Albuuda Baasuu: Chaayinoota boolla albuudaa keessatti awwaalamanii turan keessaa sagal du'an

Madda suuraa, AFP
Chaayinoota boolla albuudaa keessatti awwaalamanii turan keessaa sagal du'an.
Torban lama dura Chaayinaa konyaa Shaandong keessatti namoota 22 albuuda osoo baasaanii dho'insa sababiin isaa hin beekamneen lafti itti cite boolla keessatti awwaalaman keessaa 11 kaleessa nagana bahanii ture.
Kantiibaan magaalaa Yantaa'I CCTVtti akka himetti, namoonni sagale warra kaleessa baraarame biraa hafan du'uun mirkanaa'eera.
Namoonni albuudabaasaa turan kunneen Amajji 10, 2021 ture ulaa boolla albuudaa Hushaan bakka jedhamutti argamurratti dho'insa uumameen kan awwaalaman.
Dilbata yeroo namoota awwaalama keessaa 11 lubbuun bahan gammachuutu ture.
Akka viidiyoon waraabame TV irratti agarsiisutti namni jalqaba lubbuun boolla keessaa bahe ija isaa ifa irra dhorkuudhaaf aguuganii gargaarsa atattamaaf yeroo gara hospitaalaa geessan ni mul'ata.
Namni inni jalqabaa kun erga bahee saatii tokkoon booda namoonni 10 kutaa gara garaa boolla alboodaa kana keessaa baafaman. CCTVn akka gabaasetti isaan keessaa tokko miidhameera.
Warra kaan ammoo osoo gara hospitaalaa hin geeffamiin dura lubbu baraartotaan deeggamramanii ofumaan deemaa yeroo turan argamaniiru.
"Lubbuu baraartonni Dilbata turban darbe galgalaa hanga Dilbata kaleessa galgalaatti barbaachuu hin dhaabne, akka carraa ta'ee garuu namoonni sagale boollichatti awwaalamanii hafan hunduu du'an," jedhan Kantiibaan magaalaa Yantaa'I Cheen Fe'ii ibsa Wixata kennaniin.
"Nama tokko kan Kamisa darbe du'e dabalatee, reeffi albuuda baastotaa sagal boolla lbuudaa keessaa baafameera."
Akkamiin awwaalaman?
Karaan gara boolla albuudichaatti geessu hedduu miidhameera. Miidhaa dho’insa ka’umsi isaa hin beekamne kanaan karaan ittiin walqunnaman guutummaan guutuutti citeera.
Torban tokkoof akka isaan lubbuun jiran wanti beekame hin turre.
Torban har’aa garuu hojjetoonni yeroo balaa funyoo/wadaroon karaa qaawwa xiqqoo ergan akka gottotamu itti dhagahame.
Isaan booda waraqaa cittuu irratti hojjetoonni albuuda baasan 12 [11n isaanii bakka tokko, tokko ammoo isaanirraa xiqqoo gadi fagaatee] lubbuun akka jiran ibsuun ergaa ol ergatan.
Isaan booda walitti dhufeenyi nama isa qophaa turee waliin taasifamu addaan cite.
Gama biraan ammoo warra 11n keessaa inni tokko sababa dho’insaan balaa irra gaheen miidhamee Kamisa du’uun isaa barameera.

Madda suuraa, EPA
Akka saba himaaleen Chaayinaa gabaasanitti namoota boolla meetira 600 gadi fagaatu kana keessatti torban lamaaf turan keessaa saglan isaanii lubbuun baasuun danda'ameera.
Amajji 10, 2021 boolla warqee Hushaan Chaayinaa Shaandong keessatti argamutti ture kun kan dhalate. Dho'iinsa ulaa boollichaarratti uumameen karaan bahan cufannaan hojjetoonni albuuda baasuuf boolla seenan kunneen achumatti ukkaamfamanii hafan.
Yeroo dho'insi qaqqabe sanatti hojjetoonni 11 balaa qaqaberraa kan hafan ta'ullee isaan keessaa tokko garuu turee lubbuun isaa dabarteetti.
Namoota boollaa keessatti argamaniif telekoomunikeeshiniin tolfamaaf kan jiru yoo ta’u, nyaataafi qorichi ammoo qaawwa xiqqoodhaan isaaniif ergamaa jira.
Sababiin dho’insichaa maal akka ta’e hanga ammaa waanti beekame hin jiru.












