Sirni hundeeffamaafi eebba naannoo Sidaamaa adeemsifame

Murtee uummata bara darbe taasifameen naannoo 10ffaa Itoophiyaa ta'uun kan hundaa'e naannoon Sidaamaa sagantaa hundeeffamasaa bakka namootni kumaatamaan lakka'aman argamanitti adeemsifamaa jira.
Sagantaa kana irratti pirezidantoota naannolee garaa garaa dabalatee Af- Yaa'iin mana maree federeeshinii Itoophiyaa sirna hundeeffama naannoo Itoophiyaa 10ffaa kanarratti argamaniiru.
Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo uummatni Sidaamaa ofin of bulchuufi caasaa sirrii akka qabaatuf, siyaasaafi diinagdee biyyattii keessatti qixa hirmaachuufi fayyadamuuf qabsoon hadhaawaa taasisuusaa himan.
Sirnootni darban gaaffii uummatichaa ukkamsaa turan jechuun pirezidantiin naannoo Sidaamaa himaniiru.
"Qabsoo uummatichi yeroo garaagaraatti taasisaa ture ukkamsuuf morma qabsaa'otaa muruun gabaa keessatti fannisaniiru, uummata nagaas jumlaadhaan ajjeesaniiru, diinagdeesaa saamaniiru akkasumas uummaticharratti cubbuu raawwataa turaniiru," jedhan.
Haa ta'u malee, uummatni bilisummaa, walqixxummaa, kabajaafi faayidaa isaatiif qabsoo yeroo dheeraa taasisuu himan.
Waggoota dheeraaf gaaffii ummanni kaasuun lubbuun namaa darbaa kan ture yoo ta'u erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii booda rifarandamii gaggeessuun isaa ni yaadatama.
Mootummaan naannoo Sidaamaas qabsoo dhaloota ammaafi 'mootummaan jijjiramaan' dhugoomuu isaa pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamoo himan.
"Kunis mootummaan jiijjiiramaa heera biyyattii gara hojiitti hiikun kutannoo agarsiiseen dabalataan sirni federaalizimii sabdaneessaa hordofaa jirru cimaa jiraachuu kan agarsiisudha," kan jedhan prezidaantichi Ministira Mummee Abiy Ahimadiinis galateeffataniiru.
Gama biraatin naannichi erga hundaa'ee booda yeroo gabaabaa keessatti naga qabeessa ta'uusaa, akkasumas jireenya, daldalafi investimantiif filatamaa ta'uusaas dubbatan.
Sirna hundeeffama naannoo Sidaamaa irratti kan argaman Af-yaa'iin Mana-maree Federeshinii Adam Faaraah, "mirga heeraa keessanitti fayyadamtanii murtee keessanin naannoo Itoophiyaa isa 10ffaa ta'uun waan gurmooftaniifi gaaffin keessan waggaa dheeraa deebii waan argateef baga gammaddan," jechuun uummata naannoo Sidaamaaf ergaa baga gammaddanii dabarsan.
Hundeeffamni naannoo Sidaamaa kutannoo mootummaan biyyattii ijaarsa biyyaa federaalizimii sabdaneessaa irratti hundaa'e tarkaanfachiisuuf qabu kan mirkaneesse akka ta'es dubbatan.

Madda suuraa, EBC
Gama biraatin pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, uummatni naannoo Sidaamaa injifannoo argatan kunuunsuun tokkummaa fi misooma cimsuuf hojjechuu akka qaban dhaaman.
Kana malees, mootummaan naannoon Oromiyaa naannoo Sidaamaaf kennaa birrii miiliyoona dhibba tokko akka laatus dubbataniiru.
Sagantaa har'aa irratti gamoon waajjira prezidaantii naannoo Sidaamaas ni eebbifama.
Sagantaa har'aa irratti Af-yaa'iin Mana-maree Federeeshinii Obbo Adam Faarah dabalataan pirezidaantootni naannolee akka Amaaraa, Oromiyaa, Somaalee, Affaar, Gambeellaafi Hararii argamaniiru.
Kana malees, itti aantuu kantiibaa magaala Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeefi hogganaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dr. Muluu Naggaas saganticharratti argamaniiru.
Naannoon Sidaamaa filannoo biyyaalessaa 6ffaa booda mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti teessoo 19 qabaata.
















