Uziyaan Boolt ijoollee dhiiraa lakkuu Tandarrii fi Seeyint Liyoo jedhaman argate

Uziyaan Boolt

Madda suuraa, Getty Images

Shaampiyoonaa Olompikii aunyaa Uziyaan Boolt fi jaalalleen isaa Kaasii Beneet ijoollee dhiiraa lakkuu Tandarrii fi Seeyint Liyoo jedhaman akka argatan Instagram irratti beeksisan.

Atileetiin addunyaarratti fiigicha gababaatiin beekamu umuriin isaa waggaa 34 ta'u kun, oduu abbaa ijoollee dhiiraa lakkuu ta'uu isaa kana fuula Instagram irratti emoji bakakaa fayyaamuun maqaa ijoolleessee biratti barreessuun ture.

Kana malees, Shaampiyoonaan Olompikii kun suura ofiifi kan jaalallee isaa Kaasii Beneet ijoollee dhiiraa lakkuu amma argataniifi mucaa intalaasaanii umuriin ishee waggaa tokkoo waliin maxxanseera.

Maqaan intalasaanii kun Olompiyaa Laayitaning jedhamti.

Oduu ijoollee dhiiraa lakkuu argachuu isaanii yaa himan malee garuu yoom akka dhalatan hin ibsine maatiin kun.

Kaasii Beneet akkuma Boolt suurashee tokko ijoollee kana waliin maxxansuun, "Boolt maatii kanaaf kattaafi ijoollee xixiqqoo kanaaf ammoo abbaa cimaadha" jechuun barreessite.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

1px transparent line

Olompiyaa Laayitaning Caamsaa 2020 kan dhalatte yoo ta'u, kan ifatti maqaashee beeksisan ammoo ji'a lamaan booda ture.

Osoo isheen hin dhalatiin Boolt hordoftoota isaatiin karaa miidiyaa hawaasaa sadarkaa ulfi Beeneet irra jirus beeksisaa tureera. Haata'u malee, yeroo ijoollee lakkuu kana ulfooftetti garuu isas ta'e Beneet waa'ee ulfaa'uusheefi sadarkaa ulfishee irra jiru hin maxxansine ture.

Lammii Jamaayikaa kan ta'e Boolt bara 2017 keessa atileetiksiirraa soorama kan ba'e yoo ta'u fiigichawwan gaggabaaboo m100 fi m200 hanga ammaa rikkarii adunyaa qabachuun seenaa keessatti nama adunyaarratti saffisaan tokkoffaa ta'e jedhmaeera.

Kana malees, Boolt fiigicha m100 tiin Olompikii sadii mo'achuun, akkasumas maaaliyaa warqee 23 guurrachuun nama aaati jedhama.

Erga atileetiksii dhaabeen booda taphataa kubbaa miilaa akka ta'u beeksisee ture garuu bara 2019 keessa guutummaatti ispoortii keessaa akka bahe beeksiseera.

Boolt nama beekama maqaa ijoollee isaa tapha ispoortii ittiin beekamu waliin walqabsiisu moggaase jalqabaa miti.

Bara 2013 keessaa weellisaan beekamaa Kaaniyee Weest fi haatiwarraa isaa Kiim Kaardaashiyaan Weest maqaa daa'ima isaaniif Noorz Weest jechuun moggaasuun mata-duree oduu ta'anii turan.

Kaaniyee Weest fi haatiwarraa isaa Kiim Kaardaashiyaan amma wal hiikaniiru.

Namoonni biroon ogummaa artiifi kan biroon beekaman maqaa ijoollee isaanii wanta ittiin beekamaniin ykn hojii ittiin milkaa'aniin walqabsiisuun moggaasu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Archive: Usain Bolt's 200m world record at 2009 World Championships