Bobbaan jiraattota Kaampaalaa anniisaa elektirikii 'maddisiisuu hin dandeenye' oduun jedhu soba

Madda suuraa, NRM Party
Piroojektiin biodigester Yugaandaa magaalaa Kaampaalaatti bobbaa namaarraa humna elektiriikii maddisiisuuf ijaarame, bobbaan jiraattota magaalittii galteewwan koompaawundii keemikaalaa gaazii omishu Methane jedhamu omishu hin qabu jedhame.
Barruu Yugaandaa mootummaatti hidhata qabu 'New Vision' jedhamutu qondaala mootummaa tokko waabeffachuun gabaase.
Mootummaan Yugaandaa garuu wanti haati aangoo kun jedhaniiru jedhamee barruu New Vision irratti maxxanfame sirrii mitii jedheera.
Barruun biyyattii kun daarektarri bulchiinsa qabeenya uumamaa Ministeera Bishaanii Yugaandaa, rakkoo kanaaf sababni nyaata jiraattonni sooratanidha jedhaniiru jechuun qabaase.
''Wanta soorannu keessa hanqinni wayii jira, sooranni uummataa Methane omishaa hin jiru'' jechuun Dr. Filooreens Girees Adoongoo natti himaniiru jedhe barruun kun.
Bobbaa namaatti dabalataan galteewwan biroo akka balfaa dhaabbilee dhugaatii omishanii itti dabaluun keemikaala anniisaa omishu uumuuf yaalamuus, guutummaatti milkaahuu dhabuu ibsan Dr. Filooreens.
Hojiichi ammallee adeemsarra jiraatus methane omishuu hin dandeenyes jedhan.
Bobbaa namaarraa anniisaa elektiriikii maddisiifamuun dabalataan hambaa isaa irraa callaa guddistuufi meeshaaleen ijaarsaa ni hojjetamu.
Buufatni balfaa dhangala'aa qulqulleessu Bugolobi jedhamu guyyaatti balfaa dhangala'aa liitira miiliyoona 45 qulqulleessuun Baha Afrikaa keessatti damee kanaan isa guddicha jedhama.
Piroojektiin kun deeggarsa Baankii Misoomaa Afrikaa, Gamtaa Awrooppaa, dhaabbata gargaarsaa biyya Jarmanii tokkoofii bajata mootummaa Yugaandaan ijaarame.
Piroojektiin anniisaa maddisiisu 'qormaata hin kufne'
Ejensiin Yugaandaa dhimma bishaaniifi balfaa hoogganu odeeffannoo barruun New Vision bobbaan jiraattotaa anniisaa maddisiisuu dadhabe jedhu dogongora jedha.
Kaampaniin Bishaaniifi Balfa dhabamsiisuu biyyaalessaa ''odeeffannoon kun soba'' jechuun tiwiitara gubbaatti maxxanseera.
Itti dabaluunis hojiin ijaarsaa isaa xumuramee hojii hin eegalle jedheera.
Ijaarsi piroojektii kanaa bara 2014'tti eegalamee bara kana xumurame. Anniisaan elektirikii maddisiifamu ammoo namoota 850,000 tajaajila jedhamee abadatamee ture.














