Monoksee Miyaanmaar lubbuu mormitootaa oolchuuf rasaasa dura dhaabbatte

Monoksee fi loltoota

“Ajjeesuun yoo isin barbaachisa ta’e, isaan dhiisaa anatti dhukaasaa’ jechuun monokseen Mayanmaar mormitoota olchuuf loltoota kadhatteetti.

Monokseen Kaatoolikii Aan Roos Nuu Tawaang biyya fonqolchaa waraanaan gargar diigame keessatti mallattoo tokkummaa taatetti.

“Aarsaa kaffaluun akka na barbaachisutti natti dhaga’ame” jechuun BBC’tti himteetti.

Yeroo itti monokseen Kaatoolikii kun lubbuu mormiitoota magaalaa Mayitikyinaa baraaruuf jecha loltoota waraanaa meeshaa hidhatan dura dhaabbatte, biyyaa hedduminaan amantaa Budiizimii hordofan keessatti guddaa jajamaa jira.

Suuraan jabina ishee kana ammoo hedduu qoodamee addunyaa guututti mataduree ta’eera.

Laffarra jilbeenfattee, harka ishee bal’istee, Monokseen Aan Roos loltoonni kun naannoo Mana Amantaa irraa akka deemaniif kadhatteeni.

“Amma isin deemtanitti lafaa ol hin ka’u,” jechuun itti himte.

Loltootni lama ishee cina lafarraa gadi jilbeeffatanii, harka isaanii kadhanaan walitti qabanii garuu hojii isaani hojjachuu akka qaban itti himan.

“Ajjeesuun yoo isin barbaachise, isaan dhiisa anatti dhukaasaa – ani lubbuukoo nan keenna,” jechuun loltoota kanatti himti.

Biyyatti keessatti erga Guraandhala 1 irratti filannoon hatameera jechuun waraanni fonqolchaan aangoo qabatee as hiriirri mormii guddaa gaggeefamaa jira.

Bulchiinsi waraanaa akka dhaabbatuu fi hoggaantoonni mootummaa yeroo fonqolchaatti hidhaaman akka hiikaman gaafachuun hiirira mormii ba’ame irratti yoo xiqqaate namootni 54 du’aniiru.

Daa’imman kunuunsuu

Wanta Mayitikyinaa keessatti uumame booda gaaffii fi deebii BBC Burmese waliin taasisteen Monoksee Aan Roos yeroo sanatti wanta itti dhaga’amaa ture himteetti.

"Ani ‘yoo ajjeesuun isin barbaachise, ani lubbuukoo nan kennan’ jedheeni. Sana booda achii deemani.”

“Ijoolleen manichaa keessatti ugguramanii lafa deeman wallaalan turani, baayyee sodaatanii turani,” jetti.

“Arsaa kaffaluun akka na barbaachisutti natti dhaga’ame.”

“Sana booda ijoolleen kun natti nannaa’ani, beela’anii, dheebotaniifi sodaatani turani, mana deemuufis soodatanii turani,” jetti.

Ta’us garuu loltoonni waraana kun mormiitota nannicha turanitti dhukaasuu eegalani.

“ Waan addunyaan diigamaa jira fakkaata ture, sagaleen dhukaasaa hedduu waan tureef gara mana amantaatti baqachuun narra ture,” jechuun BBCtti himteetti.

“Gadi jedhaa jedhee namootatti iyyaan ture garuu yeroo sanatti namni na dhaga’u hin turre.”

Hagam yoo yaaltuyyuu, wanti isheen sodaatte hin oolle.

Bakka isheen dhokattee turteerraa xiqqoo fagaate yoo xiqqaate lubbuun nama tokkoo darbeera.

Sana booda dargaggeessa maataarra rukutamee gar malee miidhamee, “dhiigaa isaa” keessatti kufee ciisee jiru agartee gara isaatti akka figdee himti.

“Nama miidhama kana baachuu barbaadeen ture,” jetti.

“Garuu qofaakoo hin dandeenye, kanaaf akka dhufaanii na gargaaraniif namootattin iyye.”

Yeroo sanatti monokseen kunii fi namootni isaan gargaaraa turan gaasii nama boochisuun rukutamani.

“Ijakoo na gubaa ture, nattii bulluqee of wallaaleen oole. Dargaggeessichaa bachuu dandeenyuus daa’iimman nu bira turan boo’aa turani,” jechuun yaadannoo ishee himti.

“Hedduu rakkanneerra.”

Wiixata hiriira mormii Mayitikyinaa keessatti gaggeefameen yoo xiqqaatee namoota lama rasaasaan ajjeefamanuu gabaafameera.

Guyyootii dhiyoo keessatti waldhabee namoota nagaa fi poolisoota gidduutti dabalaa jiruu irratti yaaddoo qabu Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii ibseera.