US haleellaa xiyyaaraa Iraaqi fi Siiriyaa keessatti gaggeessite

Madda suuraa, Reuters
Hidhattoota Iraaniin deeggaraman irratti xiyyeeffachuun US haleellaa xiyyaaraa Iraaq fi Siiriyaa keessatti gaggeessuu ishee Peentaagoon ibsa baaseen beeksise
US haleellaa hidhatoonni kunneen diroonii fayyadamuun loltoota US irratti taasisaniif deebii kennuun, “wiirtuulee sochii fi kuusaa meeshaalee waraanaa” irratti tarkaanfii fudhachuu ibsiteetti.
“Pireezdaant Baayden lammilee US eeguuf tarkaanfii akka fudhatu ifatti beeksiseera,” jedha ibsi Peentagon.
Aangootti erga ba’een booda haleellaa xiyyaaraa hidhattoota Iraaniin deeggaramanii irrati US gaggeessitu Baayden yeroo ajaju kun kan lammataati.
Humnootni US Iraaq keessa jiran ji’oota darban keessatti yeroo hedduu haleellaa dirooniin rukutamaniiru.
Iraan haleellaa kamuu keessaa harka hin qabu jechuun haalteetti.
Biyyootii idil addunyaa waliin gartuu IS loluuf biyyattii keessa jiran keessaa tokko kan taate US loltoota 2,500 ol ta’an Iraaq keessaa qabdi.
Akka ibsi Peentagoon jedhutti haleellaan kun Siiriyaa keessatti wiirtulee lama, Iraaq keessatti ammoo tokko irratti gaggeeffame.
Hidhattoonni Iraaniin deeggaraman kan akka Kataayib Hezbollaa fi Kataayib Sayiid al-Shuhaada wiirtulee kunneen fayyadamaa turani jedha.
Bara 2009 irraa eegalee himannaa nagaa fi tasgabbii Iraaq irratti yaaddoo uumaniiru jedhuun US gartuun katayiib Hezboollaa gartuu shororkeessaadha jechuun galmeessiteetti.
Ibsi kun US tarkaanfii kana kan fudhate ofirraa ittisuufi jechuun haleellaan kun “tarkaanfii barbaachisaa, sirrii fi karoorfamee haleellaan akka hin hammaanneef gaggeeffamee akkasumas ergaa ifaa fi kallattii ta’edha,” jedheera.
Haleellaa kanaan namni lubbuun darbe ykn mada’ee jiraachuu fi dhiisuu irratti Peentaagoon ibsa hin kennine.
Akka gabaasa AFPtti garuu, gartuun To’annoo Mirga Namoomaa Siriyaa, haleellaa US kanaan Siiriyaa keessatti hidhattoonni shan ajjeefamanii hedduun mada’aniiru jedha.
Miidiyaan Siiriyaa Sanaa jedhamuu ammoo daa’imni tokko lubbuun darbee namootni sadii biroon mada’uu gabaasuu isaa AFP eerera.
Haleellaan kun kan gaggeeffame yeroo Iraan biyyootii addunyaa akka US waliin dhimmaa waligaltee nukileera 2015, kan Iraan hojii nukileeraa dhabuu isheef qoqobbii biyyattirra ture kaasuuf mallatteefame akka irra deebiin ilaalamuuf mari’achaa jirtuttidha.
Isra’eel dabalatee biyyootni tokko tokko Iraan boombii nukileerii ijaaraa jirti jedhani amanu, kana Iraan ni haalti.
Pireezdaantiin duraanii US Doonald Tiraamp waligaltee kana keessaa bara 2018tti US’n baasuun Iraanirra qoqqobbii deebisee kaa’eera.















