Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daangaa aanaalee Galaanaafi Amaarootti namoonni torba hidhattootaan ajjeefaman
Daangaa aanaalee Galaanaafi Amaarootti dhukaasa guyyaa kaleessaa namoota mariif walitti qabaman irratti banameen namootni torba yemmuu ajjeefaman jaha immoo madaa'aniiru.
Kaleessa (Wiixata 08,03,21) naannoo sa'aa torbaa ture hooggansaafi jiraattota Godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaafi naannoo Saba, Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa aanaa addaa Amaaroo gidduutti dhimma araaraafi nageenyaa irratti mariin taasifamaa kan ture.
Bulchaan aanaa Galaanaa Obbo Boruu Galgaloo sababa namootni mariidhaaf itti walitti qabaman yeroo ibsan, "gama keenyaafi gama Amaarootin walitti bu'iinsi sadarkaa nama dhuunfaatti tureera. Horii wal jalaa fudhachuu, bishaan irratti akkasumas namnillee xiqqoo wal ajjeesun waan bubbule," jedhan.
Mariin guyyaa kaleessaas rakkoo kana furuu irratti kan xiyyeefate ta'uu himan Obbo Boruun.
Waltajjii kana irratti hooggantiitni mootummaafi Paartii Badhaadhinaa aanaalee Galaanaafi Amaaroo, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaafi miseensootni koree nageenyaa akka turan immoo itti gaafatamaan waajjira Komunikeeshinii aanaa Addaa Amaaroo Obbo Addaamfiree Taarikuu BBCti himaniiru.
"Nu marsanii haleellaa nurratti raawwatan…"
Itti-gaafatamaan waajjira Komunikeeshinii aanaa Addaa Amaaroo Obbo Addaamfiree Taarikuu, haleellaa Wiixata kaleessaan gama aanaa Amaarrootin itti-gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa aanichaa dabalatee namootni jaha ajjeefamuu himan.
Kana malees, namoota shan irratti miidhaan qaamaa cimaan kan qaqqabe yemmuu ta'u, namootni eessa buuteen isaanii hin beekkamne akka jiranis dubbatan.
Bulchaan aanaa Galaanaa Obbo Boruu Galgaloo immoo gama aanaa Galaanaatiin namni tokko ajjeefamuufi kan biraa tokko madaa'uu himan.
Akkaataa haleellichi itti-raawwate kan himan jiraataan aanaa Amaaroo Obbo Tigree Shammannoo, "nu marsanii haleellaa nurratti raawwatan," jechuun himan.
Obbo Tigree rasaasaan gateettii isaanirra rukkutamuufi yeroo ammaa aanaa Amaarootti Hospitaala Kellee keessatti yaalamaa jiraachuu himan.
Haleellaan eenyuun raawwatame?
Itti-gaafatamaan waajjira Komunikeeshinii aanaa Addaa Amaaroo Obbo Addaamfiree Taarikuu, hidhattootni kun gama aanaa Galaanaa ganda Maxxaarriitii erga dhufanii booda halleellaa raawwachuu isaaniifi isa boodas garuma ganda Maxxaarriitii baqachuu isaanii himan.
Obbo Addaamfiree Taarikuu hidhattootni kun eenyu akka ta'an akka adda hin baafanne himan.
Bulchaan aanaa Galaanaa Obbo Boruu Galgaloo immoo jalqaba dhukaasni kallattii aanaa Amaarootin eegalamuu himu.
"Karaa aanaa isaaniitin bosona wayiitu jira. Duuba sanin mucaa aanaa keenyaa akka waardiyyaatti dhaabbatutu ture. Dura isatti dhukaasni banamee inni gaafa kufu uummata waltajjii bahe irratti itti fufiinsaan dhukaasan" jedhan.
Erga haleellaan raawwatamee booda haala jiru tasgabbeessuuf waahillan isaanii 14 walin gara iddichaatti imaluu kan himan miseensi Poolisii Humna Addaa naannoo Kibbaa Konistaabil Getaachoo Bafiqaaduu, walitti dhukaasuu hidhattoota walin taasifameen isaanis miilli isaanii miidhamuu himan.
"Namootni hidhatan kunneen ABO Shaneeti," jechuunis dubbatan.
Bulchaan aanaa Galaanaa Obbo Boruu Galgaloo hidhattootni isaan 'ABO Shanee' jechuun waaman aanaalee lamaan gidduu deddeebi'aa akka turan fi walitti bu'iinsa uumammaa ture keessaayis harka akka qaban himan.
"Uummata Ammaarroo fi Gujii walitti buusuuf yaadamee ABO Shaneetin kan raawwatame fakkaata" jechuunis dubbatan.
Haleellaa lubbuu namoota torbaa galaafate kanaan walqabatee namni to'annoo jala oole akka hin jirre angawootni aanaa Galaanaa fi Amaaroo BBCti himaniiru.
Gareen Waraana Bilisummaa Oromoo /WBO/ jechuun of waamu fi gama angawoota mootummaatin 'ABO Shanee' jedhamuun waammamu uummata nagaa irratti tarkaanfii akka hin fudhanne himaa turuunsaa ni yaadatama.