Namoota ajjeechaa Maayikaadiraan shakkaman keessaa 36 to’ataman

Reenfi namoota Maayikaadraatti ajjeefamanii haala kanaan guuramaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Reenfi namoota Maayikaadraatti ajjeefamanii haala kanaan guuramaa ture

Abbaan Alangaa waliigalaa ajjeechaa Maayikaadiraatti raawwatameen namootni shakkaman 279 akka jiran ragaa funaanamerraa hubachuu ibseera.

Abbaan Alangaa kaleessa poolisii federaalaa waliin tahuun ibsa kenneen namoota ajjeechaa kanaan shakkaman keessaa 36 to’atamuu beeksiseera.

Abbaa Alangaa Waliigalaatti, abbaan alangee itti aanaa dhimmoota malaammaltummaa fi yakka qindaa’aa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa fi Koomishinii Poolisii Federaalaatti koomishinarii itti aanaa fi itti gaafatamaan waajira qorannoo yakkaa, Obbo Zalaalam Mangistee ibsa waloo kennanin shakkamtoonni baayyeen Sudaanittii baqachuu himan.

Maayikaadiraatti haleellaan kan raawwate mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduu baatii sadaasaa jalqabaarratti lolli ka’ee guyyoota muraasa booda dha.

Gareeleen mirga namoomaaf falman haleellaa kanaan namoonni 600 tahan ajjeefamaniiru jechuun himu.

Haleellichi Sadaasa 12, 2020 sa’aa booda naannoo sa’aatii 9:00 kan raawwate yoo tahu hanga guyyaa itti aanutii itti fufee ture.

Ajjeechaa nkun raawwatamuu mirkaneessuufis Ministeera Fayyaa irraa gareen hakiimootaa ergamee boolli 117 argamuufi reeffa qorachuun baay’ina namoota du’anii fi sababii du’a isaanii baruuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Fiqaaduunfaa himaniiru.

Dabaluunis Obboo Tsaggaan gareen hakiimotaa kun gabaasa hanga dhiyeessutti haleellichaan lakkoofsa namoota du’anii ibsuun akka hin danda’amne beeksisuun ‘’dhugaa lafarra jiruufi kan miidiyaaleen gabaasan gidduu garaagarummaan jiraachuun,’’ ibsa kanaan himan.

Maayikaadiraan magaalaa kibba-lixa Tigraayitti argamtu yoo tahu erga lolli mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti jalqabeen booda namoonni haala suukaneessaan achiitti ajjeefamuu ibsamee ture.

Yeroos Mootummoota Gamtoomaniitti itti-gaafatamtuun mirga namoomaa Misheel Baachileet magaalaa Maayikaadiraa keessatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman haala suukaneessaa taheen waan qara qabuun ajjeefaman gabaasni jedhu akka qulqullaa’u gaafataniitu ture.

Aministii Intarnaashinaal gamasaan, gabaasa waqtii sanatti baaseen haleellicha eenyu akka raawwate mirkaneessuu akka hin dandeenye himee ture. Haa tahu malee namoonni ijaan argan humnoota TPLF akka himatan ibsee ture.

Amnistii Intarnaashinaal haleellaa Maayikaadiraatti raawwate mirkaneessuuf haleellaan booda namoota achi deemaniifi ijaan argan dubbisuu himuun reeffa magaalattii keessa idduma fe’e kukkufeefi namoota haleellicharraa madaa’anii hafan arguu dubbatu.

Reeffi baayyeen wiirtuu magaalattii naannoo Baankiin Daldalaa Itoophiyaa argamuufi daandii magaalaa dhihootti argamtu Humaraa geessurratti namoonni ijaan argan kan himaniifi suuraan achii argame mul’isa.

Yeroo gabaasni kun bahe naannoo Tigraay kan bulchaa turan Dabiratsiyoon Gabira Mikaa’el(PHD) himannaa kana ‘’bu’uura hin qabu’’ jechuu AFP’n gabaasee ture.

Aminiistii Intarnaashinaal akka jedhetti kaaba-lixa Itoophiyaatti magaalaa argamtu Maayikaadiraatti namoonni lakkoofsi isaanii dhibbaan lakkaa’aman haala suukkaneessaa taheen waan qara qabuun ajjeefamaniiru.

Dhaabbatichi magaalattiin alatti reeffa kukkufee argame suuraa agarsiisuufi viidiyoo qorachuun suuraawwan kan yeroo dhihoo fi achitti kan raawwatame tahuu mirkaneessuu himeera.

Waraana Itoophiyaa kaaba biyyattii qubatee irratti haleellaa raaawwatame jedhameen booda mootummaa federaalaa fi humnooti TPLF lola keessa turuun isaanii ni yaadatama.

Mootummaan federaalaa Maqalee erga to’ateen booda lolli kuni raawwachuu isaa kan ibse tahus ammayyuu naannolee garaagaraatti waraanni akka adeemsifamaa jiru gabaasonni dhaabota idila addunyaa ni ibsu.

Lola kanaan namoonni kuma jaatama tahan gara Sudaanitti kan baqatan yoo tahu, biyya keessatti immoo miiliyoonaan kan lakkaa’aman deeggarsa namoomaa eeggachaa jiru.

Naannoo Tigraayitti ammallee tajaajilli intarneetaa fi bilbilaa guutummaatti hin deebine. Dhaaboti deeggarsaa akka garaa socho’uu akka hin dandeenye irra deddeebiin ibsa kennaniiru.