Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon filannoo naannoorratti kufan
Firaansi filannoo naannolee marsaa marsaadhaan gaggeessituuf paartilee biyyattii hunda dorgomsiisteetti. Filannoo marsaa jalqabaan Pirezidaant Imaanu'eel maakroon fi morkattuun isaanii Marine Le Pen osoo hin milkaa'in hafaniiru.
Paartiin Maakroon marsaa jalqabaa kanaan sagaleewwan jiran keessaa dhibbeentaa 10 argachuuf karoorsee ture.
Sagaleen Aab Maakroon eegan kun filannoo naannoo marsaa itti aanu filatamutti isaan ceesisuuf ga'aa ture.
Filannoon marsaa lammaffaan Dilbata dhufu gaggeeffama. Paarrtiin Marine Le Pen gamasaatiin sagalee argachuuf karoorsa birayyuu hin geenye.
Lamaanuu paartii konsarvaatiiv, Les Républicains jedhamuun injifatamaniiru.
Sagalee jalqabaan paartiin Les Républicains dhibbeentaa 27 argateera, Paartiin Marie Le Pen National Rally jedhamu ammoo dhibeentaa 19 argate.
Paartileen Green Party, Socialist Party fi paartiin pirezidaant Maakroon La République En Marche (LREM) walumatti dhibebentaa 11 qofa argatan.
Paartii pirezidaant Maakroon keessaa miseensa paarlaamaa kan ta'an qondaalli siyaasaa Aurore Bergé, hanqinni raawwii paartichi agarsiise, dimokiraasiin hagam rakkoo keessaa akka jiruu fi duudhaan dimokiraasii baduu mul'isa jedhan.
Kunimmoo hawaasa dimokiraasiin buluuf qaanii guddaadha jedhan.
Paartiin Marine Le Pen filannoo marsaa jalqabaa Dilbata kaleessaa gaggeeffame hambisuuf yaalaa ture. Garuummoo yeroo jalqabaaf yoo xiqqaate naannoo tokkorratti mo'ateera.
Paartiin kun akka eege ta'uufii baatus amma akkaataa qabxii dursa ba'een lammaffaa ta'ee jira.
Lammiileen Firaansi naannolee biyyattii 13 fi teessoo dhimma biyya alaaf addatti kaa'ameef bakka buutota filataa jiru.
Kaadhimatoonni 15,000 caalan teessoowwan 4,100'f dorgomaa jiru.
Biyyattiin yeroo waggaa tokko hin geenye keessatti pirezidaantii haaraa filachuuf waan jirtuuf, filannoon kun akkaan hordofamaa jira.
Sababni isaa filannoon naannoo kun kun filannoo pirezidaantiif bu'uura waan ta'eef.
Paartiin Pirezidaant Maakroon yeroo jalqabaaf filannoo naannoo irratti hirmaachuusaati.
Paartiin kun filannoo alanaa kanarrattis bu'aa gaarii argata jedhamee hin eegamu. Kana jechuun paartiin pirezidaant Maakroon naannolee keessaa deggertoota dhabu jechuudha.
Kanarraa ka'uun Aab Maakroon filannoo pirezidaantummaa bara 2022 keessa filatamuuf gamanumaa abdii dhabaa jiru.
Filannoon naannoo kun sababa weerara koronaavaayirasiif jecha ji'oota sadiif duubatti harkifate. Marsaan lammaffaan filannoo kanaa Dilbata dhufu gaafa 27,06,21 gaggeeffama.