu kan taate Siilvar, waggaa kudhaniif aappii jaalala fayyadamteetti.

“Yeroo hedduu namni tokko maqaa isaanii natti himuu ykn nagaa na gaafachuu isaanii dura wanta wal qunnamtii saalaan wal qabate akkan godhuufiif na gaafatu. Wanti addunyaa sana keessatti raawwatu waan akka tuffiidha, waan gatiikee salphisuuf ta’udha.”

Ergaan akkanaa midiyaalee hawaasummaa hedduurra jira, dhiirotas dubartootas irratti dhibbaa ni uumu. Dubartoonni garuu kanaan kan caalaatti miidhaman fakkaata.

Qorannoon Wiirtuu Qorannoo Piiw bara 2020tti gaggeeffame akka mirkaneessutti dubartoonni hedduu aappiwaanii fi miidiyaalee hawaasummaa jaalalaa irratti haleellaa adda addaaf saaxilamu.

Dubartoota aappii akkanaa fayyadaman umurii ganna 18 hanga 34 jiran keessa %57 kan ta’an eeyyama isaanii malee waa’ee wal qunnamtii saalaan walqabate ergaan akka itti ergamu himaniiru.

Kuni shamarran umurii ganna 15-17 gidduu jiranif walfakkaata, isaaniis ergaan akkanaa akka itti ergamu himaniiru.

Barreessituun Naanii Jo Seelsi miidiyalee kana irratti wanta ishee mudateen jeeqamtee waa’ee isaa irratti kitaaba barreesiteetti.

“Wantootni sirrii hin taaneefi tasuma sirrii ta’uu hin qabne, kan akka miidhaa xiinsammuus ta’e kan qaamaa haleellaa akkanaan uumamu akka waan barameetti fudhatamaniiru,” jetti mudannoo ishee yaadachuun.

Namni aappii hariiroo jaalalaa fayyadamu hundi mudannoo hamaa qabachaa jira jechuu miti jechuun, ta’us garuu kanneen miidhaan irra ga’u hedduu waan ta’aniif “dhimmaa miidhaa namootarra ga’aa jiruu dubbachuu qabna” jetti.

Itti gaafatamummaa?

Rakkoolee kana hir’isuuf maalotni itti fayyadamuun danda'amu tokko tokko jiru.

Fakkeenyaaf Tinder mala teeknoolojiin ofii isaan ergaa sirri hin taane adda baasee nama ergicha erguuf jedhuun waan akkanaa erguuf murteessoo ta’uu isaani kan gaafatu fayyadama.

Bara 2020tti Bumble ammo suuraalee tokko tokko haguuguun jalqaba namni ergameef banuu akka barbaadu gaafata.

Appootni tokko tokko ammo mala itti namni sun suuraa ofiisaa fayyadamu isaa ittin mirkaneessu fayyadamu. Malli kun kan fayyadu namootni eenyummaa sobaa duuba dhokatanii wantoota hin taane erguu fi nama gowwomsuuf akka hin fayyadamneefi.

Yaaliin kun gaariidha “homaa gochuurra wayya – garuu ammayyuu hojii hedduutu nuuf hafa jedheen yaada,” jetti Siilvar.

Yaddoon fayyadamtoota inni guddaan tokko haleellaa saalaa yeroo nama sana waliin fuula fuulatti wal agartu uumamu danda’udha.

Shammarran aappii kan fayyadaman hedduun bilbila isaanii geeddaruu fi maatii ykn hiriyyootatti karoora isaanii himuun of eeggannoo taasisan jiraatanis, ammayyuu kanneen haleellaa saalaaf saaxilaman jiru.

Silvaar gama isheen na ga’e jetteetti. Miidiyaalee akkanaa fayyadamuu dhaabdeetti, jiila jettee, wagga lama dura dhaabde. Ittis hin deebine.