Niiw Ziilaanditti shakkamaan hilikooptaraan buufata poolisii deemee harka kenne

Madda suuraa, Getty Images
Namichi Niiw Zilaand naannawa baadiyyaatti poolisii jalaa baqachaa ture hilikooptara kireeffatee gara buufata poolisiitti balali’uun harka kenne.
Jeemsi Biraayant, yakka hokkoraan himatame, torban shaniif magaala xiqqoo Kaaba Otago jedhamtu keessa dhokachaa akka ture himameera.
Akka midiyalaaletti himeetti turtiin isaa magaalichatti “gaarii” ture, ta’us garuu magalaa “bakka homaa hin jirre” keessa jirtu keessa ba’uu barbaade.
Roggeessi hidhamtoota Artar Taayilar, kan karaa nagana to’annoo jala oluuf gargaare, akka jedhetti gara buufata poolisitti yeroo deemanitti dhugaatii fi nyaata akka Biraayantiin affeered hima.
Kanaan dura hidhaa kan ture Taayilar, “torban hedduu keessatti kun nyaata garii inni nyaatedha,” jechuun Buufata Poolisii Dunediin fulduratti gaazexeesitootatti himeera.
Himanni Biraayant dhiyaate meeshaa waraanaan miidhaa geessisu, madeessuufi fi haasaa miidhaa qabuu interneeta irratti maxxansuun himatame.
Poolisiin namni kun hamaa akka ta’ee fi itti dhiyaachuun irraa akka of qusataniif hawaasa akeekkachiise ture.
Biraayant harka isaa kennuuf kan murteese nama hawaasa irra miidhaa geessisuu danda’u jedhamuun waan isa yaddesseef akka ta’e miidiyaa Otago Daily Times’tti himeera.
Taaylar waliin wal qunnamuun haalli itti inni nagaan to’annoo jala akka mijeesuuf gaafate. Lamaan isaanii kanaan dura wal beeku, yeroo Biraayant marsariiti Taaylar qopheesseef irraa eegale. Kiraa hilikooptarichaaf Biraayant ofiin kan kaffalee yoo ta’u, kana gochuus kan barbaade “haala hawwisiisaan harka kennuu” waan barbaadeefi jechuun Taayilar Stuff.nz’tti himeera.
Akka gabaasa miidiyaa biyyattiitti Kamisa waaree booda karaa naga qabeesaan to’annoo jala oole.














