Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Dhukkubsattootni Covid-19 'du'aafi jireenya gidduutti' dabaree veentileetaraa eeggachaa jiru
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa weerarri koronaa ''haala sodaachisaa ta'een'' dabalaa jiraachuu fi uummanni of eeggannoo gochuu dhiisuu isaaf akeekkachiise.
Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddesee ibsa tibbana kennaniin Dhukkubsattootni Covid-19 'du'aaf jireenya gidduutti' dabaree veentileetaraa eeggachaa jiruqu jedhan.
''Miidhaa Koronaan qaqqabsiisu haala sodaachisaarra wayita gahe kanatti akka hawaasaatti balaa gahu haala madaaluun of eeggachaa hin jirru,'' jedhan.
Torban dabarsine keessa qorannoo laabaraatorii guyyoota torbaan namootni haaraan 9,329 vaayirasichaan qabamaniiru.
Sababa of dagannaa guddaa hawaasa keessatti mul'atuun lakkoofsa namoota haaraa Vaayirasichaan qabaman akkaan dabaluun cinaatti, lakkoofsi namoota sababa dhibee kanaan lubbuu dhabaniillee haalaan dabaleera.
Torbanuma dabarsine kanatti ammoo namootni vaayirsichaan qabamuun isaanii beekamee ture keessaa namootni 121 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Guyyaatti hanga namni 30 lubbuu dhabuun dhibeen kun akkaan yaaddessaa ta'aa dhufuu isaa agarsiisa.
Lakkoofsi namoota dhibee kanaan du'anii torban lamaan dura bira qabaan guyyaattii nama 12 kan ture yoo ta'u torban dabarsine ammoo Avareejiin guyyaa guyyaan yoo xiqqaate namni 17 lubbuu dhabaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaa Itoophiyaa ni agarsiisa.
Lakkofsi kun namoota qoratamanii beekaman qofa kan hubannaa keessa galche ta'uu fi qorannoo muraasa godhanirraa kanneen osoo hin qoratamiin sababa dhibee kanaa lubbuu dhaban waan jiraniif lakkoofsichi kana caala akka ta'ullee ibsan Dr Liyaan.
Lakkoofsi dhukkubsattoota yaala addaa, ICU, fedhaniillee humnaa ol dabaluu isaatiin hanqinni gidduugala yaala addaa mudachuus ibsaniiru.
Gidduugalli yaala dhibee hammaataa dhukkubsattoota haaraa simachuuf sadarkaa hin dandeenyerra gahuu Dr Liyaan ibsaniiru.
''Keessumaa magaala Finfinnee fi magaalaalee naannoo hunda keessatti kutaaleen yaala namoota akka malee dhukkubsatanii guutaa jiru.
''Meeshaaleen hargansuu gargaaran (ventileetaroonni) jiran dhukkubsattootaan waan qabamaniif dhukkubsattootni biroon du'aaf jireenya gidduu ta'anii dabaree meeshaa kanaa eegaa jiraachuun sadarkaa hammaataa irra geenye agarsiisa'' jedhan.
Sababoota kun ta'eef keessaa inni tokko dhukkubsattootni mana taa'anii yaala hordofan hanga itti hammaatutti manuma turuu isaaniitis jedhameera.
Jiraataan magaala Amboo haala yeroo weerara kanaarratti yoo dubbatan amma guyyaa guyyaan nama sababa Koronaatiin du'u dhiyootti beeknullee dhagahuun baratamaa ta'eera jedhan.
Faallaa kanaatiin ammoo magaala keessa namni maaskii uffatee socho'u qubaan kan lakkaa'amuudha jedhan.
Weerarichi hammaachaa garuu ammoo of eeggannoon hanqachaa jiraachuun isaan yaachisuus dubbatan.
Magalaa Naqamtee keessatti hakiima dhukkubsatoota Koronaa kan ta'an Dr. Dirribaa Gammachuus gidduu gala yaala isaanii keessa namni yaala fayyaarra jiru lama qofa ta'uu himanii, kana jechuun garuu weerarichi xiqqaachuu osoo hin taane qorannoon akka durii gaggeefamaa, namnis yaalaaf dhufaa akka hin jirre ta'uu agarsiisa jedhan.
Weerarri kun hawaasaa keessa waan jiruuf qorannoon gaggeeffamuu baatus uummatni eeggannoo malee socho'uun weerarichi hammaachaa jira yaaddoo jedhu isaanitti uumuus Dr. Dirribaan himaniiru.
Uummatni sochii idilee isaa keessatti hafee mana yaalaallee yeroo dhufu maaskii akka uffatu sadarkaa dirqisiifamuttii of dagateera, kun hedduu nama yaaddessas jedhan.
Magaalota hedduu keessatti ittisa fi to'annoo Koronaaf of eeggannoolee gorfaman keessaa Maaskii uffachunillee hafaa jira.
Dr Liyaan ibsa isaanii keessatti ''lakkoofsi nama maaskii uffatuu akkaan xiqqaateera, sirnootni cidhaa fi gaddaa, agarsiifni addabaabayii, manneen nyaataa, kaafteeriyaa, bashannanaa namni itti heddumatu, sagantaawwan muuziqaa fi Ispoortii, akkasumas walitti qabamni hawaasaa eeggannoo hin qabne heddummachuun dhimmicha yaaddessaa godha'' jedhan.
Sadarkaa naannoleetti hojiileen yaala dhibee kanaa jajjabeefamaa turus, hanqinni humnaa mudachuu isaatiin dhukkubsattoota sadarkaa buufataalee fayyaatti yaaluun qormaata itti ta'uus himaniiru.
Uummatni weerarri kun hangam hammaachaa akka jiru hubachuun eeggannoowwan gorfaman akka maaskii uffachuu walirraa fageenya gorfamu eeguu akka qabu akeekkachiisaniiru Dr. Liyaan.
Dhaabbileen hawaasummaa, amantaa, bakki nyaataa fi waajiraaleen kaanis gahee irraa eegamu bahuu akka qaban hubachiisan.