Namtichi arba ajjeesuuf ture arbootaan ajjeefame

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaa Kibbaa Paarkii Biyyaalessaa Kiruger jedhamutti arboonni namniicha arba ajjeesuuf akka dhaqe shakame tokko tumanii ajjeesuun gabaafame.
Paarkiin biyyaaleessaa biyyattii Dilbata akka beeksisetti, namtichi arbootan ajjeefameefi miiltoowwan isaa lama biroo wajjin eegdoota paarkii jalaa osoo milquuf fiigaa turanu akka tasaa ''garee arbootaa gamtaan socho'utti bahan.''
Paarkichis eegdoonni Paarkii namoota arba ajjesuuf paarkiicha seenuuf shakkaman kanneen keessa namni to'atamee tokko taatee arbootaan isaan mudate itti himeera.
Innis miltoowwan isaa baqatanii bahusaanii akka hinbeekne dubbateera.
Egdoonni paarikicha to'atanis miiltoon namticha to'atame arbootaan baayyee miidhamuun du'uusaa arganiiru'' jedheera ibsichi.
''Namoota arba ajjeessuuf dhaquu shakkaman keessaa inni sadaffaan ammo, ijaa isaatu miidhame. Garuu baqachuu itti fufe. Qawwee isaan ittin ajjeesuuf dhaqnis argamuun, dhimmisaanii gara poolisii fi gartuu dhimmicha qoratutti dabarfameera'' jedhe.
Hojii Gaggeessaan Paarkii Kiruger, Garez Kolimaan akka tasatti lubbuun namaa darbe jechuun, gartuu namoota hojiin to'annaa sana keessatti gareefi kutannoon hirmaatan galateeffateera.
Haluma walfakkaatuun, bara 2019 namichi bineensa riinoo jedhamu ajjesuuf paarkii seene tokko arbaan dhahamee erga ajjeese booda gurmuu leenchota paarkichaatiin nyaatamuun gabaafameera.















