Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa Sa'uudiitti hidhaman 'dhiphinarraa kan ka'e maraachaa jiru'
Lammiileen Itoophiyaa Sa'uudi Arabiyaa keessa jiraatan qaama nageenyaan adamsamanii qabamaa akka jiran himan.
Kanneen mana hidhaa keessatti waggaa tokkoo ol lakkoofsisan ammoo mootummaan gara biyyaatti nu galchuu dide, kaan dhiphinarraa kan ka'e dhukkubsachaaf sammuu dhabaa jiru jedhan.
Namiid Usmaan Sa'uudi Arabiyaa, Jiddaa mana hidhaa Shumeesii jedhamu keessatti waggaa tokkoo ol hidhamee jira. Dargaggoon kun bakka hojii isaa Riyaadii qabamee baadiyyaa Riyaad keessatti ji'a shan erga hidhamee booda gara mana hidhaa Jiddaa kanatti dabarfamuu hima.
Erga Jiddaatti hidhamanii gara biyyaatti deebi'uu barbaadanis qaama mootummaa nuu gaafatu hin arganne jedha.
''Imbaasii Itoophiyaarraa nama nu dubbisu argachuuf jecha kana dura guyyaa sadiifi isaa ol nyaata lagannee ture. Garuu dhiisaa haa taa'an jedhanii akka deebii kennan poolisoonni nutti himan,'' jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa torban torbaniin namoota hedduu Sa'uudi Arabiyaa irraa gara biyyaa galchaa akka jiru hima.
Dargaggoon kun ammoo "oduun dhageenyu mootummaan kan galchu baay'inaan Riyaad irraati, nuti garuu namoota dhukkuba adda addaa qaban akka galchaa jiran ni dhageenya, kanaan ala eessaa akka galchaa jiran nuuf hin galu" jechuun komii qabu dubbata.
''Namoota as Jiddaa jirrurra loogiitu jira. Yoo xiqqaate mana hidhaa ani jiru keessa gara namoota 30,000 tahu. Kutaa ani keessa jiru keessammoo gara namoota 100 oltu jira."
Namni biraa BBCn dubbise Mahaammad Nuur Yaasin jedhamu Sa'uudi magaalaa Jiddaa keessa qaamni nageenyaa lammiilee Itoophiyaa adamsee qabaa akka jiru hima.
Kamisa darbe jalqabe akka hidhaan kun hammaatee kan himu Mahaammad, guyyuma sana gara namoota 500 qabuu isaanii quban qaba jedhe.
''Namoota 500 ol qabanii mana hidhaa hin geesine. Mooraa tokko keessatti naqanii jiru. Lammiilee Itoophiyaa qofa barbaadu.''
Kan balleessa hojjete qaama biraa tahus kan barbaadamee hidhamaa jiru garuu lammii Itoophiyaa qofa tahuu hima.
''Magaala keessa namni socho'uu hin danda'u. Guyyaa jaha taheera. Gadi baanee nyaata bitachuu hin dandeenyu. Ani amma dhokadheen jira.''
Mahaammad qaamni nageenyaa biyyichaa lammilee Itoophiyaa yoo qaban ''akka namaatti osoo hin taane akka horiitti dhaanu'' jedhe.
Kanneen qabaman hedduunis mooraa tokkotti naqamanii akka jiraniifi mana hidhaa Sheemusii akka hin galchine hima.
Dhibeef saaxilamaa jirra
Dargaggoo Namiid mana hidhaa keessatti qilleensa gahaa waan hin arganneef namoota heddutu dhibeef saaxilamaa jiraachuu himuun, yoo dhibamanis tajaajila yaalaa akka hin arganne ibsa.
''Nama dhukkubsate nurraa baasaa yoo jennes tole hin jedhan. Garuu itti reebamaa, arrabsamaa turre. Namootni reebichaa fi dhiibbaa adda addaaf saaxilamuun 'maraatan' jiru. Ana biratti yoo xiqqaate namootni afur sammuu dhabaniiru.''
Dargaggoonnni kunneen gaaffiin qaban gara biyyaatti galuu yoo tahu, ammayyuu namootni haaraan qabaman akka jiraniifi kan duraan hidhamanii jiran ammoo galaa akka hin jirre hima.
Riyaad keessaa namootni baatii afuriifi shan hidhaman gara biyyaatti galaa akka jiran kan himu dargaggoon kun, warra Jiddaatti yeroo dheeraa hidhaman garuu dagatamuun isaan mufachiisuu dubbata.
''Mootummaan yeroo gabaasu lammiilee mootummaan Sa'uudi Arabiyaa bakka tursiisaa kaa'e jedha. Nuyi garuu mana tursiisaa osoo hin taane mana namatti hin tolleefi kabaja hin qabne keessa jirra,'' jedhe.
Deebii mootummaa Itoophiyaa
Mootummaan Itoophiyaa lammiilee Sa'uudi Arabiyaatti mana hidhaa jiraniifi gara biyya isaaniitti galuu barbaadan torban torbaniin galchaa akka jiru himaa ture.
Namoonni lakkofsi isaanii hedduu tahanis gara biyyaatti deebi'aniiru.
Gama komii loogiin jira jedhamuun lammiilee Jiddaatti hidhaman irraa dhagahamuun waan jedhame jiraachuu baatus mootummaan Itoophiyaa mootummaa Sa'uudii waliin tahuun hojjechaa akka jiru hima.
Sa'uudi Arabiyaatti ergamaa addaafi Ambaasaddara Itoophiyaa kan tahan, Leencoo Baatii qondaalota dhimma alaa Sa'uudi waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lameenii fi lammiilee Itoophiyaa achi jiraataniirratti gaafa Waxabajji 13 bara 2021 mari'ataniiru.
Marii isaanii kanarrattis dhimmi lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa jiranii, eeyyamni jireenyaa isaanii kan jalaa gubateefi sababoota garaagaraan karaa seeraan alaa Sa'uudi galuun kan jiraachaa jiran haala akkamiin fedha isaaniin gara biyyaatti deebisuun danda'ama kan jedhurratti qondaalotni biyyoota lameenii mari'ataniiru.
Akkaataa marii isaanii kanaattis lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti galuu barbaadan adabbii maallaqaa fi hidhaa malee gara biyyaatti haala deebisuu danda'an irratti mari'ataniiru.
Dabalataan hidhaa jumlaa poolisiin tibbana lammiilee Itoophiyaa irratti taasisaa jiru, qabinsa mirga namoomaarratti bal'inaan mari'achuu isaanii, Imbaasiin Itoophiyaa Riyaad jiru fuula Feesbuukii isaa irratti barreessera.
Imbaasichi qondaalotni biyyoota lameenii furmaata hatattamaa itti kennuuf waliin hojjechaa jiraachuu ibsuun, hangasitti lammmileen Itoophiyaa Sa'uudi Arabiyaa jiraatan of eeggannoo karaa qabuufi obsaan akka eegan dhaameera.