Waldhibdee Itiyoophiyaa - Sudaan: Haala tibbana daangaarra jiru

Daangaa biyyoota lamaan qoodatan

Naannoo daangaa Sudaaniifi Itoophiyaan irratti wal dhabanitti tibba kana sochiin loltootaa guddaan gama lamaniinuu akka ture jiraattotniifi aanga'ootni BBC'tti himan.

Kibba Armaacihoo magaalaa Midra Gannat jedhamu keessa kan jiraatan obbo Geetuu Mulaat humni waraanaa Sudaan Aboo'aaxirii lafa jedhamu dabalatee lafa kana dura bulchiinsa Itoophiyaa jala turan yeroo adda addaatti to'achuu isaanii hordofee raayyaan ittisaa Itoophiyaa naannichatti bobbaafamuu himan.

Waraanni Sudaan naannoo daangaa buufatee akka jiru kan himan jiraataan kun waraanni Itoophiyaas dhiyeenyuma san jiraatus qaamota lameen gidduu waraannii akka hin jirre himu.

''Waraanatu hin jiru malee sochiin loltootaa jira. Dhukaasni homtuu hin jiru. Humni addaas ta'e raayyaan ittisaa waliin ta'uun naannicha jiru'' jechuun ibsan.

Obbo Geetuun akka jedhanitti waraanni Sudaan naannichatti jabaatee seenuu hordofee haala tureen yoo walbira qabamu haalli amma jiru nagaa qaba.

Itti dabaluunis ''humnoonni sudaan waan fudhatan fudhataniiru. Amma garuu nagaadha. Laga Gu'aang osoo hin ce'iin jiru. Gammoojjiin Abexxir jedhamu jira. Gammoojjiin qonna ture. Qonna sanirra jiru'' haala amma jiru ibsan.

Daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa irraa 8km fagaattee kan argamtu aanaa Matammaa ganda Shinfaatti jiraataa kan ta'an obbo Bellexee Daamxee ammoo naannoo sanitti rakkoon nageenyaa jabaan jiraachuu baatus humni waraanaa Sudaan akkaan daangaatti siqee akka jiru himan.

Waraanni kun takka takka daangaa ce'uun abbootii qabeenyaa hojii qonnaarra jiran bir'achiisaa sakattaa akka taasisanis dubbataniiru.

Darbee darbee walitti bu'insi dhalachuu kan himan jiraataan kun, ''Matammaa quxir Araatti bakka jedhamuufi Lixa Armaaci'ootti rakkoo bal'aan jira. Gajjallaan ammoo gara Quwaaraa bakka nafsi gabiyaa jedhamutti si'a lama sadii qonnaan bultootaan walitti bu'iinsi ture'' jedhu.

Bakka isaan jiran raayyaan Ittisaa Itoophiyaa kan hin jirre ta'uu himanii ''qotee bulaan qe'ee isaa eeggachaa jira. Bakka murteessaa ta'anitti ammoo qotee bulaan dabareen daangaa isaa eeggachaa jira'' jechuun BBC'tti himan.

Sababa kanaattis Quwaaraa bakka 'Nafsi Gabayaa quxir araattiifi hulatti' jedhamanitti humni Sudaan daangaa ce'uun qabeenya abbootii qabeenyaa saamuufi gubuu himan.

Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassaalenyi Xaasew, guyyaa sadii dura loltoonni sudaan nama tokkoo ajjeesanii lama kan madeessan ta'uu akkasumas daa'immaniii fi haadholii dabalatee namoota lafa qonnaatti galaa geessuuf deeman biroo ukkamsanii ugguruu isaani BBCtti himaniiru.

''Dhiyeenya naannoo Odittaa Waldee jedhamutti loltoota Sudaaniin qonnaan bultoonni lama rukutamanii tokko lubbuun isaa darbeera. Lama ykn Sadii kan ta'an ammoo ugguramaniiru. Dubartii qonnaarra turtee da'imaa ishee waliin fudhatanii dhibamaniiru.''

Sudaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Yibelxaal Aa'imiroo torbanoota muraasa dura ibsa Televiziyoona biyyaalessaa Itoophiyaaf kennaniin humnoonni Sudaan daangaa ce'anii weerara gaggeesan jedhamuun qabeenyaa fi lubbuu namaarra miidhaan gahuu himaniiru.

Qonnaan bulaa Sudaan kutaa biyyaa al-Jazirah

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Anga'oonni Sudaan Al-Faashqaan lafa Sudaaniiti jechuun irra deddeebiin dubbatu

Jiraattotni naannoo daangaa BBC'n kana dura dubbiseen omishni qonnaa hangi hedduuniifi meeshaaleen qonnaa jalaa manca'uu himaniiru.

Ambaasaaddarichi akka jedhanitti sababa weerara Sudaan kanaan qabeenyi biiliyoona tokko ta'u miidhameera.

Bakka humni Sudaan to'ateetti dahoo waraanaa qotuun cinaatti namoota qubachiisuuf daandii haxaa'uun bu'uurri misoomaa hojjetamaa akka jiru dhagaheeras jedhan.

Biyyootni lameenuu dhibdee daangaa gidduu isaaniitti dhalate nagaan furuu akka fedhan ibsaniis hanga ammaatti wanti qabatamaan jiru kana hin agarsiisu.

Mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin Sudaan waliigaltee biyyootni lameen bara 1972'tti raawwatanii sarbite jechuun himatti. Ambaasaaddar Yibelxaallis kanuma himatan.

Karaa nagaa rakkoo jiru furuun kan hin milkoofne yoo ta'e ofirraa qolachuuf mirga qabdutti fayyadamti jedhan.

Aanga'oonni Sudaan gama isaaniin tarkaanfiin humni waraanaa isaanii fudhate lafa ofii deebifachuu ta'uu ibsanii lafti amma to'atame mariif kan hin dhiyaanne ta'uu yoo dubbatan dhagaahamu.

Pirezidantiin Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Leeftenaant Janaraal Abdulfattaa Al Burhaan torbanoota dura loltoota waraana isaaniif ergaa dhaamaniin biyyi isaanii Itoophiyaa waliin waraanatti galuu akka hin barbaanne ta'us lafa taakkuu tokko akka hin kennine himan.

Lafti amma to'atan daangaa isaanii jalatti hammatamee waliigalteen akka mallattaa'u fedha isaanii ta'uullee dabalanii ibsanii jiru.

Itoophiyaa fi Sudaan daangaa KM 750 dheeratu kan qooddatan yoo ta'u daangaan kun ifatti sararamee kan hin jirre ta'uufi kan kooti sababa jedhuun barootaaf waldhibdeen daangaarra tureera.

Keessumaa lafti omisha qonnaaf mijataa ta'e Al Fashaagaan bakka irra deddeebiin waldhibdeen itti ka'udha.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo naannoo Tigraay keessatti Sadaasa darbe jalqabameef jecha loltoota daangaa Sudaan irraa sochoosuu isaa hordofeeti loltootni Sudaan daangaa dur ture ce'anii lafa kan keenya jedhan kan qabatan.

Ergasii yaaliiwwan rakkoo kana nagaan furuu hanga ammaatti bu'aa qabatamaa hin fidne.