Mana namoota Maakrooniin kabaluun shakkamanitti Kitaabni Hiitlariifi meeshaan waraanaa argame

Qorattootni mana namoota Maakrooniin kabaluun shakkaman lamaan keessaa kan isa tokkoo keessatti meeshaan waraanaafi kitaabni maanifestoo Adoolf Hiitlar kan jibba warra Jewish irratti xiyyeefate qabu argamuu ibsan.

Kibxata darbe Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon daawwannaarraa osoo jiran kabalamuu isaanii hordofee qorannoo shakkamtootarratti taasifamaa jiruun mana shakkamaa isa tokkoo keessatti kitaabni Hiitilar mata-dureen 'Mein Kampf' kan jibba Semetikii qabu argameera.

Dargaggoonni ganna 28 lamaan mana barnootaa hoteelaa Kibba Baha Firaansitti qabaman.

Ta'ii 'Tain-l'Hermitage' raawwatameen boodas manni isaanii sakatta'ame.

Meeshaa fi kitaabni Hiitler mana shakkamaa isa Maakrooniin kabaleetti osoo hin taane nama isa kan biroo ta'ii sana viidiyoon waraabaa ture keessatti argame.

Meeshaaleen waraanaa argaman jedhaman goraadee, aalbee waraanaa fi qawwee seeraan maqaa dargaggoo saniin galmaahee jirudha. Meeshaaleen kun tajaajila kan kennan ta'uufi dhiisuun isaa adda hin baane.

Pireezidant Maakroon kaballaan kan dhahaman gurmuu namootaa sibilaan dhorkamanii dhaabatanitti nagaa fuudhuuf yeroo fiiganii dhaqan yoo ta'u, eegdotni isaanii lamaan isaan waliin turan. kan biroon lama ammoo duubaan isaan qaqqabuuf fiigaa turan.

Odeeffannoo qaamoleen nageenya Pireezidantichaa eegan jarreen kana bira akka hin deemne akeekkachiisanii turan jedhu soba jedhaniiru dubbii himaan Maakroon.

''Pireezidantiin Rippaablikichaa uummata Firaans waliin kallattiin walarguu itti fufu, akkuma mootummoota kaanii'' jedhan dubbii himaan isaanii Gaabri'eel Ataal.

Ta'iin sun erga raawwatee sa'aa muraasa booda Maakroon ta'ii addaati'' jedhanii, namootni akka malee jeeqtota ta'an sagantaa marii uummataa akka danqan hayyamamuu hin qabuu'' jedhan.

Shakkamtootni eenyu?

Namichi pireezidanticha kabaluun shakkame leellisaa sirna durii kanneen akka sirna moototaa fi seenaa Firaansa bara meedivaalaa akka ta'e amanama.

Fuula Instaagiraam isaa gubbaatti qaama Federeeshinii biyyaalessaa 'historic European martial arts' ta'uu ibsee, suura uffannaa bara gidduugaleessa ykn middle age uffachuun goraadee harkatti qabatee ka'e qaba.

Hiriyaan nama kanaa tokko garuu shakkamaan nama siyaasaa akka hin taaneefi kabballaan sunis duudhaa isaan ala akka ta'e ibseera.

Shakkamaan kun yeroo Maakrooniin kabalu dhaadannoo "Montjoie et Saint-Denis! Down with Macronism" jedhu dhageessiseera. Wanti jedhe bara Meedivaalaa Firaans keessatti bakka dirreetti sagalee dhageessifamu ta'us xiinxaltootni garuu tapha fiilmii bara meedivaalaarraa Les Visiteurs (The Visitors) fudhatame jedhu.

Ta'iin sun raawwachuu xiqqoo dursee, shakkamaan kun wayita gaaffiifi deebiin TV gaggeefamu namoota lama waliin dhaabatee ture isaan keessaa inni tokko ''Wantootni Maakroonniin jechuu feetu jiru garuu akka carraa ta'eemmoo jechuu hin dandeessu... Kufaatii Firaans'' yaada jedhu kenneera.

Haleellaa Kibxata darbee kana hordofee manni shakkamtoota lamaanii ganda Tain-l'Hermitage jedhamtu keessa jiru sakatta'ameera. Shakkamaan inni kan biroonis leellisaa loltummaa bara meedivaalaati.